Namtichi qurxummii hamaa haadha warraasaa liqimsaa turerraa rukkutee buufate

Bakka kanatti shaarkiin yeroo hedduu namoota qabateera

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Bakka kanatti shaarkiin yeroo hedduu namoota qabateera

Namtichi Awustiraaliiyaa qurxummii hamaa [Shaark] wayita bashannana galaanarra konkolaachuutti jiran haadha warraasaa butee liqimsaa ture utaalee dugdarra bu'uun rurukkutee harkaa buufate.

Akka miidiyaaleen Awustiraaliyaa gabaasanitti, dubartiin Chantellee Doylee jedhamtuufi kan umuriin ishee ganna 35 taate Awustiraaliyaa Kutaa Saawuuz Walesii keessatti galaanaa Port Macquarie irra bashannana oriitoorra konkolaachuu (surfing)n bohaaraa yeroo jirtutti Shaarkiin liqimsuuf kan ishee bute.

Abbaan warraa ishee hanga shaarkichi haadha warraa isaa tufutti hamma humna isaa reebuun harkaa buufatee gara qarqara galaanichaatti ishee baase.

Miidhaa miilla isheerra qaqqabeef wallaansi akka taasifamuuf battaluma sana xiyyaaraan gara hospitaalaa geeffamteetti Doyleen.

Oduun ogeessota bakka ulaa galaanaa 'Port Macquarie' turan waabeffachuun akka gabaafametti, sharkiin Ms Doylee liqimsuuf ture kun ijoollee kan ta'eefi bifaan adii ture. Dheerinni shaarkichaa ammoo meetira sadii ta'a jedhameera.

Hoji-gaggeessaan dhaabbata lubbuu bararaaruu Surf Life Saving NSW jedhamuu Isteeven Piirs abbaa warraa dubartii baraaramtee kanaa tarkaanfii gootummaa akkasii atattamaa lubbuu baraaruu isaaf fudhachuun dinqisiifateera.

Shaarkii guddaa

Madda suuraa, Getty Images

Akka miidiyaarratti hoji-gaggeessaan kun maqaa dhahetti maqaan abbaa warraa Doylee Maark Raapilee jedhama.

"Bidiruu miilllaa irra dhaabbatee oriitoo galaanaarra konkolaataa jirurraa utaalee shaarkicharra bu'uun hanga inni ishee gadhiisutti tume. Shaarkichi yeroo ishee tufu dugdatti ishee baadhhatee qarqara galaanaatti baase," jechuun Sidinii Moorniing Heeraalditti dubbate. "Kun gootummaa dhugaadha."

Map

NSW irraaa qondaalli ambulaansii qaqqabsiisuun tajaajilu Inspaktar Andiriiwu Beeverlii hanga warri gara wallaansa fayyaatti geessan qaqqabanitti namoonni Doyleef gargaarsa duraa achuma galaana qarqaratti kennaaf turan.

"Namoonni achi turan gargaarsa malu waan taasisaniif galateeffamuu qabu. Isaanis hojii ajaa'ibaa hojjetaniiru," jedhe.

Baatiiwwan dhiyoo keessatti miidhaan shaarki naannoo sanatti qaqqabsiise kun isa sadaffaadhas jedheera.

Aadde Doyleen Hospitaala Niiwuukasil geeffamtee erga baqaqasanii wallaanuun taasifameefii haala gaariirratti argamti.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Aarbaa Mincitti namichi naacha namni sodaatu waliin jiruu isaa godhateera.