Piriimer Liigiiin Itoophiyaa yoomiifi akkamiin deebiyee jalqabamaa?

Madda suuraa, STAFFORD ONDEGO
Piriimer Liigiin Itoophiyaa sababa weerara koronaavaayirasiitiin erga dhaabbatee bubbuleera.
Haata'u malee, erga dhiyootii asiitii kilaboonni Liigichii taphattoota haaraa mallatteessifachuufi warreen duraan turan waliin ammoo waliigaltee haaromsuuf sosocho'aa jiru.
Sochiin kun yeroo ilaalamu ammoo Piriimer Liigiin kun deebiyee jalqabaminnaa? kan jedhu gaaffii kaasaa jira. Deebiin gaaffii kanaa eyyee taanaan attamiin taphatti deebiyama? Dirree qullaa deggartoota hin qabne keessatti gaggeeffamaa?
Federeeshinii Kubbaa Miillaa Itoophiyaatti Daarektarri Hayyamaa Obbo Tewoodiroos Firaankoo dorgommiin kubbaa miilaa akka deebiyee jalqabamuuf mootummaa waliin dubbachaa jirra jedha.
Bulchaan kilabootaa erga ministeera fayyaa irraa hayyama argatee booda torbeewwan 6-7 jiran keessatti Liigichi jalqabuu danda'a jedha Daarektarici. Haata'u malee, Piriimer Liigiin Itoophiyaa guyyaa akkasii jalqaba jedhamee guyyaan adda bahee murtaa'e hin jiru jechuun ibsa Obbo Tewoodiroos.
Kilabootarraa maatu eegamaa?
''Kilaboonni 'assaayimantii' fudhataniiru. Sana akka xumuraniin wanta irratti waliif galan erga fidanii booddee ministeera fayyaatiif dhiyeessina. Ministeerichi yoo hayyama nuuf kenne hojiitti galla," jedheera Daarektarichi.
Obbo Tewoodiroos kilaboonni qajeelfama labsii yeroo muddamaa mootummaan labse hodofuu qabu jedha.
Kilaboonni yeroo taphatti deebiyan haal-duree isaan guutuu qaban:
- Taphattoonniifi miseensonni kilabootaa tapha gaggeessuun dura yeroo sa'atii 48-72 keessatti bu'aa qorannoo qaama dorgomsiisuuf dhiyeessuu
- Dirreen alattis kilaboonni taphatan hoteelota isaan keessa turan ni sakkatta'ama - hojjetoonni hoteelichaa ni qoratamu
- Konkolaataan [awutoobusiin] fayyadaman dachaadhaan dabaluu qaba - kun ammoo taphattoonni awutoobusii tokkoon imalan akka walakkaan hir'atu gochuuf
Istaadiyoomii cufataniimoo bakka daawwattoonni jiranitti taphatamaa?
Dhimma istaadiyeemii deeggartoota hin qabne keessatti taphni gaggeeffamaa. Mootummaanis tarsiimoo qopheessaa jira jedha Obbo Tewoodiroos.
Haata'u malee haala amma jiruun taphoonni istaadiyeemii cufatanii bakka daawwattoonni hin jirretti gaggeeffama jedha.
"Taphawwan karaa TV akka tamsa'an gochuudhaan hordoftoonni akka Piriimer Liigii Itoophiyaa daawwatan gochuudhaan akka galiin kilaboonni TV irraa argatan taasisuuf hojjechuu yaadneerra."
Dabalataanis taphawwan Liigichaa istaadiyeemiiwwan murtaa'an irratti akka gaggeeffaman Daarektarichi BBCtti himeera.
"Taphoonni istaadiyeemota warra kam irratti akka gaggeeffaman hanga ammaa murtee hin dabarsine. Dirreewwan filachuun murtee dabarsuu kan danda'an qaamolee wal dorgomsiisanidha. Haata'u malee, erga filatamaniillee yoo kan ulaagaa fayyaa hawaasaa hin guutne ta'an faayidaarra ooluu dhiisuu danda'a."
Jijjiirraa taphattootaa...?
Kilaboonni Piriimer Liigii Itoophiyaa taphattoota haaraa mallatteesifachuufi taphattoota duraan turan waliin ammoo waliigaltee haaromsuutti jiru.
Sidaamaa Bunnaa, Hadiyyaa Hosaahinaa, Hawaasaafi Baahir Daar taphattoota waliin waliigaltee dheeressuurratti hojjechaa jiru.
Federeeshinichi garuu jijjiiraan taphattootaa taasifamaa jiru beekamtii kan hin qabnedha jechaa jira.
"Kilaboonni taphattoota mallatteessifachaa akka jiran miidiyaaleerraa dhaga'aa jirra. Haata'u malee, yeroo jijjiirraa taphattootaa Federeeshinichaa ammallaa hin banamiin jira. Qaamoleen sadan [Federeeshinii, Taphataafi kilabichaa waliigalteen mallatteessan yoo jiraate kan beekamtii seeraa qabaatu."
Hayyamni taphni akka jalqabamu osoo hin argamiin dursanii kilaboonni adeemsa taphattoota mallatteesisuu keessa galuun isaanii waan bitaa namatti galudha jedha Obbo Tewoodiroos.
"Hir'ina maallaqaa qabna jechaa taphattootaa mallatteessisuun wanti ta'e akka jiru namatti hima."
Taphni Piriimer Liigii Itoophiyaa bara kana sababa koronaavaayirasiitiin addaan cite jedamuyyu murteen kun Piriimer Liigicha dursaa kan ture Faasil Kanamaa dabalatee kanneen biroo dheekkamsiisuun isaa ni yaadatama.













