Abbaan Murtii, Tiraamp gabaasa gibiraa waggaa saddeetii akka dhiyeessan ajaje

Doonaald Tiraamp

Madda suuraa, Getty Images

Abbaan murtii, Doonald Tiraamp gabaasa gibiraa waggaa saddeetii qorattoota Niiw Yoorkitti akka galchan ajajan.

Falmii abukaatoon Tiraamp, otoo aangoorra jiranii gibira akka gabaasan hin gaafataman jedhu kuffisaniiru.

Ajajichi qorannoo pireezidaant Tiraamp dubartoota lama isaan wajjin hariiroo qabaniif qarshii otoo hin beeksifamiin kaffalame gargaaruuf bahe.

Abbaan alangee pireezidantiin Ameerikaa kamiyyuu Jiimii Kaartar irraa eegalee yeroo aangoo qabchuuf jedhutti yookiin aangoorra otoo jiruu hayyaman gibira isaa beeksiseera jedha.

Murtoo fuula 75 barreefameen, Abbaan Murtii Viiktar Maareeroo isa pireezidantichi yeroo aangoorra jiru gibira akkan beeksisu hin gaafatamu jedhan, ''akka caasaa mootummaa biyyaafi sona heeraattii fudhatama waan hin qabne'' jedhan.

Adeemsa seeraa irraa immoo karaa daangaa hin qabneen bilisa tahuu akka hin dandeenye himan.

''Heerri biyyattii pireezidantiin adeemsa yakkaa bira darbamuu qabu jiraachuufi daangaa akka qabu himaa jedhan.''

Pireezidaant Tiraamp ''ajaji kuni demookiraatotaan waan narratti dhiibamaa jiru dha'' jedhan.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Haa tahu malee abukaatoonni pireezidaant Tiraamp ol iyyataniiru. Ajajichis yeroof akka turuufi manni murtii 2nd US Circuit Court of Appeals hayyameera.

Ajaji abbaa murtii hin kuffifamu taanaan, abbaa alangee Niiw Yoork ajajicha ogeessoti herreegaa Tiraamp gibira dhuunfaa fi dhaaboota isaanii bara 2011-21018 akka gabaasan taasifamu.

Ol iyyannoon Tiraamp yoo kufeyyuu, adeemsi seeraa kuni uummataa akka ifa hin taaneef eegumsa ni kennaaf.

Qorannoon kuni kan jalqabame himannaa Tiraamp karaa abukaatoo isaanii Mikaa'el Koohen dubartoota lamaaf- taatoo filmii beekamtuu Istoormii Daani'el fi moodeelii Kaaren Maakdoogul qarshii hin beeksifamne kaffalaniiru, dubartooti kunneen immoo isaan waliin hariiroo qabu kan jedhuuni.

Ergasii Tiraamp abukaatoo isaaniif qarshii duula filannoorraa kaffalaniiruu jedha. Kuni immoo dhimma dhoksuu qaban yoo jiraateef ni ilaala.

Qorannichi seera duula filannoo cabsaniiru yoo taheefis ni ilaala.