‘Tiktookii'n birrii miliyoona 20 ol nama gargaaruuf walitti qabne’ -Mubaarak Musammaa

Madda suuraa, Getty Images
Tiiktookii (TikTok)n miidiyaa hawaasaa dargaggoota biratti fudhatama guddaa horachaa dhufe.
Dargaggoonnis bashannanaaf, odeeffannoo argachuuf akkasuma kanneen dandeettii aartii qaban ammoo dandeettii saanii agarsiifachuf itti gargaaramaa jiru Tiktokii.
Biyya Masrii kan jiraatu dargaggoo Mubaarak Musammaa ammoo namoota rakkatan gargaaruuf Tiktookiidhaan fayyadamanaa jirra jedhe.
Hojii isaa kanattis mikaa'uun deeggarsa birrii miliyoonaan lakkaa’amu walitti qabuun namoota deeggarsi atattamaa barbaachisuun gahu dubbata.
''Yoo xiqqaate birrii miliyoona 20 ol nama gargaaruuf karaa Tiktookiitiin walitti qabneerra,’’ jechuun BBC'tti hime.
Tiktook irratti hordoftoota 200,000 ol kan horate dargaggoo Mubaarak, maallaqa kana hawaasa Oromoo miidiyaa hawaasaa kana fayyadaman irraa walitti qabu akka danda'e hima.
Lammilee Itoophiyaa baqatanii biyyoota garaa garaa keessatti rakkina keessatti argamaniif gummaata taasisuuf deeggarsi kun walitti qabameef jiraachu ni dubbata.
Fakkeenyaafis, baqattuu lammii Itoophiyaa kan faddaalaadhaan Bahareen irraa daangaa Tarkii fi Siriiyaa gidduu erga geeffamteen booda doolara Ameerikaa 5,000 akka kaffaltuf dirqiisifamte turte, ''karaadhuma Tiktook kanaatiin hordoftoota irraa maallaqicha walitti qabne gargaarre'' jedhe Mubaarak.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Tiiktookin miidiyaa hawaasaa ajaa’ibatii jechuun kan jaju Mubaarak, dhiheenya kana dhukkubsate kan ture Artisti Zarihuun Wadajootiifis maallaqa hanga tokko karaa Tiktook kana walitti qabuun gargaaru hime.
Haata’u male, miidiyaan hawaasaa kun gargaarsa ittiin walitti qabuu hedduu akka hin deeggarre, sababa kanaaf akkawuntiin isaallee jalaa ugguramu dubbata.
Mubaarak kanaan dura dubartii dhukkubsachuun garaanshee dhiita’eef gargaarsa osoo gaafatuu tamsaasa kallatti akka hin gargaaramne akkawuntiin isaa ugguramuu hima.
''Tiiktookiirratti beeksisa yoo beeksifte, lakkoofsa bilbilaa yoo beeksifte si adabu, bilbila barreessanii hin deeggaramu, garuu malaan itti gargaaramnee uummata keenyaaf sagalee ta’aa, gargaarsa walitti qabuu eegalle’’ jedha.
Namoota deeggarsi namoomaa saffisaan barbaachisuuf viidiyoo Tiktook irratti hojjatee tumsa bira dhaabbanna gaafata Mubaarak.
Viidiyoowwan haala kanaan dalagaman yeroo gabaaba keessatti namoota kuma dhibbaan lakkaa’aman bira akka qaqqabu jedhe Mubaarak.
''Nama rakkateef viidiyoo hojjannee gadhiifna, rakkoo akkasiitu jiraa nu bira dhaabadha’’ jenna.
Lakkoofsa herregaa nama rakkatee kennineef irratti kallattiin nama rakkateef maallaqa ergu jedha.
Miidiyaan hawaasaa Tiktook Itoophiyaa keessatti haalaan fudhatama argataa dhufeera.
Aappiin Chaayinaa kan ta'e TikTook'n bara 2020 keessa appiiwwan si'a hedduu buufaman keessaa sadarkaa jalqabaarra jiraachuu kaampaaniin App Annie jedhamu beeksise.
Miidiyaalee hawaasummaa bara 2020 keessa namni itti fayyadamuuf hedduu buufate shan keessaa TikTok qofatu kaampaanii Feesbuuk jalatti hin hoogganamu.
Aappiin viidiyoo gaggabaabduu qooduun jaalatamaa ta'e kun Chaayinaa keessatti appii kan biraa viidiyoo qooduuf gargaaru kan afaan Chaayinaan hojjetu Douyin waliin gabaa guddaa argate.
Pirezidantiin duraanii US Doonaald Tiraamp Ameerikaa keessatti aappiin kun akka ugguramu yaalanis, ergasiiyyuu jaalatamummaan aappii kanaa Ameerikaa keessatti akkaan dabale.












