Guyyaa du'a isaa kan eeggatu Niidaal Hasan eenyu? Kaayyoon loltoota Ameerikaa ajjeeseef maali?

Madda suuraa, Bell County Sheriff's Office/Reuters
Ameerikaan qondaala waraanaa duraanii Niidaal Hasan jedhamu kan loltoota US meeshaa waraanaa hin hidhatiin 13 ajjeesee 32 madeesse osoo uummanni miidiyaan ilaaluu rasaasa itti roobsuun ajjeesuuf murteessite.
Ministeerri Ittisaa Ameerikaa (Pentagon) ajjeechaa qondaala waraanaa duraanii murtoon du'aa irratti darbee kallattiidhaan tamsaasuuf karoorfachuu beeksise.
Murtiin kun mootummaa fi paartilee siyaasaa garaagaraa irraa mormii fi qeeqa bal'aa kaaseera.
Qondaalli waraanaa Ameerikaa duraanii, Niidaal Haasaan, mudde 3 bara 2026 kan ajjeefamu yoo tahu, gareen rasaasaan rukutuun ajjeesu qophaa'uu himameera.
Ministirri Ittisaa US, Piit Heegseet, ajjeechaan kun kallattiidhaan tamsaafamuun haleellaa waraana mootummaa irratti fuulduratti raawwachuu yaadaniif akka akeekkachiisaatti tajaajila jedhan.
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Jimaata darbe karoora kana akka deeggaru dubbate.
Yoo karoorri kun hojiirra oole, seenaa Ameerikaa keessatti ajjeechaan murtii du'aa yeroo jalqabaaf uummataaf kallattiidhaan kan tamsaafamu ta'a.
Nidaal Hasan eenyu? Maaliif loltoota US ajjeese?
Niidaal Haasaan jedhama. Duraan qondaala waaraanaa Ameerikaati. Jiraataa Virjiiniyaa yoo tahu ogeessa xiinsammuutis.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Mudda 3 bara 2026 osoo uummanni miiidyaan ilaaluu ajjeefama jedhame.
Abukaatoon Niidaal Joon Gaaligaan torban darbe dubbii kanaa maxxansa miidiyaa hawaasaa irraa argee guyyaa murtiin du'aa itti raawwatamu dursee Niidaalitti hime.
Gaaligaan turtii BBC waliin taasiseen ajjeechaan kun akka "agarsiisa bashannanaa" tokkootti ilaalamaa jira jechuun qeeqeera.
Niidaal Haasaan nama Virginia keessatti dhalate dha. Inni bara 2009 keessatti buufata waraanaa Ameerikaa Fort Hood kan Texas keessatti argamu keessatti haleellaa raawwateen loltoota hidhannoo hin qabne 13 ajjeesee akka ture mootummaa duratti amaneera.
Dhaddacha irratti yeroo yaada kennu bara 2013 Musiliimotaa fi mootummaa Taaliibaan kan Afgaanistaan keessatti argaman waraana Ameerikaa irraa tiksuu yaadeen ajjeechaa kana raawwadhe jedhe.
Haleellaa sana keessatti ofii isaas rasaasaan rukutamee madaa'eera. Yeroo ammaa immoo deemuuf teessoo socho'aa (wheelchair) fayyadama.
Bara darbe biyyoota 17 keessatti namoonni 2,700 ol murtii du'aatiin ajjeefamaniiru.
Garuu ajjeechaa kana biyyoota lama qofatu uummata duratti ifatti raawwate.
Akka Amnesty International jedhutti, bara 2025 keessa Iraan keessatti namoonni 11 uummata duratti ajjeefamaniiru.
Afgaanistaan keessattis namoonni 6 akkaataa walfakkaatuun uummata duratti ajjeefamaniiru.
Ajjeechaan uummata duratti raawwatamu kun yeroo baay'ee qeeqama.
Isteetonni Ameerikaa keessaa muraasni namoota murtiin du'aa irratti murtaa'e rasaasaan dhukaasuun ykn elektirikiidhaan ajjeesu.
Garuu yeroo baay'ee namoonni murtiin du'aa irratti murtaa'e qoricha summaa'a waraanamuun ajjeefamu.
Dhiheenya kana isteetii Tennessee keessatti dubartiin Kristaa Paayikii (Christa Pike) jedhamtu summii kana lilmoon waraanamuun ajjeefamuuf yaalame.
Garuu hojii hin milkoofne. Sababni isaa maal akka ta'e mootummaa amma illee qorachaa jira. Namoonni tokko tokko qorichoonni fayyadaman dulloomanii turan jedhu.
Erga hojii sun fashalaa'ee booda, mootummaa Ameerikaa keessatti namoota murtiin du'aa irratti murtaa'e ajjeesuuf mala biraa barbaadaa jiru.
Pentagoniin Onkoloolessa 5 beeksisa baaseen Niidaal Haasaan rasaasaan akka ajjeefamu ibseera.
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp karoora kana ni deeggarra jedheera. Akkasumas ajjeechaan sun karaa interneetii kallattiidhaan akka tamsaafamus ni deeggara jedheera.
Itti Aanaan Pirezidaantii Ameerikaa JD Vaans garuu ajjeechaan sun toora interneetii irratti ni tamsaafamaa jechuun isaa irratti shakkii akka qabu dubbateera.
Inni, "ni ta'a moo hin ta'u hin beeku. Yoo ta'es ilaaluuf fedhii hin qabu" jedheera.
Akka Gidduugalli Odeeffannoo Ajjeechaa 'Death Penalty Information Center' jedhutti, namni mootummaa Ameerikaatti uummata duratti yeroo dhumaa ajjeefame Rooskoo "Red" Jaakson jedhama.
Ajjeechaan sun Mizuurii keessatti namoota gara 500 ta'an duratti raawwatame.
Ajjeechaan uummata hedduu duratti raawwatame keessaa kan beekamaan ammoo bara 1936 ture.
Namni Reenii Betee'aa jedhamu, yakka gudeeddii raawwachuun duuti irratti murtaa'e. Innis namoota gara kuma 20 ta'an duratti fannifamee ajjeefame.
Yoo ajjeechaan Niidaal Haasaan raawwatame, Ameerikaa keessatti erga bara 1961 as yeroo jalqabaaf raawwatama.
Akkasumas, Ameerikaa keessatti erga Waraana Addunyaa Lammaffaa xumuramee booda nama jalqabaa rasaasaan ajjeefame ta'a.
Bara 1961 keessa, loltuu Ameerikaa tokko intala umuriin waggaa 11 lammii Oostiriyaa taate waan gudeedeef irratti yakka raawwachuu isaatiin fannifamee ajjeefame.
Kana malees, Amajjii 1945 keessatti loltuu Ameerikaa waraana keessaa baqate tokko rasaasaan rukutamee ajjeefameera.




























