Ispoortii: Kopheen taphataa kubbaa kachoo beekamaa Maayikel Joordaan caali-baasiin Birrii Mil. 23tti gurgurame

Madda suuraa, Getty Images
Kopheen Siniikarii taphataan kubbaa Kachoo addunyaarratti beekamaa Maayikel Joordaan godhachaa ture caal-baasiidhaan Dolaara kuma 615 (tilmaama Birrii miliyoona 23tti) gurgurameera.
Caal-baasii torban kana keessa ture irratti dhaabbanni Naayik Ayiir kophee taphataa beekamaa kanaa Joordaan 1 jedhamu gurguruun isaas ibsameera.
Kopheen kunis yeroo garee Chikaagoo Buulsi keessa bara 1985 taphataa yeroo turetti kan godhachaa turedha.
Kophee kanaanis ol utaaluudhaan kubbaa hedduu galchuun seenaa kan ittiin galmaa'edha.
Dhaabbanni Kiriistiis jedhamu caal-baasii dhimmoota ispoortiifi ogummaa irratti gaggeessuun beekamu hanga ammaa kopheewwan Maayikel Jordaan sagal caal-baasiin gurgureera.
Kopheewwan kunneenis kan caali-baasiif dhiyaatan turtii milkaa'aa waggoota afurii Maayikel Jordaan kilaba Chikaagoo Buulsi keessatti dabarse yaadachuudhaaf jedhameera.
Kopheen amma Birrii miliyoona 23tti caali-baasiin gurgurame kun qabeenya kaampaanii Ameerikaa Istaadiyeem Guudsi jedhamuu yoo ta'u, kopheewwan seena qabeeyyii Maayikel Joordaan keessaa isa filatamaadha jedhameera.
Kopheewwan hunduu kampaanii uffataafi kophee omishu Maayikel Jordaaniin ispoonsara gochaa tureen kan kan omishamedha.
Kophee filatamaafi ajaa'iba jedhame kana dabalatee kopheewwan biroo warreen sassaabuu barbaadan waan jiraniif, maallaqa hanga kanaa itti baasuun bitachaa jiraachuu kampaanichi beeksiseera.
Kophee kana malee, bara 1992 Olompikarratti tapha akka Ameerikaan injifattu taasise yeroo taphatetti Ayiir Jordaan 7 jedhamu Dolaara 11,500 (Birrii kuma 413n) gurgurameera.
Kopheewwan biroos yeroo gara garaatti Dolaara 21,500 (Birrii kuma 772), akkasumas 8,750 (Birrii kuma 314)n gurgurtaaf dhiyaateera.
Fedhiin gabaa jirus yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufuu isaa kampaanichi beeksiseera.

Madda suuraa, Getty Images
Seenaa kubbaa kachoo keessati bakka ol-aanaa kan qabu Maayikel Jordaan, mootii kubbaa kachoo jedhamuun beekama.
Maayikel Jordaan guutummaa addunyaarratti kubbaa kachoo kanaan gurra guddaa kan horate yoo ta'u, baroota 1980 fi 1990 moota keessa ispoortii kubbaa kachoo sadarkaa addunyaattillee akka beekamu taasiseera.
Fiilmii mata-duree 'Ze Laast Daansi' jedhamu walitti fufee darbu seenaa Maayikel Jordaan irratti fuulleffate karaa Neetfiiliksiin darbaa jiru ammoo akka maqaan isaa deebiyee yaadatamu taasiseera.















