Gabaasa Muular: Pireezidant Tiraamp ‘Raashiyaa waliin shira hin xaxne’

US President Donald Trump

Madda suuraa, Getty Images

Filannoo pireezidantummaa bara 2006'f wayita duula na filadhaa taasisaa turanitti pireezidant Tiraamp Raashiyaa waliin shira hin xaxne jedha gabaasni gorsaan addaa Roobert Mular koongiransii Ameerikaaf dhiyeessan.

Duula na filadhaa kana irratti pireezidantichi haqa jallisuu dhiisuu isaanii garuu gabaasichi hin mirkaneessu.

Pireezidant Tiraamp erga aangootti dhufanii kaasee waan kanaan shakkamanii qoranoon taasifamaa ture.

Qorannichi 'seeraan ala aangoorraa na buusuuf ture garuu fashaleera' jedhan erga gabaasni kun bahe. Biyyattiin waan akkanaa keessa taruun ishee qaaniidhas jedhan gabaasa Dilbata baheen booda.

Gabaasni bahe kun qorannoo Obbo Muulariin durfamee waggoota lamaaf taasifamaa ture xumuratti fide.

Adeemsa qorannichaa keessatti Obbo Muular namoota Tiraamp waliin walitti siqan hedduu mana murtii dhaaban, kaan ammoo hiisisanii jiru.

"Gabaasichi pireezidant Tiraamp yakka akka hin hojjenne hin agarsiisu, himata irratti banamaa ture irraas bilisa isaan hin taasisu" jedhan gabaasicha kan barreessan Muular.

Pireezidant Tiraamp Garuu himata irratti banamerraa guutummaatti bilisa ta'uu isaanii tiwitarii irratti barreessaniiru.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Gabaasichi guduunfaa isaa qofa kan bahe, guutuun isaa akka bahu Diimokiraatonni gaafachaa jiru.

Qorannoowwan biroo pireezidanticha irratti taasifamaa jiran itti fufaniiru.