Ertiraan muddama Itoophiyaa waliin itti jirtuuf UN akka gidduu seenu gafatte

Madda suuraa, Yemane G. Meskel/X
Ertiraan, muddama Itoophiyaa waliin keessa jirtu ilaalchisee, Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UNSC) gidduu seenuu akka qabu gaafatte.
Ertiraan xalayaa UNSCf abbeessite kanaan, Itoophiyaan "maqaqaa ofirraa ittisuuf" jedhuun waraana biyya walabaa, miseensa UN taate irratti waraana banuuf sababii barbaaduudha jechuun himatte.
Gaaffiin Ertiraa kun xalayaa Itoophiyaan loltoonni Ertiraa daangaashee kiiloo meetira 60 ol keessa seenanii "guutummaatti waraana irratti banuu" ibsuun, "ofirraa ittisuu malee filannoo biraa hin qabu" jechuun UNSC'f ergite guyyaa muraasa booda dhihaate.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) ibsa Jimaata, Onkoloolessa 9, baaseen loltoonni Ertiraa gara Itoophiyaa seenuun isaanii isa yaaddessuu ibseera. Akkasumas, muddamni biyyoota lamaan gidduu jiru hammaachaa waan jiruuf, biyyoonni lamaan tarkaanfiiwwan muddamicha hammeessan irraa of qusachuun gara marii dippilomaasiitti akka deebi'an waamicha dhiheesseera.
Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa xalayaa Onkoloolessa 8, 2026 UNSC'f ergeen, gochi Ertiraa weerara seeraan alaa ta'uu ibsuun, Itoophiyaan ofirraa ittisuuf tarkaanfii fudhachuuf mirga akka qabdu beeksiseera.
"Ertiraan weerartuu dha; Itoophiyaan ammoo miidhaan irratti raawwatame dha," jedha xalayaa Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa UNSC'f barreesse.
Haa ta'u malee, Ertiraan himannaa Itoophiyaan dhiheessite kana haaluun deebii kenniteetti.
Ministirri Dhimma Alaa Ertiraa, Osmaan Saaleeh, xalayaa UNSC'f ergeen Itoophiyaan "Ertiraan na weerarte" jechuun himannaa dhiheessuun, karoora waraana banuu "ofirraa ittisuu" jedhuun dhugoomfachuuf yaalaa jirti jedheera.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Ertiraan, Itoophiyaan waggoota sadii oliif waraana irratti kakaasaa fi doorsisaa turteetti jechuun himatti.
Akkasumas, fedhiin Itoophiyaan Galaana Diimaa argachuuf qabdu, keessumaa buufata doonii Assab, yaaddoo nageenyaa biyyoota lamaan gidduu jiru hammeessaa akka jiru ibsiteetti.
Miidiyaaleen idil-addunyaa garaagaraa, loltoonni Ertiraa torban darbe daangaa Itoophiyaa ce'anii gara kaaba Tigraayitti seenuun naannoo magaalaa Adigraat keessa qubatanii akka jiran gabaasaniiru.
BBC'nis maddeen garaagaraa ijaan argan irraa odeeffannoo funaanuun, loltoonni Ertiraa daangaa Itoophiyaa keessa seenanii socho'aa jiraachuu mirkaneesseera.
BBC Verify suuraawwan loltoonni Ertiraa daangaa Itoophiyaa keessatti argamuu agarsiisan, akkasumas Itoophiyaan loltoota Ertiraa daangaashee seenan irratti haleellaa diroonii raawwachuu qoratee mirkaneesseera.
Dhaabbanni walitti bu'iinsa hidhannoo hordofu ACLED akka jedhutti, halkan Roobii irraa gara Kamisaatti bari'u, torban darbe, loltoonni Ertiraa fi meeshaaleen waraanaa isaanii naannoo Adigraat keessatti haleellaa mootummaa Itoophiyaan diroonii fayyadamuun raawwatteen rukutamaniiru.
Ertiraan kallattiin daangaa Itoophiyaa ce'uun waraana humnoota Tigraay waliin gaggeeffamaa jiru keessatti hirmaachaa jirti jechuun himatamuu isheetiin alatti, gareewwan hidhatanii mootummaa Itoophiyaa lolan deeggaraa jirti jedhamees himatamaa jirti.
Humnoonni hidhatan torba, TPLF dabalatee, tumsa ijaarrachuun mootummaa Itoophiyaa kuffisuuf akka hojjetan beeksisanii guyyaa muraasa booda, TPLF daangaa naannolee Amaaraa fi Affaar irraan haleellaa jalqabuu ishee ni yaadatama.
Kana hordofee, Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Humna Nagaa Tigraay (TPF) waliin ta'uun tarkaanfii deebii kennuu fudhateera. Tarkaanfiiwwan kanaan, torban lamaan darban keessatti humnoonni TPLF magaalota gurguddoo naannoo Tigraay keessaa, Maqalee dabalatee, akka ba'an taasifamaa jiru jedhameera.

Madda suuraa, MOI Eritrea
Wal himannaan biyyoota lamaanii kun haaraa ta'uu baatus, kan ammaa kun garuu waraana kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiruun wal qabatee daran babal'achuu danda'a jedhamee sodaatamaa jira.
UN gabaasota humnoonni Ertiraa Itoophiyaa keessa galuu ilaalchisee ba'e hordofee yaddoo guddaan uumamuu ibsuun, biyyi kamuu heera Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii eeguun, daangaa fi walabummaa biyyoota biroo kabajuu, akkasumas dhimma keessoo isaanii keessa seenuu irraa akka of qusachuu qaban cakeekkachiiseera.
Qondaalootni Ameerikaa tokko haalli Itoophiyaa fi Ertiraa gidduu jiru gara walitti bu'iinsa waraanaa guddaatti ce'uu danda'a jechuun akeekkachiisaniiru.
Miseensa Mana Maree Ameerikaa Joorj Meeks fi Bakka Bu'aan Uummataa Sara Jacobs, himanni sodaachisaa biyyoota lamaan irraa bahan walitti bu'iinsa jiru gara waraanaa guddaatti jijjiiruu danda'a jedhu.
Lolli kun Gaanfa Afrikaa caalaatti tasgabbii dhabsiisuu fi ummata biyyoota lamaanii miidhuu akka danda'u eeran.
Qondaalotni kunneen Bulchiinsi Pirezidaantii Ameerikaa Donald Tiraamp nagaa fi tasgabbiin naannawa kanaa akka kabajamu mirkaneessuuf dhiibbaa akka godhu gaafachuu isaanii ibsaniiru.
Itoophiyaa fi Ertiraan waraana Tigraay bara 2020 hanga 2022tti ture keessatti mootummaa federaalaa Itoophiyaa waliin ta'uun humnoota TPLFn lolaa turte. Waraanni sun waliigaltee nageenyaa Piritooriyaa bara 2022 mallatteeffameen dhaabbate.
Haata'u malee, hariiroon biyyoota lamaan gidduu jiru yeroo sanarraa eegalee hammaachaa dhufe.





























