Biraasalsitti hiriirri waliigalteen dhimma godaantotaa irratti mallattaa'e mormu bahame

Madda suuraa, EPA
Waliigaltee dhimma godaantotaa irratti torban darbe magaala Maraakeshitti Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin mallattaa'e mormuun magaala Biraasalsitti hiriirri bahame.
Hiriirri paartilee siyaasaa mormitootaan waamame kun naannoo dhaabbileen gurguddoo Gamtaa Awurooppaa jiranitti bahame.
Waliigaltichi lakkoofsi godaantotaa gara Awurooppaatti dhufanii akka dabalu taasisa sodaa jedhu kaaseera.
Hiriira kana irratti namootni 5,500 kan hirmaatan yoo tahu poolisiin gaazii imimmaanessitufi bishaan fayyadamuun hiriiricha bittimsuuf yaaleera.
Faallaa kanaas hiriirri paartilee siyaasaa waliigalticha deeggaraniifi dhaabbilee gargaarsaan qindaa'e namoota 1,000 hirmaachise gaggeeffameera.
Ji'a Waxabajjii keessa miseensonni Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii 169 tahan dhimma nageenya godaantotaa irratti xiyyeeffatu 'Global Compact for Safe, Orderly and Regular Migration' jedhamu irratti wal tahaniiru.
Waliigalteen kun nageenya, mirga namoomaa baqattootaa fi biyyoota godaantota simatan deeggaruu fi kanneen biroo of keessaaa qaba.
Walii galteen kun biyyoota 164 tahaniin torbee darbe magaalaa Maraakeeshitti yommuu mallattaa'u Ameerikaa dabalatee biyyootni akka Oostiriyaa, Hangarii, Italii, Poolaandi fi Isloovakiyaa waliigalticha fudhachuun hojiirra oolchuu hin barbaanne.
Waliigaltichis akka seeraatti kan hin galmoofne tahus biyyootni birmadummaa isaanii fayyadamuun polisii dhimma godaantotaa ilaallatu ofiin baafachuun hojiirra oolchuu danda'u.
Haa tahu malee waliigaltichi xiyyeeffannoo fi deeggarsa hawaasa addunyaa kan barbaadudha jedhame.
Qeeqxotni Awurooppaa keessaas lakkoofsa godaantota gara Awurooppaa dhufanii akka dabalu taasisa jechuun mormaa jiru.
Dursitootni paartilee Beeljiyeem tokko tokkos osoo uummatni irratti hin mari'atiin Beeljiyeem mallatteessuu hin qabdu ture jechuun morman.
Karaa dimokiraatawaa taheen osoo hin taane namoota muraasaa fi harka xiqqaa bulchiinsa keessa jiruun murtaa'e jedhan.
Hangariin yeroo darbe godaantota daangaa irrattis tahe galaana irratti rakkatan gargaaruun seeran aladha jechuun murtoo dabarsiteette.
Dhaabbileen gargaarsaa akka Doktors without boundaries jedhamanis akkasuma Xaaliyaanii waliin wal dhabuun deeggarsa galaana Meditiraniyaanii irratti kennaa turan dhaabaniiru.













