Asmaroom Laggasaa Yuunivarsitii Finfinneefi MNO irraa beekamtii argatan

Yuunivarsiitiin Finfinnee waggoota 45 oliif Sirna Gadaa irratti qorannoo gaggeesaa nama turan Pirofeesar Asmaroom Laggasaaf dooktireetii kabajaa kenne.
Hayyuun lammii Eertiraa kun bara bulchiinsa Haayile Sillaasee waggoota lamaaf, booda yeroo mootummaan Dargii taayitaa qabatus karaa daangaa Keeniyaa gara Booranaa deemuun waggoota sadiif uummaticha keessa jiraatanii sirna gadaa qorataniiru.
Kitaabota lamas barreessuun addunyaaf gumaachanii jiru.
Hojii sirna Gadaa addunyaatti beeksisuuf hojjetan kanaafis Yuunivarsitii Finfinnee irraa dokitireetii kabajaa, mootummaa naannoo Oromiyaa irraa ammoo beekamtii argataniiru.
Pirezidaantiin Yuunvarsiitii Finfinnee Prof. Xaasoo Walda Haannaa, hayyuun kun Sirna Gadaa fi Dhaha Booranaa irratti hojiin hojjetan fakkeenyummaa kan qabu waan taheef yuunivarsiitiin isaanii nama akkasiif beekamtii kennuu isaatti akka gammadan dubbatan.
Pirezedaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa 'yeroo Oromoon waa'ee isaa haasa'uun itti ulfaatutti Prof. Asmaroom sabichaaf oolmaa guddaa waan oolaniif yeroo hundumaa onnee uummata Oromoo keessa jiraatu,' jechuun jajaniiru.
Gumaacha isaaniifis badhaasa Mootummaan Naannoo Oromiyaa qopheesse kennaniifi jiru.

"Osoo qorannoowwan Prof. Asmaroom hin jirannee, Sirna Gadaa 'UNESCO'tti galmeessuun hamma kana saffisa hin qabaatu ture" kan jedhan ammoo direektara olaanaa Eegumsaa fi Qorannoo Hambaalee Itoophiyaa Obbo Yoonaas Dastaati.
Sirni Gadaa salphaatti addunyaa irratti akka beekamu qofa osoo hin taane, Itoophiyaa uummata Oromoo keessaa madduu isaa ragaa bahaniiru jedhan.
Sirni Gadaa yeroo sadarkaa 'UNESCO'tti galmaa'u qorannoo hayyuun kun gaggeessaa turan akka ragaa qabatamaafi saayinsaawaatti gargaareeras jedhu.

"Kitaaboleen Asmeroom barreessan hambaa eenyummaa adunyaan ittiin Oromoo beekanidha jedhe dhimma siyaasaa Itoohiyaa irratti dubbachuun kan beekaman Obbo Garasuu Tufaa.
''Waan hanga ammaatti hayyuun kun hojjete namni biraa tokkollee irra deebi'ee kan hojjete hin jiru'' jedhan.
Hayyuun Yuunvarsiitii Finfinnee Dr Huseen Kadir, Pirofeesar Asmaroom Oromoo irraa oolmaa guddaa qabu jedhan.
Kanaaf lubbuun jiraatanii kabaja kana argachuun isaanii na gammachiiseera jedhan.
Abbootiin Gadaa Booranaafi Gujiis hayyuu kana badhaasanii jiru.














