Itoophiyaa fi biyyoota addunyaa arjoomaan dursan shan

Lammiilee Indonezhiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Afrikaan ardii hiyyeettii addunyaa kanaa taatus, arjoomaan garuu sadarkaa jalqabaa keessa jirti.

Dhaabbanni Charities Aid Foundation (CAF) gabaasa arjummaa biyyootaa addunyaa (World Giving Index) waggaa, waggaan baasa. Qorannoo bara 2024tti geggeessees gabaasasaa bara 2025tti ibseera.

Arjooma namootaa madaaluuf dhaabbatichi gaaffii sadii gaafata:

''Maallaqa kee jaarmiyaa tola oolaaf kenniteettaa?,

''Karadeemaa ykn nama hin beekne gargaarteettaa?,

''Dhaaba hawaasa tajaajilu gargaruuf yeroo kee kenniteettaa?

Deebiin gaaffilee kunneenirraa argamus qabxiin 100 keessaa qabamaafi hammuma qabxiin guddaa argame arjoomni biyyoota olaanaa tahuu mul'isa.

Itoophiyaan Afrikaarraa sadarkaa saddeettaffarra kan jirtu yoo tahu, akka addunyaa ammoo sadarkaa 38ffaarra jirti.

Biyyooti addunyaa sadarkaa tokkoo hanga shanii qabatan kam fa'idha?

Indoonezhiyaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gabaasichi biyyoota140 keessatti namoota 145,000 dubbisuun ifa baaseen arjummaadhaan biyyi Indoonezhiyaatti qixxaatu hin argamne.

Biyyattiin waggaa torbaaf walitti aansuun arjoomaan biyyoota addunyaa dursaa jirti.

Lammiilee biyyattii kudhan keessaa sagal qarshii isaanii arjoomuu, kudhan keessaa jaha ammoo yeroo isaanii tola ooltummaa irratti dabarsuu himaniiru. Kunis amala arjoomaa ijoo dhaabbatichi ittiin biyyoota madaaludha.

Biyyi uummata Musliimaa harka 80 ol qabdu kuni aadaafi amantii dhimma kana keessatti gumaacha olaanaa qabu.

Aadaa wal gargaarsaa Gotong royong -wal-tumsuufi daboo akka jechuu yoo tahu namoonni akka waliin hojjetaniifi jireenya isaanii guyyuu keessatti namoota kaan akka gargaaran jajjabeessa.

Ilaalchi hawaasa wiirtuu godhate kuni amala ollaa gargaaru hanga yeroo balaa deeggarsaan walii qaqqabuu waan addaa otoo hin taane namoonni akkuma qaama jireenya idilee isaanitti ilaalan godha.

Gama biraan amantii Islaamaa keessatti Zakaan arjooma dirqamsiisu yoo tahu sadaqaan ammoo kan fedhiidhaan kan raawwatudha.

Dhiibbaan aadaafi amantii walitti idaa'ame biyyi kuni arjoomaaf iddoo guddaa akka qabaattus taasiseeraa jedhu hayyooti gabaasa kanarrtti qeeqa kennan.

Keeniyaa

Dubartii dubartii bira gargaaraa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Biyyi arjoomaan akka addunyaatti sadarkaa lammataarra jirtu Keeniyaa yoo taatu, Afrikaa irraa ammoo sadarkaa tokkoffaarratti argamti.

Lammiileen Keeniyaa keessummaa ykn nama hin beekne gargaaruun qabxii dhibba keessaa 82 kan argatan yoo tahu walumaagala qabxii 63 argachuun Indooneziyaatti aanuun 'arjaa dha,' jedhamaniiru.

Lammiileen biyyattii keessa harka walakkaa kan tahu waggaa keessatti sa'atii 20.6 tola-ooltummaa irratti dabarsa. Kunis qabxii gidduugalaa arjoomaa biyyoota addunyaan olidha.

Dhaabbilee dhimma hawaasaa garaagaraa irratti hojjetaniif qarshii kennuunis qabxii 86 argachuun tarree arjoomaa bara 2024 Keeniyaan ni dursiti.

Lammiileen Keeniyaa kan arjooman miira ''na ilaallata,'' jijjiirama fiduu barbaaduufi hawaasa naannoo deeggaruu waan barbaadaniifidha.

Aadaa wal-gargaarsaa Haraambee jedhamuuf qarshiifi waan qaban walitti fiduun kan rakkate gargaarus akkasuma qabxii kanaaf shoora qaba.

Sonni amantii Kiristaanaafi Musliimaa namoota gargaarsa barbaadaniif qaqqabuunis akkasuma aadaa arjoomaa kanaaf sababa jedha ibsi gabaasichaa.

