Atileetiksii: Riikoordiin Qananiisaa atileetii Yugaandaatiin cabe

Madda suuraa, Getty Images
Lammiin Yugaandaa Cheepteegeen, Daayimandi Liigii Moonaakootti geggeeffamerratti riikoordii fiigicha meetira 5,000 kan waggoota 16'f qabamee ture sekondii lamaan kan cabse.
Meetira 10,000'n Doohaatti wayita injifate riikoordii kana fooyyessuuf akka yaalu dubbatee kan hin milkoofneef atileetiin ganna 23 kun, fiigicha kaleessaa irratti daqiiqaa 12 fi sekondii 35.36'n galuun injifate.
Riikoordiin kana duraa Qananiisaa Baqqalaan daqiiqaa 12:37.35'n qabamee ture.
Cheepteegeen baruma dhibeen addunyaa unkuraa jiru kanatti, Moonaakootti yeroo lammaffaaf riikoordii cabsuu isaati.
Guraandhala darbe riikoordii meetira 5,000 kan piriinsiippaaliitii cabsee ture.
"Moonaakoon bakka adda riikoordiiwwan addunyaa itti cabsuu danda'udha, yeroo namoonni hedduun mana keessa turaa jiran kanatti as ga'uuf hojii guddaa hojjachuutu narra ture'' jedhe.












