Masrii: Shamarran miidiyaa hawaasummaarratti beekaman dudhaa cabsan jedhamuun adabaman

Shamarree sirbuun yakkamtuu taate

Madda suuraa, AFP

Masrii keessatti shamarran miidiyaa hawaasummaa kanneen akka TikTok, Inistaagiraam fi kanneen biroo irratti duudhaa hawaasaa cabsan jedhaman adabaman.

Kanneen hidhaa fi maallaqaan adabaman arfan keessaa Mawada al-Adham tokko.

Tarkaanfii irratti fudhatame kanaan daran kana aarte obboleettiinshee hangafaa Rahmaa al-Adham, ‘’Affaantu nu hidhame, ni rifanne. Badii dalagde hin qabdu. Obboleettiin kiyya yakkamtuu miti.’’ Jette.

Barattuu Yuuniversitii kan taate shamarreen umrii waggaa 22, Mawadan, ji’a darbe keessa ture seera maatii Masrii cabsite jedhamuun kan hidhaan waggaa lamaa itti murtaa’e.

Shamarreen kun Caamsaa darbe keessa utuma sirba namaa duukaa sirbituu fi shubbisuudhaan Tik Tok hojjettuu qabamte, abbaan seeraa viidiyoon sun duudhaa hawaasaa kan cabsuudha ittiin jedhe.

Mawadaan Tik Tok irratti hordoftoota miiliyoona 3 , Inistaagiraam irratti ammoo miiliyoona 1.6 qabdi.

‘Shamarran Tik Tok’

Mawadan shamarran Masrii hidhaan walfakkaataan itti murtaa’e shan keessaa tokko. Shamarran kunneen maallaqa doolaara Ameerikaa 20,000 dabalataan adabamaniiru.

Shamarran shanan kunneen ‘’Shamarran Tik Tok(Tik Tok girls)’’ jedhamuun beekamu.

Garee mirga dhala namaaf falmu keessaa tokko kan ta’e Amnistii Intarnaashinaal akka jedhutti abbootiin alangaa suuraawwan Mawada 17, kana mala badaa duudhaa hawaasaa cabsu agarsiisu dhiyeessaniiru.

Mawadan akka jettutti bilbilli mobaayilii ishee waggaa darbe bade kan turee fi suuraa sanas achi keessaa hatan, kunimmoo mirga namaa srabuudha.

Dhimmi Mawada har’a, Wiixata (17,08,20) ol iyyannoof kan dhiyaate yoo ta’u, obboleettiinshee Rahmaan, tarii adabbiinshee kun ni hir’ataafii abdii jedhuun eegaa jirti.

Abukaatoon Mawada, Ahmad Bakrii Mawadan murtoo kana eegdee akka hin turree fi wayita dhageessuus naasuudhaan akka gaggabde dubbatan.

Miira lammiilee fi dhaabbilee mirga namoomaa

Dhimma kanarratti uummata Masrii bira miira wal-makaatu jira.

Hedduunsaanii viidiyoon Tik Tok kan Madawan hojjette duudhaa hawaasaa kan cabseedha jedhu.

Kaan ammo shamarran kunneen ofiif bashannan malee homaa waan hin balleessineef hidhamuun irra hin turre jedhu.

Gareen mirga namoomaaf falmu ammoo tarkaanfiin shamarran irratti fudhatame kun walabummaa yaada ofii ibsachuu sarbuun afaan namootaa luugamuudha jedhu.

Mootummaan Masrii hidhamtoota siyaasaa mana hidhaatti dararaa jira jedhamuun kan komatamu yoo ta’u Pirezidaantiin biyyattii Abdulfattaa al-Siisii garuu hidhamtoota siyaasaa hin qabnu jedhu.

Dhaabbileen mirga namaaf quuqaman kanneen akka Komishinii Mirga Namoomaa Masrii fi Dhaabbati Mirga Namoomaa kan magaalaa Kaayiroo jiru tarkaanfii mootummaan shamarran irratti fudhate qeeqaniiru.

Daarekatarri Dhaabbata Mirga Namoomaa kanaa Mohammad Lotfy mootummaan dhiibbaa koornayaa uumaa jira jedhan.

Lammiileen biyyattii duraan siyaasaan dararamaa turan amma waan siyaasaan alaanis kan dararaman ta’uu mul’isa jedhan.

Waajjirri Abbaa Alangaa biyyattii dhiyeenya kana kana wantoota dargaggoota ol-adeemoo amala balleessan jedhee tarreesse keessaa tokko miidiyaa hawaasummaati.

Maatiin ijoolleensaanii karaa miidiyaa hawaasummaa beekamuu fi milkaa’uuf jedhanii duudhaa hawaasaa cabsan akka adabatan ajajeera.