Singaapoor

Dubartiifi dhiira haasa'aa jiran

Madda suuraa, Getty Images

Singaapoor qabxii 19 fooyyeessuun gabaasa gulantaa arjoomaa bara 2025 irratti sadarkaa sadaffaa qabattee jirti.

Qabxiin kuni kan hamma yoonaa arjoomaan galmeessite keessaa isa guddaa yoo tahu walumaagala dhibba keessaa 61 aragchuun isa bara 2022, 49 tureerraa fooyyeessuu dandeesseetti.

Siingaapoor miilana arjoomaan qabxii gaarii kan argatte tarkaanfii mootummaan tola ooltummaa jajjabeessuuf fudhate waliin hidhata qaba.

Jaarmiyaa mootummaan jalqabsiise tokko Singapore's Corporate Volunteer Scheme jedhama. Jaarmiyaan kuni dhaaboti tola ooltummaafi daldalaa waliin yoo hojjetan jajjabeessuun lammiilee yeroo isaanii tola ooltummaa irratti dabarsan gibira kaffaluurraa akka haara galfatan taasisa.

Bara 2021 irraa qabee arjooma qarshiin harka 45nin fooyyeessu gabaasni dhaabbata kanaa ni agarsiisa.

Gaambiyaa

Dubartoota waliin yaa'aa jiran

Madda suuraa, Getty Images

Gaambiyaan biyya xiqqoo lixa Afrikaa keessatti argamtu dha. Uummatni Gaambiyaa arjooma idilee kallattiidhaan kenna miti. Jireenyuma guyyuu isaatu arjoomaan kan guutamedha.

Kanaaf ammoo aadaa Teraangaa jedhamu qabu. Kunis naamusa keessummaa simachuufi namoota kaaniif dhimmamuudha.

Aadaa kana keessatti namni ollaa kee yoo dhufe, nama ati hin beekneyyuu yoo tahe sooruu qabda.

Namoota imaltuu deemaa jiranitti yoo baate gaaffii otoo hin gaafatiin gargaaruun waanuma sirraa eegamudha.

Xinnoollee taatu waanuma qabdu qoodda, nama gargaarun akka gaarummaa 'addaatti' hin ilaalamu waanuma namni qaraa godhudha.

Kana malee uummati biyyattii hawaasaan waan jiraatuuf maatiin walitti dhiyeenyaan jiraachuun daa'ima kunuunsuu, maallaqaafi hojii wal-gargaarsaan waan raawwatamudha.

Uummatni Gaambiyaa dhibbeentaan 90 Musliima waan taheef Zakaa-kennaa amantichi hordoftoonni akka kennan dirqisiisuufi Sadaqaa-kennaa fedhiin warreen hin qabneef kennuu dha. Qarshii, yeroofi nyaata arjoomuun itti gaafatamummaa amantiidha. Jireenyi kennaniin fudhachuudha.

Qabeenya akka malee guuruun fudhatama waan hin qabneef arjummaan wabii jireenya hawaasaati. Kana malees qarshii qabaattee yoo nama hin gargaarre akka nama doqna tahetti ilaalama.

Reputation matters a lot. Being known as stingy is worse than being poor.

Gama biraan lafa hanqinni jirutti walirratti hirkachuun waan jiruuf namoonni irra caala arjaa akka tahan isaan gargaara.

Naajeeriyaa

Gurbaa dubartiitti karaa agarsiisaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Naayijeeriyaa keessatti hawaasni Yooruubaa, Igboo fi Haawusaa fa'i jedhaman maatiifi ollaan waggootaaf wal-gargaaraa jiraachaa turan. Horii qabaannaan kan qofaa fayyadamtu osoo hin taane, kan kaan waliin qooddattudha.

Naayijeeriyaa ammayyoofte keessatti amataan Musliimaa fi Kiristaanaa akkuma biyyoota arjaa kaanii keessatti mul'ate qooda guddaa qabu.

Kana malees tajaajila hawaasaa kan mootummaan dhiyeessuu hin dandeenye maatifi itti guuta. Baasii mana barumsaa, fayyaafi haadholii abbaan warraa irraa du'e fa'a gargaaruun waanuma baramaadha.

''Namni har'a gargaarame bor kaan gargaara,'' amantiin jedu jabaa waan taheef arjoomni dhimma walitti daddarbudha.

Kana malees hawaasani daayaaspooraa Naayijeeriya waggaatti qarshii biiliyoonaan lakkaa'amu erguun hawaasa gargaaru. Kabajni hawaasaallee arjummaa namoonni agarsiisan waliin wal-qabata. Sababoota arjaa kunneeniifi birootiin Naayijeeriyaan sadarkaa shanaffaarra irratti argamti.

Ameerik, Yukireen, Awustiraaliyaa, UAE fi Maaltaan biyoota arjummaan jahaa hanga kudhanii biyyoota sadarkaa qabatanidha.