Joo Baayidan warra adii hin taane diinagdeen cimsuuf waadaa galan

Joo Baayiden

Madda suuraa, Reuters

Kaadhimamaan Pireezidantii Diimookraatotaa Joo Baayiden lammiilee Ameerikaa adii hin taane diinagdeen cimsuuf maallaqa biiliyoonaan ramadanii akka hojjetan waadaa galan.

Filannoo Pireezidantummaa ji'ootaa afur booda gaggeefamu irratti Pireezidanti Doonaald Tiraampiin kan morkatan Baayideen qe'ee dhalootaa isaanii Wilmingitanitti haasa'aa taasisaniin gurraachota, warra laatiinoo fi warra 'native American' jedhaman diingdeen cimsuuf, hojii daldalaatti akka cimsan dubbatan.

Baayidan Pireezidant Tiraamp jibba sanyummaa ittuu hammeessaniiru jechuun qeequ. Dabalataaniis lammiilee biyyattii weerara Covid-19 irraa ittisuurratti dadhabbii agarsiisaniiru ittiin jedhu.

Yaada namootaa sadarkaa biyyaalessatti guurameen carraan filatamuu Baayideen guddaa ta'uu mul'isa.

Hanga ammaattii Pireezidantii Itti aanaa isanii eenyuu akka ta'u kan hin beeksifne Baayideen, torbee dhufu keessa akka ibsan beekameera.

Namni Pireezidantii Itti aantuu gochuun muudan garuu dubartii akka taatu dursanii waadaa galaniiru.

Filannoon kun ''Doonaald Tiraampiin aangoorraa buusuuf qofa kan gaggeefamu miti'' kan jedhan kaadhimaaman kun, dhimma qabsoo uummataa hubachuu, achiis hegeree gootummaafi hawwii isaanii madaalu tolchuudha jedhan.

Bara pireezidantummaa Baaraak Obaamaa Pireezidantii itti aanaa kan turan Baayiden, Tiraamp siyaasa qoqqoodinsaa gaggeessuu jechuuniis qeeqaniiru.

''Kuni yaalii biyya gargar qooduudha. hanga ammaatti garuu rabbiin haa galatu, lammiileen Ameerikaa akkas hin goone'' jedhan.

lammiileen 77% Black Lives Matter ni jedhu jedhee eenyutu yaadee beeka? haata'uuti namni wanna ta'e waan argeef kun ta'ee jedhan. Yaada sanyiin walqooduu kana hin fudhatanis jedhan. Tiraamp jalqabumarraa eegalee wanti godhan kanadhaas jedhan.

Baayidan maallaqa doolaara biiliyoona 150 ramaduun namootni adii hin taane diinagdeen akka jabaatan daldala xixiqqaarratti akka bobban akka gargaran himan.

Namootni kun warra sirni bulchiinsaa fayidaa diingdeerraa isaan moggaatti qabeedha jedhaniiru. Kana fooyyessuuf liqaa biizinas ittiin hojjechuu isaan dendeessuu argachuufis dhalli akka xiqqaatu ni goona jedhan.