Kutaa ciisichaa hanga addunyaa naanna'uutti - Qabxiilee shan waa'ee 'Speed' beekuu qabdan

IShow Speed ykn Daaren Waatkiinsi

Madda suuraa, Getty Images

"Hordoftoota miiliyoonotaan qabaachuun abjuukoo ture'' jedhe IShowSpeed.

Maqaan dhaloota isaa Daaren Waatkiinsi Juuniyar jedhama. Ameerikaa Ohaayoo, Sinsinaatii keessatti dhalatee guddate.

You Tube irratti hordoftoota miliyoona 48.5 ol qaba. Inistaagiraamii irratti hordoftoota miliyoona 43 ol qaba. Garuu kun hundi akkamiin jalqabe?

Hojiin mukaa'ee siree ciisicha isaa irra taa'ee jalqabe addunyaa guutuutti akka beekamu isa taasise.

Tamsaasa viidiyoo geemii kallattii, kubba miilaa irratti argamuun waltajjii ho'isuu, Viloogii adda addaa fi muuziqaan shuubbisuun beekama.

Ispiid waan adda isa godhu tokko aannisaa fi kaka'umsa waa ittiin hojjetudha. Waan gargaraa yaala.

Sodaa fuula isaa irratti hin argitu. Miira guddaan waan isa irratti tahuu fi arguuf deebii kenna. Dargaggoota onnachiisuun beekama.

Bara 2024 fi 2025 You Tube irratti tamsaasa kallattiin 'Streamer of the Year' badhaasa jedhamu akka addunyaa mo'ateera.

Tamsaasa kallattii You Tube bara 2016 tokko jedhee jalqabe. Yeroo sana viidiyoo geemii akka NBA2K fi Fortnite jedhaman kallattiin tamsaasa ture.

Miiidyaalee irratti yeroo dubbatu akka ibsetti maqaan isaa 'Speed' jedhu kun maqaa masoo ijoollummaatti isaaf kenname irraa dhufe.

1- Afaan Ingiliffaan tamsaasuun addunyaarraa dursa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Yeroo koroonaa barumsi hin turre. Baay'een of jibbaa fi mukaa'aa ture.

Waan hunduu dhaabbateera. Waan ani gochuu danda'u yoo jiraate viidiyoo geemii taphachuu ture.

Yeroo hundaayyuu geemii nan taphadha. Yeroo sana garuu waan tahetu keessa kooti akkan cimsee itti fufu natti hime'' jedhe dhiyeenya kana miidiyaaleetti yoo dubbatu.

Akkuma chaaneloota xixiqqoo kaanii yeroo hojii isaa eegalu namoota muraasatu isa ilaalaa ture. Garuu aannisaa fi waca inni tamsaasa kallattii irratti agarsisu qalbii namootaa akka qabatu taasise.

"Yeroon jalqaba tamsaasa jalqabe nama tokkotu na daawwataa ture. Nama lama sadii jechaa itti fufe. Torbeetti namoota afur na daawwachuu itti fufan. Torban sadii booda namoonni 17 na daawwatan.Kanumaan waan kun akka guddachaa deemu amanuun hojjechuu itti fufe,'' jedhe.

Kun yeroo Tik Tok dhufu bara 2021 keessa akka inni baay'ee beekamu isa taasise.

Akka jaallattoonni isaa jedhanitti, qabiyyeen isaa ''bashannansiisaa fi kan nama kofalsiisudha.''

Bara 2021 You Tube isaa irratti hordoftoota miliyoona tokko argate. Amma hordoftoonni isaa You Tube irratti qofa gara miliyoona 49 gahaa jiru.

Agarsiisa isaa kallattiidhaan rikardii kan qabate ammoo Indoonezhiyaa deemuun kan tamsaase yoo tahu al takkaan namoota miliyoona tokko tahantu isa daawwate.

2- Muuziqaa Hip-Hop

Speed hojii You Tube qofa osoo hin taane indaastirii muuziqaa keessas galeera.

