Koronaavaayirasi: Kaanaadaan atileetota hin ergu jechuun Olompikii baranaa shakkii guddaa keessa galchaa jira

Namoota Alaabaa Kaanaa

Madda suuraa, Getty Images

Dorgommiin Olompikiifi taphoota paralimpikii 2020 Tokiyoo shakkii guddaa keessa galeera, kessumattu erga Kaanadaan atileetota dorgommicharratti hirmaatan akka hin ergine beeksisteen booda shakkiin jiru bal'ateera.

Kanaadaan tarkaanfii kana fudhachuutiin biyya jalqabaa taatiitti.

Kaanaadaan kana kan beeksiifte, ammoo erga minisirri muummee Jaappan Shinzooo Abee yeroo jalqabaaf guyyaan dorgomichaa achii siqun isaa hin oluu jechuun amanani booda.

Haluma kanaan gartuun Awustiraaliyaa dorgommichii akka hin gaggeefamne 'ifaa' dha jechuun atleettonni ishee dorgommiii 2021'f akka qophaa'aniif itti himteetti.

Dorgommiin kun Adoolessa 24 akka jalqabuuf karoorfamee jira.

Kaanadaan maal jette?

Koomiteen olompikiifi paralimpikiii atleetota, gartuulee ispoortii fi mootummaa Kaanadaa waliin mari'achuun "murtee isa cimaa" murteessuu isaa beeksise.

Sana booda dorgomichii waggaa tokkoof achi akka siquuf Koomitee Olompikii Idil addunyaa, Komitee pParalimpikii Idil Addunyaa fi DHaabbata Fayyaa Addunyaaf 'aritiin waamicha' dhiyeessera.

"Dorgommii kana achi siiqsuun akkam akka cimaa ta'e nuuf gala ta'us garuu fayyaa fi nageenya atleetotaafi hawaasa addunyaarra kan kan caalu hin jiru" jedha ibsi isaani.

Boodarra Kaanadaan fuula Tiwiitaraa irratti, "Har'a guyyaa dabarsaa. Bor ammo injifadhaa" jechuun maxxansaniiru.

Shinzoo Abeen hoo maal jedhani?

Torban hedduuf aanga'ooti Jaappan dorgommichi akkuma karoorfameen akka itti fufu himaa turani.

Garuu Wiixata kana MM Abeen haasaa paarlaamaa irratti taasisaniin yeroo jalqabaaf guyyaan olompikii Tookiyoo 2020 achii siquun isaa akka hin oolle amananiiru.

"Dorgommii kana guutummaatti qabaachuun ni cima, nageenyi aatleetota dursa dhufuu isaa yeroo yaadnu murtiin guyyaa isaa achi siqsuu kan hin oolle ta'a," jedhani.

Ta'us garuu dorgommichi gutummaatti akka hin haqamne dubbataniiru.

Dorgommiin olompikii yeroo nagaatti haqamees ta'e guyyaan isaa geeddaramee hin beeku.Olompikiin 1940 sababa Waraana Addunyaa Lammaaffan kan haaqame ture yoo ta'u yeroo sanattis Tookiyootti gaggeefamuuf ture.

Koroonaavaayiras
Banner

Ejjennoon Koomitee Olompikii Idil addunyaa (IOC) maali?

Dilbata irratti IOC'n dorgommii 2020 irratti murtee murteessuuf ofiif torban afur kennuu isaa beeksiseera.

Guyyaa geeddaruun 'filannoo' tokko ta'uu danda'a, dorgommicha haquun garuu " rakkoo kamiifu furmaata hin ta'u ykn eenyunuu hin gargaaru" jedha.

Xalayaa atleetootaaf barreessaniin pirezdaantiin IOC Toomaas Baachi " Lubbuun namaa dorgommii qopheessuu dabalatee waan hundarra caala" jedhaniiru.

Biyyootiin biroofi atleettonni maal jedhu?

Wiixata Awustiraaliyaa atleettonni ishee dorgommiii 2021'f akka qophaa'aniif itti himteetti.

Dilbata ammo, hogganaan Atleetikii Addunyaa, Sebasishiyaan Koo dorgommii Adoolessa keessa gaggeessun "dhugaas hin fakkaatu baarbaachisaas miti" jechuun Toomaas Baachiif barreessaniiru.

Ispoortiin Fiigichoo USA guyyaan akka geeddaramuuf waamicha dhiyeessaniiru. Atleetonni gartuu Global Athlete jedhamuuf murtee wal fakkaata qabu.