Injinara digirii jalqabaatii hanga PhD Warqii badhaafame, Kataariin Waancaa Addunyaaf qopheessu

Maqaan isaa Injinar Taaddasaa Gammadaa jedhama. Dhalatee kan guddate Shawaa Kaabaa aanaa Kuyyuutti yoo ta’u amma dargaggeessa ganna 30 gara jalqabaa keessa jirudha.
Taaddasaan imala milkaa’ina gama barnootaan argate, mana Barumsa Garba Gurraachaa hanga biyya Kaataaritti badhaasota hedduu ittiin argate BBC’tti himeera.
Seenaa dargaggeessa kanaa akka inni dubbatetti isinii qindeessinee jirra itti dhihaadhaa.
Ani barnoota koo irratti xiyyeeffannaa godhee gara barataa cimaatti kanin dhufe yeroon kutaa 8ffaa baradhu ture. ALA bara 2008’tti qorumsa biyyoolessaa kutaa 12 fudhadheen akka Godina Shawaa kaabaatti qabxii olaanaa galmeessisuun badhaasa argadheen ture.
Ergasii gosa barnoota ‘Civil Engineering’tin Yunvarsiitii Saayisnii fi Teeknolojii Adaamaan seene. Bara 2011tti barumsa kiyyaan qabxii 4.0 galmeessisuun badhaasa yunvarsiitichi qopheesse fudhadheera.
Yunvarsiitii keessatti barnoota kiyya cinaatti barattootaafis baarumsa irratti qarqaarsa adda addaa taasisaan ture. Ijoollee injinariingii barataaniif barnoota dabalataa kennaan ture.
Kana malees barattoota damee barumsaa kiyya siivil injinariingii baratanis sooftiweeriiwwan adda addaa fi gaaffilees qopheessuun gargaaraan ture. Yeroon barataa waaggaa 3ffaa ture irraa kaasee ammoo kitaaba 'Structural Engineering’ jedhamu barreessaan ture.
Kana malees foormulaa haaraa fi istaandardii ijaarsa gamoowwaanii Itoophiyaa wajjin kan deemu diizaayiniiwwan haaraa akkaataa itti hojjetamu irratti hojjechaan ture.
Haa ta’uutii yeroon barataa waggaa afraffaa turetti balbala mooraa yunvarsiitii saayinsii fi teeknolojii Adaamaa duratti cuubeedhaan lapheekoo jala dabalatee iddoowwan jaha waraanamee laaptooppiin kiyya waan saamameef hojichi karaatti najalaa hafe.
Balaa baraa sanaa irraa hojii dinqii waaqayyootiinan oolee barumsakoo xumure malee waanti suni hamaa ture.
Imala gara biyya Kaataar…
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara 2013 yunvarsiitiin kiyya kaampaanii Saamsang waliin ta’uun barattoota gosa barnootaa siivil injinariingii irraa qabxii olaanaa galmesisan afuriif carraa hojii biyya alaatti hojjechuu kennee ture. isaan keessaa tokko ana ture.
Carraa Kanaan kaampaanii saamsang Kaataar jirutti saayit injinarii ta’een hojii jalqabe. Kaampaanii kana keessattis qophii Kaataar waancaa addunyaa qopheessuuf taasisaa jirtu keessatti ijaarsa bu’uuraalee misoomaa irratti waggoota sadiif hojjedheera.
Kaataar yeroo ammaa kana isteediyeemiiwwan dorgommii waancaa addunyaaf oolan guutumatti xumurteeti kan jirtu. Biyyi Kaataar Isteediyeemiin alattis pirojektoota hedduu ijaaraa jirti. Pirojektiin ani irratti hirmaadhes isaan keessaa tokko.
Ijaarsa pirojektoota waancaa addunyaa Kaataar irratti waggoota sadiif ergan hojjedheen boodaa digiriikoo lammaffaa barachuufan yunvarsiitii Kaataar seene. Achumaan yunvarsiitichattin barsiisummaa jalqabe.
