Tiraamp Ameerikaa keessatti 'TikTok' akka ugguran beeksisan

Madda suuraa, EPA
Pireezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp TikTok aappii viidiyoon ittiin qoodamu abbummaan isa kan Chaayinaa ta'e US keessati akka dhorkamu beeksisan.
Gaazexessitootatti yoo himan Sanbata ganamaan akka dhorkamu xalayaa ajajurratti nan mallatteessa jedhan.
Hoogganoonni nageenyaa US aappichi odeeffannoo dhuunfaa lammiilee biyyattii sassaabuuf oola jechuun yaaddoo qaban ibsaniiru.
TikTok kan dhaabbata Chaayinaa 'ByteDance' jedhamuu yoo ta'u, yeroo dhiyoo as fayyadamtootaa hedduu horachuutti jira.
Ameerikaafi Indiyaa keeessattis ji'atti fayyaadamtoota si'aawoo miiliyoona 80 qaba.
Tiraamp tarkaanfii kana yoo fudhatan dhaabbata Chaayinaa kanaaf miidhaa guddaa ta'a.
Ammatti aangoo akkamiin Tiraamp aappii kana dhorku, akkamiin raawwatama fi danqaawwan seeraa maaltu isaan mudata kan jedhu ifa miti.
Dhaabbatni Microsoft aappii kana dhaabbata ByteDance kan Chaayinaa kanarraa bituuf mariitti kan jiru yoo ta'u, ejjennoon Tiraamp kun adeemsa bittaa kana laaffisuu mala kan jedhuus dubbatamaa jira.
Dubbii himaan TikTok ibsa Tiraamp irratti deebii kennuu baataniis miidiyaalee US'f yaada kennaniin aappichi yeroo dheeraa keessa Ameerikaa keessatti akka milkaahu ofitti amannee dubbannaa jedhaniiru.
TikTok Ameerikaa keessatti akka hin hojjenne ugguruun US fi Chaayinaa gidduutti waldhabdeen jiru hammaachaa wayita jirutti dhaagahame.
Torbanoota dura biyyoonni lameen Qoonsilaawwan isaanii walirraa cufanii turan.
TikTok maali?
Appilikeeshiniin kun waggoota muraasaa as akkaan jaalatamaa dhufe, keessumaa dargaggootaan.
Gara caalu aappiin kun viidiyoowwan gaggabaabduu muuziqaa waliin hojjetamuu danda'an sekoondi 15 dheeratan maxxansuuf oola.
viidiyoowwan gaggabaabduu kana gulaaluufis salphaa.
Wanti namni tokko akkaawuntii isaarratti maxxansu hundu namoota isaan hordofaniinis ta'u isaan hin hordofneen mul'achuu danda'a.
TikTok ergaawwan hirriyyoota gidduutti erguufis ni oola
Harki caalaam maamiltoota aappii kana warra Indiyaa ta'aniis, biyyattiin aappii kana uggurteetti. biyyii Huawei fi ZTE ugguurte Awustiraaliyaaniis aappii kana ugguuruuf jetti.
TikTok maaliif US'tti yaaddoo ta'e?
Hooggantootni nageenyaafi siyaasaa US odeeffannoon gama TikTok'n dhaabbatichi sassaabu mootummaa Chaayinaaf dabarfamee kennamuu mala yaaddoo jedhu qabu.
Dhaabbatichi ammoo odeeffannoowwan maamiltoota US hunduu biyyattii keessatti kuufamu, of eeggannoof kan ol kaawamu ammoo Singaapoorittii jedha.
TikTok maamiltoota isaatiin hojmaata isaan iftoomina qabaachuufi algoorizimii isaas sakattaasisuuf qophii dha jedheera.
''Nuti warra siyaasaa miti, beeksisa siyaasaa hin fudhannu, ajandaa siyaasaas hin qabnu kaayyoon keenya waltajjii bohaartii hundaa ta'uudhaa'' jeddheera.














