Dhaabbanni gargaarsaa Donaald Tiraamp cufamuufi

Madda suuraa, AFP
Dhaabbani gargaarsaa pirezidaanti Doonaald Tiraampii fi maatii isaa fandiin isaa faayidaa dhunfaaf hojiirra ooleera jedhamee cufamuufi.
Haati alangaa Niwu Yoorki Barbara Anderwuud, fandiin dhaabbatichaa seeraan ala Tiraampii fi ijoolleen isaa sadan dhimma siyaasaa fi faayidaa dhuunfaaf oolfataniiru jechuun himatti.
Abbaan seeraa dhaabbata Tiraampii fi maatii isaa immoo isheen dhimma siyaasaaf jecha haalicha ol guddistee sobaan dubbatte jechuun komatu.
Ogeettiin seeraa kun himannii fi qorannoon Tiraampii fi maatii isaa irratti jalqabame itti fufa jette.
Dhaabbanni kun diigamee qabeenyi isaa gara dhaabbilee bebbeekamoo biroof rabsamuu qaba jetti.
Dabalataan dhaabbanni Tiraampii fi daarikteronni isaa irra deddebiin seera mootummaa federaalaa cabsuu isaaniif itti gaafatamummaa isaa fudhatu jette.
Abukaatoon dhaabbatichaa ammoo yeruma Tiraampi gara taayitaatti bahu diiguun fandii isaa dhaabbilee gargaarsaa gurguddoof kennuuf murteessinee turre, haati alangaa waliigalaa Niwu Yoorki garuu waggoota lamaaf dhorkitee turte jedhan.
Erga bara 2008 Tiraampi dhaabbatichaaf qabeenya isaa irraa waan gumaache hin qabu. Haa tahu malee fandii dhaabbatichaa kan sochoosu isa qofadha.
Bara 2016 deeggarsa jaarsoliif jedhamee doolaarri Ameerikaa miliyoona 2.8 kan tahu waliitti qabamus duula filannoof itti fayyadameera jedhame.
Fandiin argame irra caalaan himata dhuunfaan Tiraampi irratti kallattii garaagaraan dhiyaataa ture hiikuuf kaffalamaa akka tures himata irratti dhiyaate irratti hammatameera.
Himanni Tiraampi irratti filannoo bara 2016 ilaalchisee Raashiyaa waliin hariiroo addaa uumuun sagalee filannoo pirezidaantummaa burjaajjessera jedhamee qoratamaa tures cimee itti ffe jira.













