Filannoo US2020: Ripablikaanoonni Tiraampiin filannoo tursiisuu hin dandeessu jedhan

Madda suuraa, Reuters
Filannoo pireezidantummaa Ameerikaa Sadaasa bara 2020 dhuftuu yeroo biratti akka dabarfamu yaada Doonaald Tiraamp dhiyeessan qondaaltonni paartii isaaniillee otoo hin hafiin fudhatama dhabsiisan.
Tiraamp filannichi yeroo biraatti akka darbu yaada kan dhiyeessan filanichi hatamuu ykn burjaajeffamuu danda'a yaaddoo jedhuun ture.
Teessoo Seneetii biyyattii harka caalu kan dhuunfatan Ripablikaanootaaf dubbii himan kan ta’an Mich Maakneel yaada yeroo filannoo dheeressuu fudhatama dhabsiisaniiru.
Senaatar Mich Maakneel seenaa filannoo pireezidaantummaa Ameerikaa keessatti yeroon filannoo dheereffamee hin beeku jedhan.
Tiraampi yeroon filannoo akka harkifatuuf yaada dhiyeessanis aangoo yeroo filannoo dheeressuu garuu hin qaban.
Yeroo filannoo dheeressuu kan danda’u kongireessi(mana maree gadi aanu) biyyattiti. Teessoo wayyabaa/harka caalmaa mana maree biyyatti gara gadii keessatti kan qaban ammoo warreen Dimokiraatotaati.
utaaleen biyyaa Ameerikaa hedduun sababa yaaddoo koronaavaayirasiin sagaleen filannoon gama poostaan akka kennamu yaada dhiyeessaa turan.
Tiraamp ammoo sagaleen filannoo karaa poostaatiin sassaabamu burjaajeffamuu fi firii filannoo sirrii hin taane akka galmaa’u taasisa jedhu.
Tiraamp amma namoonni ‘nagaafi tasgabbiin’ filachuu danda’anitti dabarfamuu qabaata jedhanii dubbatan.
Yaaddoo Tiraamp filanichi hatamuu mala jedhanii dhiyeessaniif garuu ragaan quubsaan hin jiru. Tiraamp durumaa mala poostaan sagalee kennuu kana mormaa turan.
Ripablikaanonni maal jedhan?
Senetar Mich Maakneel seenaa filannoo pirezedantummaa Ameerikaa keessatti yeroon filannoo dheereffamee hin beeku jedhan.
"Seenaa Ameerikaa keessatti, yeroo waraanaa, yeroo diinagdeen kufees ta’e, yeroo wal waraansi ture filannoo yeroo isaarra darbee hin beeku. Sadaasa baranaas haala itti rawwachuu dandeenyu fala dhoofna malee hin dheeressinu," jedhan.
Seenetii biyyatti keessatti teessoo muraasa kanneen qaban kan bakka bu’an Keeviin Maakartii yaada Tiraamp bifuma walfakkaatuun fudhatama dhabsiisaniiru.
Senaatarri gartummaa Tiraamp qabdu Lindsiy Girahaam yaada filannoo dheeressuuf dhiyeeffame hin deeggarre,‘’yaada gaarii miti’ jedhan.
Ministirri dantaa alaa Ameerikaa Maayik Poompiyoon pireezidantichi filannoo yeroo biraatti ni dabarsuu? jedhamanii gaafatamaniiru. Haata’u malee, dhimmicharratti yaada kennuurraa of qusatan.
Dhimmichi gara murtoo seeraa barbaaduutti deema jedhanii yaada bal’aa kennuurraa of qusatan.