Hojiis hojjechaan digiriikoo sadaffaa (PhD) siivil Injinariingiidhaan torbee sadii dura eebbifame. PhD kiyya qaabxii 4.0 kanin xumure.
Badhaasota argate…
Guyyaa eebba keenyaa barattoota bara kana PhD dhaan eebbifaman keessaa qabxii olaanaa galmeessisuudhaan akkasumas qorataa kabajamaa gulantaa jedhuun itti aanaa mootii biyya Kaataar irraa meedaaliyaa Warqee argadheera.
Badhaasni ani injifadhe kuni badhaasa Maqaa Mootii Kaataariin kennamu yoo ta’u waggaa waggaadhaan barattootaa qabxii olaanaa fidanii fi qorannoo dansaa taasisaniif kan kennamuudha.
Barumsa kiyyaan alatti qorannoo irratti bal’inaan waanin hirmaadhuuf hojii qorannoo taasiseenis badhaasota hedduu argadheera. Fakkeenyaaf waggaa lama dura sadarkaa yunvarsiitii kiyyatti qorataa cimaa bara kanaa kan jedhuun badhaasaa fi beekamtii argadheen ture.
Qorannoon barumsa PhD kiyyaaf qoraadheenis badhaasa ‘Best Dissertation Award’ jedhu injifadheera. Kun badhaasotan hanga ammaa argadhe keessaa muraasan ibse.
Amma Barnoota PhD gosa barumsa biraatiin University of British Colombia, Kaanaadaa’tti seemisteera sadaffaa irran jira.
Imala kiyya hanga ammaatti waaqni nagargaaree maqaa kiyyaa fi maqaa biyya kiyyaa olkaasuu kiyyatti baayyeen gammada.

Iccitii milkaa’inaa…
Iccitiin milkaa’ina kiyya inni jalqabaa qarqaarsa Waaqaati. Kanarraa kan hafe milkaa’inaan kan nagahe garaa guutuudhaan barnoota kiyyarratti xiyyeefachuu kiyya. Yeroo hunda yeroo kiyya seeraan fayyadameetin qoo’adha.
Ani amalakootti yeroon qoo’adhu beekumsa argachuufan qoo’adha malee qabxiidhaaf cinqamaatii hin qoo’adhu. Baarnoota Fiiziksii fi Herreega baayyeen jaaladha. Isaan yeroo hunda dura deemeen dubbisa ture. Fakkeenyaaf fiiziksii kutaa 11 yeroon kutaa 9 jirun dubbisaa ture. herreegas akkasuma.
Yeroon yunvarsiitii tures barnootan jaaladhu durseetan dubisa. Kanaafuu ani yeroo hunda daree kanin seenu waan haaraa barachuuf osoo hin taane waan osoo naaf hin galin hafe gaafachuufi ture.
Mul’ata gara fuula duraa…
Mul’anni kiyya qorataa cimaa addunyaarratti beekamu ta’uudha. Ogummaa injinariingiitiin biyya kiyyaa fi addunyaa kanaaf gumaacha guddaa gochuun barbaada.
Kana maalees ijoollummaarraa kaasee barsiisuu waanin jaaladhuuf yunvarsiitii keessatti piroofeesara beekamaa ta’uufan hojjechaa jira.
Dhaamsa …
Waan hundaanuu milkaa’uuf jalqaba ofitti amanamummaa qabaachuun murteessaadha. Kaayyoo fi karoora ofii adda baasanii beekuun barbaachisadha. Sanbooda yerookee sirnaan fayyadamtee kaayyoo kee sanaaf hojjechuu qabda.
Keessumaa yeroo ammaa kanammoo wantoonni akka miidiyaa hawaasummaa kan kaayyookee irraa karaatti siqaban hedduutu jiraa. Kanaaf cimanii kaayyoo ofiitti cichuu gaafata.
Barattoonni yeroo hundaa yeroo qoo’atan akka nama beekumsa argatee nama biraa barsiisuuf deemuutti qoo’achuu qabu. Dhumarratti ofiif qofa osoo hin taane namootni biroos akka milkaa’anif gargaaruun murteessaadha.













