Koronaavaayirasii: 'Bara' weerara dhibee hamaa waan shan abdii namatti horan

Vaayirasuu sadarkaa addunyaatti gara laaffummaa umeera

Madda suuraa, AFP

Namoonni hedduunsababii koronaavaayirasiitiif qofaatti adda of baasanii jiru. Guutummaa addunyaa irratti biyyoonni karra cufatanii balaliin xiyyaaraa addaan citeera.

Hojjetoonni miliyoonaan lakkaa'aman mana isaanii taa'anii hojjechaa jiru.

Haata'u malee, dhiphina kana keessatti kan abdii namatti horanis hin dhiban.

1. Faalamni qilleensaa hir'achuu

Biyyoonni sochii isaanii waan dhaabaniif faalamni qilleensaa baayyisee hir'ateera. Chaayinaa keessattis ta'e Kaaba Xaaliyaan keessatti kan qilleensa akka malee faalu Naayitiraajiin Daayioksaayidiin hir'ateera.

Kun kan ta'uu danda'eef sababii koronaavaayirasiitiin soochiin industiriiwwanii waan dhaabbateef.

Qorattoonni Niiwuu Yoork jiran BBC'tti akka himanitti, bara darbe waliin walbira qabamee yeroo ilaalamu keessumaa konkolaataawwan keessaa kan bahu Kaarbon monoksaayidiin dhibbentaa 50 hir'ateera.

2.Ulaawwan qaxaamuraafi daddabarsaa namootaan muddamuurraa bilisa ta'uu

Imalawwan galaanarraa hir'achuu isaaniirraa kan ka'een bishaan qulqulluu ta'aas jira. Bishaan magaalaa Xaaliyaan Veeniis jedhamtu keessa qaxxaamuru kanaan dura baayyee xuraa'aa ture amma jijjiiramni kun irratti mul'ateera jedhu jiraattonni.

Kun kan ta'uu danda'eefis daandiiwwan kaaba Xaaliyaan duraan turistootaan dhiphachaa turte yeroo ammaa kanatti ona ta'uu isheerraa kan ka'edha. Kun ammoo gataafi balfi bishaanichatti guuramee keessatti kufu xiqqaachaa dhufuu isaatiin jedhameera.

Qaamoleen bishaanii qulqullaa'aa dhfuun ammoo lubbu-qabeeyyii bishaan keessa jiraatan akka qurxummuufaa ifatti arguun akka danda'amu himamaaa jira.

3. Hojiiwwan qajeelummaa

Weerarri koronaavaayuras dabalaa deemuun isaan walqabatee rifannaafi waanta argatan muddamaan bitachuun namoota hedduu burjaajiifi miidhaan akka qaqqabu taasisullee taateen kun hojii wajeelummaafi waliif garaa laafuun addunyaa irratti akka mul'atu taasiseera jechuun ni danda'ama.

Jiraatotni Niiwuu Yoork saatii 72 keessatti meeshaaleen bu'uuraa dhala namaaf barbaachisan akkasums qorichawwan maanguddootaafi namoota biroo carraa saaxilamuu ol-aanaa qabaniif namoota hojii tola-ooltummaan qaaqqabuu danda'an 1,300 walitti qabuu danda'aniiru.

Feesbuukuun akka jedhetti namoonni kumaatamaan lakkaa'aman Ingiliiz keessatti koronaavaayirasii waliin walqabatee hojii tola-ooltummaa irratti hirmaachuudhaaf qophii ta'aniiru.

Haaluma walfakkaatuun Kanaadaa keessattis namoonni hojii tol-ooltummaatti bobba'uudhaan fedhaan namoota gargaaruuf haala isaan dandeessisutti gurmaa'anii qophaa'aniiru.

Suppermaarketoonni Awustiralaiyaa, "saatii maanguddootaa" jechuudhaan yeroo maanguddoonniifi namoonni miidhama qaamaa qaban dhiibbaafi muddama tokko malee itti tajaajilamuu danda'an mijeessaniiru.

Gama biraan ammoo namoonni hedduun maallaqa arjoomaallee jiru. Dabalataanis, namoota adda of baasanii jiraniif deggersa hamileefi jajjebeessuu taasisaa jiru.

Hojiiwwan tola-ooltummaafi deggersawwan eeruman Itoophiyaa keessatti bal'inaan mul'achaa jiru.

4. Tokkummaan dhaabbachuu

Sababii hoojiifi itti-gaafatamummaa biroo irraa kan ka'een namoota naannoo keenyatti argamanirraa fagaachuun aadaa jireenya bara kanaa ta'eera. Amma garuu sababa weerara koronaavaayirasiirraa kan ka'een wal buusuun ykn waldagachuun hafee ummanni addunyaa tokkummaan akka ka'ee dhaabbatu taasiseera.

Xaaliyaanitti sababii dhorkaa irraa kan ka'e namoonni magaalota gara garaa keessatti manaa gadi bahuun hin hayyamamu. Jiraattonni magaalaa sanaa garuu karaa foddaatiin bahanii hojjetoota fayyaatiif faaruu hamilee dhiyeessuufi isaanii dhaadachaa jiraachuun isaanii agarsiiftuu kanaati.

Namoonni hedduun yeroo rakkisaa akkasii kana keessatti bakkuma jiran ta'anii namoota jaallataniifi hiriyoota isaanii karaa bilbilaafi miidiyaalee hawaasummaa wal jajjabeessaafi hamilee waliif ta'aa jiru.

5. dandeettiin kalaquu dagagaa jiraachu

Namoonni baayyeen sababii koronaavaayirasiitiif akka manaa hin baane dhorkamuu isaanii akka carraatti fayyadamanii dandeettii waa kalaquu isaanii mana taa'anii cimsachaa jiru.

Fayyadamtoonni miidiyaalee hawaasummaa shaakalawwan adda addaa mul'isaa akka jiran argamaa jira. Tokko tokko bilcheeffachuu, kaan ammoo fakii kaasuu waan haaraa yeroo itti dabarfatan ta'aa jira. Namoonni dubbisuu irratti xiyyeefatanis ni jiru.

Koroonaavaayiras
Banner