Waayit Haawus: 'Tiraamp qo'annoo aangoorraa buusuuf qo'atamu irratti hin argaman

Pirezedant Tiraamp

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezedant Tiraamp

Waayit Haawus qorannoo Pirezedantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp aangoorraa buusuuf mana maree bakka bu'ootaan Roobii qoratamuu irratti argamanii akka hin dhaggeeffanne beeksiseera.

'Haqaa' himuuf taanaan Mr. Tiraamp fi gorsaan isaanii Paat Sipolonii qorannoo kanarratti akka hin hirmaanne xalayaan koree mana murtiif barreessanii irratti ibsaniiru.

Torban darbe keessaa afyaa'iin mana marichaa Jeerold Nadiler 'Tiraamp himannaa irratti dhiyaatuu dhufanii dhaggeeffachuu qabu ykn adeemsa qorannoorratti komachuu dhiisuu qabuu' jedhee ture.

Qorannoo marsaa lammaaffaarrattis Tiraamp dhiyaatanii akka dhaggeeffataniif dhiisanirratti Waayit Haawus waan ibse hin qabu.

Xalayaan isaanii maal jedha?

Xalayaan Politico irratti maxxanfame akka agarsiisuutti, Koreen mana marichaa 'adeemsa qo'annoorrattis ta'ee , haqa qorannoorratti barbaachisurratti hanqina' qaba.

Muddee 4tti akka hirmachuun dhaggeeffataniif affeeramuun akka hin qophofnee fi Waayit haawus odeeffannoo bal'aa akka hin kennineef danqaa akka itti uumu ibsa.

Gorsaan Pirezedantichaa akka jedhanitti ,koreen kun namoota ragaa bahaan sadiitu waamame garuu, Rippaabilikaanota keessaa nama tokko qofaatuu affeerame.

Mr. Sipoloniin gorsaan pirezedantichaa akka jedhanitti ,adeemsichi battaluma sanatti kan raawwatamuu fi qo'annoo akkasiis seenaa qabeessa akka ta'ee, Pirezedantiin Ameerikaa duraanii Bill Kilinteen bara 1998 qorannoo haqa qabeessa argataniiru jedhanii falman.

Akka gorsaan Pirezedanticha jedhanitti Tiraamp qorannoo fuulduraaf itti fufuun adeemsifamurratti namatu bakka bu'eefi qorannoo kana dhaggeeffatuuf jiraachuu mala.

Roobii maaltu ta'uuf jira?

Qorannoon Roobii dhuftuu marsaa lammaffaatti ce'uun dhaggeeffatamuuf jira. Dhimmi haasaa Pirezedant Tiraamp bilbilaan Pirezedantii Yuukireen Volodimiir Zeleniskaayi irratti xiyyeeffata.

Haasaa bilbilaa kana keessatti pirezidant Tiraamp pirezedantiin Yuukireen Joo Baayideen akka qoratu gaafataniiru kan jedhu.

Joo Baayideen filannoo pirezedantummaa bara dhuftu filatamurratti Paartii Dimookiraatotaa bakka bu'uun morkataa jedhamuun eegamu.

Ilmisaanii Haantar Baayiden Kaampaanii Inarjii Yuukireen 'Burisma'jedhamu keessaa hojjataa ture.

Qorannoo adeemsifamu pirezedant Tiraamp deeggarsa Ameerikaan Yuukineefi kennitutti fayyadamuun Yuukireen Joo Baayiden akka qorattu dhiibbaa uumeera kan jedhudha.

Pirezedanti Tiraamp garuu dabaa akka hin hojjannee waakkachuun qorannoo kanaanis ''Tolcha' jedhanii arrabsaniru.