Yunaayitid Isteet lammiilee Raashiyaa filannoo keessa harka seensisan adabde

Dureessi Raashiyaa Yevgeni Pirigozin walgahii Kireemilinitti taasifamuu dura, Moskoow Waxabajjii 4, 2018

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Yevgeni Pirigozin filannoo Yunaayitid Isteet keessa harka seensisuu isaanii haalu

Yunaayitid Isteet filannoo bara 2016 irratti harka seensisuun akkasumas kompitara irratti haalellaa raawwataniiru jechuun lammiilee Raashiyaa 19 irratti qoqqoobbii keesse.

Namoota adabaman keessaa 13 Guraandhala darbe kaawunsilii addaa Yunaayitid Isteet Roobart Muularin himataman keessa jiru.

Hogganaan olaanaa maallaqaa Ameerikaa Isteevan Minuchin lammiilee Raashiyaa ''haalellaa kompitaraa akkasumas bu'uraalee misoomaa,'' keessa harka seensisan himataniiru.

Murteen dhiyeenyaa kuni erga bulchiinsi Tiraamp aangoo qabate as tarkaanfii guddaa Moskoo irratti fudhatamedha jedhameera.

Raashiyaan tarkaanfii irratti dabre kana deebisuu akka eegalte himteetti.

Qoqqobbii Ameerikaa har'aan eejansiin basaasaa waraanaa Raashiyaa dabalatee wantoota shan irrattii tarkaanfiin fudhatameera.

Akkasumas eejansiin Intarneetii Seent Pitarisbargitti argamullee filannoo Yunaayitid Isteet bara 2016 irrattii odeeffannoo kijibaa dabarsuu keessatti qooda qaba jedhame galmee keessa ka'ameera.

Dureessi Raashiyaa siyaasa keessatti dhiibbaa olaanaa qaban , Yevgeni Pirigozin, akkasumas hojjettonni eejansichaa 12 qoqqobbiin irratti ka'ameera.

Hojjettonni tajaajila basaasaa federaalaa Raashiyaa jaha illee haleellaa kompitaraa irratti raawwatanin adabamaniiru.