Hii-hoop muuziqaadhaan hedduu tahuu baatus beekameera. Weelluun isaa ''World Cup'' jedhamus kanuma irratti hojjetame.

Sirbichi bara 2022 kan gadhiifame yoo tahu barri kun yerootti Speed waan hedduun milkaa'edha.

Galiin isaa waggaatti doolaara miliyoona 10-15 gahe. Kunis beeksisa You Tube irraa kan argamu, tamsaasa kallattii irratti waliigaltee mallatteessuu fi kuusaa gurgurtaa adda addaa oonlaayinii qabu irraati.

3- Ispoortii hojjechuu fi yaalii balaafamaa

Maqaan amma miidyaa irratti fayydamaa jiru 'Speed' maqaa masoo ijoollummaa isaatti maatiin isaa ittiin waamaa turanidha.

Saffisa guddaa waan qabuuf 'Speed' jedhanii waamaa turan. Gahumsa qaamaa isaatti baay'ee amana. Ispoortii hojjeta.

Fiigichaa fi dorgommii buunyaan namoota beekamoo addunyaa irraa kamiyyuu mo'achuu nan danda'a jedhee amana.

Warra dorgommicha keessa jiraniin ala jechuudha. Dhiyeenyuma kana atileetii Olompikii irratti meedaaliyaa argatee fi lammii Ameerikaa tahe Noohaa Liyilsi fageenya meetira 50'n dorgomeera.

Mo'chuuttiyyuu dhiyaateera. Yeroo tibbana biyyoota Afrikaa daawachaa ture ammoo bineensa saffisa guddaa qabu iyyaa dorgomeera.

Bara 2024 ammoo Intar Miyaamii keessatti konkolaataa Laamboorgiinii lama saffisaan deemaa turan irra utaaluun namoota hedduu naasiseeras, rajeffachiiseeras.

Kana qofa osoo hin taane ispoortii ofirra garagaluu fi gochaawwan balaa qaban fa'aa hojjechuun beekama.

IShowSpeed ykn Daaren Waatkiinsi

Madda suuraa, Getty Images

4- 'ISpeed' fi K. Roonaaldoo

Namni viidiyoo Ispeed ilaalu kamuu waa'ee Roonaaldoo yaadachuun isaa hin hafu.

Yeroo viidiyoos tahe gochaa kamiyyuuhojjetee xumuru 'Suuu' jechuun mallattoo gammachuu ibsannaa Roonaaldoo agarsiisa.

Ispiid bara 2022 booda kubba miilaaf jaalala addaa qaba ture. Qabiyyee kubba miilaas hojjechuu jalqabe.

Tapha jalqabaa inni taa'ee ilaale ammoo dorgommii Shaampiyoonsi Liigii bara 2022 Liiverpuulii fi Riyaal maadirid gidduutti gaggeeffamedha.

Akkuma waa'ee kubba miilaa baraa adeemeen waan Kiristaanoo Roonaaldoo dorgommicha keessatti galmeesse qorachuu fi baruutti ka'e.

Osoo tamsaasa kallattii irra jiruu namni isa hordofu tokko eenyuun akka dinqisiifatu yoo gaafatu Roonaaldoo tahuu ibseefii. Kanumaan 'Suuuh' jechuun agarsiise.

Kanumaan bara 2022 Waancaa Addunyaa irratti Poorchugaalii fi Roonaaldoo deeggaruu adeeme.

Yeroo baay'ee Roonaaldoo arguudhaaf yaaleera. Gara Oldi Tiraafoord deemee Roonaaldoo arguuf yaalee akka carraa tahee guyyaa sana Roonaaldoon hin taphanne ture.

Dhuma irratti bara 2023 tapha Poorchugaalii fi Boosiniyaa Herzigoovaaniyaa booda gara magaalaa Liisban deemuun argate.

