Qananiisaan Rikoordii Maraatoonii Addunyaa cabsuuf sekoondii lamaaf qofa hanqisee mo'ate

Qananiisaan rikoordii maraatoonii gara biyyaatti nan deebisa jedha

Madda suuraa, JOHN MACDOUGALL

Atileet Qananiisaa Baqqalaa Maaraatoonii Barliin bara 2019tti, rikoordii cabsuudhaaf sekoondii lama qofaa hankaakee injiifateera.

Qananiisaan sa'atii 2:01:41 galmeessuun kan xumure yommuu ta'u rikoordii Maraatoonii addunyaa atileetii Keenyaa Eluwiid Kipchoogeetiin bara darbe 2:01:39 tiin qabamee turuun isaa ni yaadatama.

Qananiisaan qabxii kana galeessuu isaatti hedduu akka gammade BBC Afaan Oromootti himeera.

Dorgommii kanaan atileetonni Itoophiyaa Birhaanuu Laggasaafi Sisaay Lammaa sadarkaa lammataafi sadaffaa argataniiru.

Gama dubartootaan immoo atileet Asheetee Bakaree sa'atii 2:20:14fi Maaree Dibaabaa 2:20:22 galmeessuun tokkoffaafi lammata bahuun injifataniiru.

Atileet Qananiisaan 'dorgommii kana ani akka nama du'ee ka'eettan ilaala. Sababiin isaas yeroo dheeraadhaaf dhukkubbiirran ture." jedheera.

Atileet Asheeteen yeroo Maraatoonii Barliin injifannoon xumurtutti

Madda suuraa, Getty Images

Sababii dhukkubbiirra tureef sirriitti akka hin qophaa'iin ture ibsuun, qophii yeroo gabaabaa keessatti qofa taasiseen qabxii bareedaa kana kan galmeessuu danda'e gara fuula duraatti akka abdii qabu dubbateera.''

''Gara fuula duraatti yoo Rabbi fayyaa koo guutummaatti naaf deebise, rikoordiin kun biyya keenyatti deebiya jedheen yaada." jedheera.

Qananiisaa Baqqalaa Maraatoonii Barliin 2019 irratti

Madda suuraa, Getty Images

Qabxii har'a argate kana itti gammaduu isaa himuun, maaraatoonii injifate kanaaf ji'a sadii qofa akka qophaa'e hima.

Kun ammoo maraatooniidhaaf gahaa miti akka Qananiisaan jedhutti. Sababiin isaas jedhe, rikoordii haaraa galmeessuudhaaf yoo xiqaate ji'a afurii hanga shaniitti nama barbaachisa jedhe.

Yeroon qophii isaa gabaabaa ta'us garuu Itoophiyaa keessatti garee sirriitti hojjetan waliin hojjechaa akka ture kaasa.

"Garee tokkoffaa leenjisaa Haajiin leenjisu keessan ture. Kanaaf isallee baayyee galateeffachuun barbaada. Deggersa gareen suniifi leenjisaa Haajiin naaf godhaa tureen baayyee nama gammachiisa.

Baayyee walii galteedhaan hojjechaa turre. Isaan dabalatee, maatiikoofi ummata na gargaaraa turan nan galateeffadha."

Qananiisaa Baqqalaa injifannoo Maraatoonii Barliin booda

Madda suuraa, Getty Images

Ayyaana Masqalaa dorgommii kanaaf deemee Barliinitti akka dabarse kan dubbatu Qananiisaan, Ayyaana Irrechaa ammoo uummata Oromoo maraan baga ittiin isin ga'e jedheera.

"Irreecha, nagaa, kan badhaadhinaa, kan gammachuu akka nuuf ta'u hawwaa yeroo gaarii isiniif haata'un jedha."