Lammileen Itoophiyaa 10 Zaambiyaatti mana murtiitti dhiyaatan

Baqattoota Lammiilee Itoophiyaa kanneen keessaa muraaas

Lammiileen Itoophiyaa karaa Keniyaatiin qaxxaamuruun gara biyya Afriikaa Kibbaatti imalaa turan 10 seeraan ala biyyatti galuu isaaniif Zaambiyaatti to'annaa jala olfamuun mana murtiitti dhiyaatan.

Baqattoonni kunneen wayita ammaatti mana hidhaa keessatti kan argaman yoo ta'u, torban darbe guyyaa Jimaataa mana murtiitti dhiyaataniiru.

Manni murtichaas tokkoon tokkoo isaanii addabbii doolaara 300 akka kanfalan yoo ta'u baate ammoo baatii sagaliif akka hidhaman itti murteessuu, namoota kanneen turjumaanaan kan tajaajilte Burtukaan Garamawu BBC'tti himte jirti.

Namoota kanneen keessaayis sadan isaanii paaspoortii hin qaban.

Kurnan qabaman kunneenis dhiiroota yoo ta'an, inni umuriinsaa xiqqoo waggaa 18, inni guddaan ammoo waggaa 35 yookiin 36 ni taha jetti.

Kaffaltii barbaachisu erga raawwataniin booda asii bahuuf guyyaan 14 isaaniif kennameera.

Birtukaan akka jettetti, baqattoonni kunneen kan argaman daangaa biyyatti irraa fageenya kilometira 270 irratti kan argamtuu fi magaalaa xiqqoo Chintaalii jedhamtuu keessatti.

Guyyoota muraasaaf osoo waa hin nyaatiin waan turaniifu baayyee hubamusaanii himti.

Biyya sana keessa waggoota sadiif jiraachu kan himtu Birtukaan, manni hidhaa ammaan tana keessatti argaman gaarii akka hintaane dubbatt.

Kana malees baqattoota kanneen keessaa tokko baay'ee dhukkubsataa jiraachuufi mana yaalaa geessulleen Birtukaan ni himti.

Maatiin baqattoota shanii qarshii erguuf fedhii waan agarsiisaniif carraan gadhiifamu jiraachu himtee, kaan hafan garuu fedhii kan qaban hin fakkaatu jettee jirti.

Ji'a tokkoof torbee lamaaf baasiifi kontenaraan fe'amanii deemanii daangaa Taanzaaniyaafi Zaambiyaa akka gahan kan himtu Birtukaan, achittis poolisiin dhaabsifamnaan, konkolaachisaan isaan dhiisee waan baqateef qabaman jetti.

Baqattoonni kunnee guyyoota 14 keennameef keessatti maallaqa gaafataman kan hin kafalle yoo ta'e, hidhaan jedhame akka hojiirra olfamu mana murtichaatiin ibsameera.

Birtukaanis dhimmicha waliin kallattiin walitti dhufeenya qabaachu baattulleen, qondaaloota nageenya Zaambiyaatiin akka tajaajila turjumaanaa kennituuf gaafatamu himti.

Kana duras lammileen Itoophiyaa haaluma wal-fakkaatuun to'annaa jala olfamanii yeroo lama mana murtii dhaqusaanii Birtukaan akka yaadatu himti.

Lammileen Itoophiyaa seeraan ala gara Afrikaa Kibbaatti imalan yeroo mara Keenyaa, Taanzaaniyaa fi Zaambiyaa keessatti to'annaa jala oolu.