Viidiyoo sana yeroo maxxansu Tiwiterii ykn X irratti yeroo miliyoona 140 ilaalamee yeroo miliyoona 1.8 ammoo jaalatameera.

5- Siree ciisichaa hanga Afrikaa

Speed kutaa ciisicha isaa keessaa viidiyoo kamiyyuu tamsaasaa ture.

Kutaa dhiphoo keessa jiraatu achuma keessa rafu meeshaa isaa kallattumaan biraa mul'atu ture.

Erga beekkamtiin isaa dabalaa deemee bara 2023 kutaa ciisichaatii addunyaatti baanee hojjenna jechuun daawwannaa gara Awurooppaatti taasise.

Awurooppaa erga daawwatee bu'aa isaa yeroo argu waan ani hojjechuu barbaadu inni sirriin isa kanadha jedhee itti fufe.

Bara 2024 gara Eeshiyaa adeeme. Indooneezhiyaatti simannaa adda tahetu godhameefii. Seenaa kan hojjetes asitti ture.

Tamsaasa kallattii isaa namoota miliyoona tokkotu kallattiin ilaale. Kun rikardii guddaa inni qabatedha.

''Yeroon kana argu nan boo'e. Abjuukotu dhugoome. Takkaa akkas taha jedhee yaaduu baadhus namni tamsaasa kallattii You Tube irratti hojjetu kamuu kan abjatudha. Deeggaraa hin qabu. Namni na waliin hojjete biraa hin jiru. Qofumakoo kana hojjechuun aartii guddaadha. Milkaa'inadha'' jedhe.

Forbes akka gabaasetti ergasii Speed biyyoota addunyaa hunda irra deemuun kallattiin tamsaasuu fi nyaata aadaa isaanii beeksisuuf itti fufe.

Muummicha ministeeraa Albaaniyaa imala isaa keessatti argate. Ergasii gaggeesitoota addunyaa hedduu qaamaan argatee waliin dubbateera.

Biyya isaanii beeksiseera.

Speed dandeettii wal'aansoos qaba. Nama addunyaa irratti Wal'aansoo [wrestling] beekamu Raandii Orton wlaiin dorgomeera. Seenaa Viidiyoo gabaabaa Inistaagiraamii irratti hamma isaa kan ilaalameeru hin jiru.

IShowSpeed' tibbana biyyoota Afrikaa daawwachaa jira. Kallattiinis tamsaasaa jira. Zaambiyaa, Afrikaa Kibbaa, Keeniyaa fa'aa keessaa tamsaaseera.

Angoolaatti bulchaa biyyichaa argateera. Itoophiyaa yeroo gahus simannaa guddaan taasifameeraafii.

Magaalittiin misooma kooridarii guddaa gaggeessaa turuun bakkeewan hedduu miidhaksiteetti. Paarkiiwwan dabalatee manneen daldalaa, nyaata aadaa fi uffata, muuziqaa biyyicha keessatti beekamu hedduu viidiyoo isaa keessatti agarsiiseera.

Biyyoonni hedduun Speed yeroos imatan beeksisaaf itti fayyadamaa jiru. Itoophiyaattis kanuma hojjete.

Speed akkaataatti nama waliin dubbatu ykn waca guddaa, maraatummaa, aannisaa waan hundaa gochuu nan danda'a jedhu qabaachuun beekama.

Biyya kamiyyuu yoo deeme nyaata aadaa isaanii dabalatee anoo hin nyaadhu waan jedhu hin qabu.

Kanaaf Itoophiyaatti kan beekamu foond diimaas nyaateera. Dargaggoonni kumaatamaan bahuun simataniiru.

'Speed' ykn Daaren Waatkiinsi umurii isaa waggaa 22'n addunyaatti akka beekamu kan gargaare yeroo namni hedduu hojii dhaabee abdii kutannaan mana keessa ture, yeroo weerara koroonaa dukkana sana abdiitti ykn carraatti jijjiiruun itti fufinsaan hojjechuu isaati.