Atileet Qananiisaa Baqqalaa: 'Namni jiraachuu barbaadu of eeggannoo guddaa gochuu qaba'

Qananiisaa Baqqalaa namuu dhibee Covid-19 irraa akka of eeggatu akeekkachiise

Madda suuraa, DANIEL LEAL-OLIVAS

Ummanni qajeelfamtoota ogeeyyiin fayyaa koronaavaayirasii irratti kennan hojiirra oolchaa hin jiru jechuun atileetiin fiigicha fageenya dheeraan maqaa guddaa qabu Qananiisaa Baqqalaan BBC'tti hime.

Qananiisaan turtii BBC waliin taasiseen, murteen Atileet Daraartuu Tulluun yeroo dhukkubni addunyaa yaaddesse kanatti qophii Olompikiitiif atileetonni hoteela akka hin seenne jettees sirruma ture jedheera.

''Ummanni addunyaa akka baalaatti harca'aa jiru kun kun garaa nama hin nyaatu?'' kan jedhu Qananiisaan, kanaafuu ummatni hundu ittigaafatamummaa of eeguu qaba. Garuu, kuni ta'a hin jiru jechuun yaadda'eera.

''Ummanni of dagachuun gorsa kennamu yoo waan of gatu ta'e rakkina guddaatu biyya irratti uumamaa deema. Ummatnis rakkina hin taane keessa seena,'' jechuun hima.

Bu'uraaleen fayyaa Itoopiyaa keessa jiran guddaa waan hin taaneef 'ummatni kana beekee gorsa kennamu dhaggeeffachuutu isaanirra jira jedha.

''Namni abdii fulduraatti qabu namni jiraachuu barbaadu hundi ofiifi maatii saatiin of eeggannoo guddaa godhuu qaban jedha,'' jechuun fayyaa yoo qabaatan lubbbuun yoo jiraatan wanta baay'ee hojjechuun danda'ama jechuun hima.

Qananiisaan akkamiin of eegaa jira?

Qananiisaan gamoo bakka leenjii atileetiksii Sulultaatti qabu tokko bakka namoonni dhukkuba kanaan shakkaman itti tursiifaman akka ta'u gumaacheera.

Gama isaatiin, erga koronaavaayirasiin biyya seenee eegale shaakallii qofaa isaa taasisaa jira jedheera.

Gorsa ogeeyyii fayyaa, kan mootummaan baaseefi Dhaabbata Fayyaa Addunyaa irraa kennamu hordofaa akka jiru dubbata.

''Ummanni tokkoon tokko of eeggannoo guddaa godhe dhukkuba kana to'achuun ni danda'ama,'' jechuun namuu yoo of eege tatamsa'ina isaa to'achuun akka danda'amu hima.

Maal taajjabe?

Maloota dhukkuba koronaavaayirasii ittisuuf gorfaman keessaa tokko harka wal fuudhuu dhabuufi walirraa fagaachuudha.

Ta'us, kana hojiirra oolchu irratti ammallee hedduu akka hafu Ministirri Muummee Abiy Ahimad dhiheenya ibsuun isaanii ni yaadatama.

''Ummanni baay'inaan hin dhagahu. Akka taphaatti ilaala wanta kana,'' jechuun Qananiisaanis waan isa mudate hima.

''Kan harka si qabachuuf sitti deemanitu jira. Kaan ammoo wajjiin footoo haa kaanu jedhee nama sitti deemutu jira. Kuni rakkisaadha. Yeroo ati hin ta'u jettu kan sitti aarutu jira.''

Kun hidhata aadaa keenyaa qabaatulleen, ummanni hanga dhukkubni kun to'atamutti murteewwan darban akka kabajamu gaafateera.

'Daraartuun sirriidha, kaanitti gaddeera'

Boordiin Koree Olompikii Idl- Addunyaa murtee xumuraa olomikii irratti hin dabarsiin dura ture Koreen Olompikii Itoophiyaa atileetonni hoteela seenuun olompikiif akka qophaa'an kan murteesse.

Murtee kana garuu, pirezidantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Atileet Daraartuu Tulluu yeroo koronaavaayirasiin tatamsa'etti ta'u hin qabu jechuun mormite.

Atileet Haayilee G/Sillaaseefi G/Igzaaber G/Maariyaam pirezidantii Koree Olompikii Dr Ashabbir W/Goorgis waliin goranii turan.

Dhimma ijoo dubbii ta'e irratti kan gaafanne Qananiisaan, ''Durumaan dursee wanta sirrii hin taane. Gorsa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa kenneen kan walitti bu'udha. Akka nama tokkootti anis baay'ee itti gaddeen jira,'' jedheera.

''Ummanni biraa beekuu baachuu danda'a. Atileetota tokko tokko ta'u qaba jedhanii murteessan baay'ee itti gaddeen ture.

''Amma garuu sanis ta'e kanas dorgommiin darbee jira. Garuu taajjabbii guddaa dabarseen jira bakka kana irratti.

''Daraartuun ejjoonnoo isheetiin guutummaan guututti sirriidha. Ani dhaamsa Daraartuun fudhadha. Kan jaroota kaaniitii miti,'' jechuun Qananiisaan BBC'tti hime.

Murtee Olompikii

Dorgommiin Olomikii atileet Qananiisaa Baqqalaaf haaraa miti. Lammiin Itoophiyaa waltajjii kana irratti guddaa hin milkaa'e isa malee kaan hin jiru.

Yeroon olompikichaa dheereeffamunsaa dhiibbaa wayi akka isarratti qabaatu gaaffii dhiyeesineef, amma umuriin isaa 38 guutuufan. Kanaafuu, Olompikiin waggaa tokko achi siiquun isaa garuu nan yaaddessu jedha.

''Waggaan tokko, lama baay'ee miti. Umuriin kiyya ganaadha. Nan qaqqaba. Yaada kiyya galmaan gahuu nan danda'a.''

Kana malees tibba kanatti dorgomiichi dabarfamu isaatti akka gammadee himeera.

''Kan Rabbi jedheetu ta'a malee kan namni jedhe hin ta'u yeroo hundaa,'' jechuun dhukkubni addunyaa yaaddesse kuni akka baduf ummanni Waaqa akka kadhatu dhaama.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa