Baqattoota Jigjigaa daandiiwwan Finfinneerratti

Waldhabdee naannoo Somaalee torban lamaan dura uumame jalaa baqatanii magaalaa Finfinnee ollaa Istaadiyemii kan jiran lammiileen, nyaataa fi dahoo malee daandiirra kufaniiru.
Lakkoofsi isaanii dhibba tokko kan tahan baqattoonni kunniin, sharaa golganii fayyadamuun alatti filannoo biroo akka hinqabne BBCtti himaniiru.
Daa'imman ji'a jahaa dabalatee, dubartoota, jaarsoliin akkasumas namoonni reebichi irra gahe guyyaa afreessoof iddoo kana qubataniiru.
Qabeenyi isaanii guutummaatti waan barbadaa'eef wanta uffatanillee akka hin qabne dubbatu.
Jigjigaarraa baqatee akka dhufe kan dubbatu Adam Ahimad, ''Maatii kiyya hunda qalanii na jalaa fixan,'' jedha.
Kana malees, ''jiraattoota magaalaa fi Qeerroo magaalaa Finfinnee malee, qaamni mootummaa takka hanga har'aa dhufee kan nu gaafte hinjiru,'' jechuun BBCtti himeera.
Dargaggoonni deeggarsa kana qindeessanis, rakkoon kun humnasaanii ol wan taheef, mootummaanis tahe qaamoleen kaan akka deeggaran gaafataniiru.












