Balaa Xiyyaara ET302: Dhuguma leenjiin paayilatootaa balaa sana waliin walqabataa?

Daandii Xiyyaara Itoophiyaa Boeing 737 Max 8

Madda suuraa, JONATHAN DRUION

Xiyyaarri Boeing 737 Max 8 daandiiwwan xiyyaaraa akka Daandii Xiyyaara Itoophiyaa gurguddoo ta'an gofti kan qabaachuu danda'an xiyyaara baayyee ammayaa ta'edha. Haata'u malee, xiyyaarichi sababii ifatti hin beekamneen balaan baayyee hamaa lama erga isa mudateen booda tajaajilaan ala akka ta'u taasifameera.

Ji'a Onkoloolessaa darbe kan Daandii Xiyyaaraa Indoneeshiyaa Laayen ta'e xiyyaarri walfakkaatu balali'uuf ka'ee daqiiqaawwaniin booda galaana irratti kufee caccabuu isaatiin lubbuun namoota 189 dhumee ture.

Erga balaan kun qaqqabee baatii shanii booda balaan Daandii Xiyyaara Itoophiyaa itti aanee uumamuun Industirii Aveeshinii Addunyaa sadarkaa kanaan dura ta'ee hin beekneen raaseera.

Balaan kun erga qaqqabee booda saanduuqni odeeffannoo balali'insa xiyyaaraa galmeessu qabate gara Firaansitti ergamee ture odeeffannoon qabatee ture haala gaariidhaan garagalfamee qorannoon akka irratti gaggeeffamaa jiru dhaabbanni qoranicha gaggeessaa jiru BEA jedhamu odeeffannoo yeroodhaaf argate Biiroo Qorannoo Balaa Itoophiyaatiif kennuun isaa gabaafameera.

Kana waliin walqabatee Ministirri Geejjiba Itoophiyaa ibsa kennaniin balaawwan xiyyaara Itoophiyaafi Indoneeshiyaa qaqqabe gidduu "walfakkeenya ifa ta'e" akka jiru mullisaniiru.

Akkaataa xiyyaaronni kunneen itti hojjetaman, erga balali'uudhaaf ka'anii daqiiqaawwan murasaa booda balaan qaqqabuun, akkaataan ittiin kufaniifi rakkoon waliigalaa isaan mudateera jedhame baayyisee kan walfakkaatu ta'uu isaa yeroo ilaalamu balaawwan hamoo qaqqabaniif rakkoo paayiletootaa osoo hin taane omisha xiyyaarri haaraa kun akka itti hojjetame rakkoon tekinikaa akka mudachuun hin oolle kan agarsiisu qaba.

Keessattuu Abbaan Taayitaa To'annaa Aveeshinii Ameerikaa (FAA) adeemsa sadarkaafi qulqullina omishtoota Boeing to'achuufi mirkaneessuu irratti aangoofi itti-gaafatamummaa seeraan itti kenname ba'achuu dhiisuun Boeing tiif dabarsee kennuun isaa addunyaa rifaachiiseera ture.

Rakkoo humni maallaqaa koo xiqqaachaa dhufuu na mudateen kampaaniin xiyyaaricha omishu ofuma isaatiin ga'umsa xiyyaarota haarawaa omishanii gariidhaan akka ofuma isaanii mirkaneeffatan taasiseera jedhees amaneera. Abbaan Taayitichaa qabaasa qorannoo torban darbe Siyaatil Taayimsiif kenne irratti yaada dubbatedha.

Kanaafidha biyyoonni xiyyaara Boeing 737 Max qaban hanga rakkoo xiyyaarri kun qabu qoratamee furmaata argatutti balali'insaan ala kan taasisaniif. Biyyi xiyyaara kana omishtu Ameerikaan hahhama akka xiyyaarichi tajaajila irrra ooluuf kennam ilaalchisee qorannoon akka gaggeeffamu ajajjeetti.

Kun kanaan osoo jiruu garuu miidiyaaleen idil-addunyaa gara garaa paayileetiin Daandii Xiyyaara Itoophiyaa leenjii dabalataa xiyyaara kana oofuuf barbaachisu akka hin fudhanne heeruudhaan gabaasni dhiyeessan qaamota adda addaa irraa dheekkamsaafi mormii kaasiseera.

Gabaasni jedhame sun odeeffannoo madda Daandii Xiyyaarichaatti dhiyoodha jedhame nama akka maqaan isaa hin heeramne barbaadurraan argadhe jedhuun, paayileetiin balaan kun qaqqabe xiyyaara kanaaf ni barbaachisa kan jedhame leenjii balaliisaa fakkeessuudhaan (simulator) fayyadamuun shaakaluun taasifamu hin fudhanne jedheera.

Shaakala kana akka taasisuufis sagantaan kan qabameef ture dhuma baatii kanaa irratti jedha gabaasichi.

Kana waliin walqabatee keessattuu gama lammilee Itoophiyatiin gabaasichi kan Boeing oolchuudhaaf shira xaxamedha jechuudhaan mormiin irratti dhiyaataa jira.

Keessumaa gaazexaan Niiwu Yoork Taayimsi jedhamu gabaasa kana erga miidiyaaleen toora interneetiitiin gadi dhiisee booda dubbistoonni kumaatamaan lakkaa'aman gabaasicha hadheeffatanii qeeqaniiru. Gabaasichi rakkoo tekinikaa bu'uuraa duubatti dhiisuudhaan paayiletootatti qabachuun Boeing tiin oolchuudhaaf hojii qaanii akka ta'etti kan lakkaa'an xiqqoo miti.

Hoji-gaggeessaa Daandii Xiyyaara Itoophiyaa Obbo Tawaldee Waldemaariyaam bakka balaan itti qaqqabetti

Madda suuraa, ETHIOPIAN AIRLINES

Ibsa waa'ee suuraa, Hoji-gaggeessaa Daandii Xiyyaara Itoophiyaa Obbo Tawaldee Waldemaariyaam bakka balaan itti qaqqabetti

Leenjii balaliisaa fakkeessuu (simulator) fi balaa qaqqabe maaltu walqunnamsiisee?

Gabaasni Niiwu Yoork Taayimsi Kaappteenonni Boeing 737 irratti muuxannoo ga'aa qaban Max 8 kan jedhamu xiyyaara ammayaa balaliissuudhaaf shaakala muraasa qofaa akka isaan barbaachisu heeree jira.Haata'u malee, Boeing ta'us waajiraaleen to'atan Max 8 balaliisisuuf leenjiin balaliisaa fakkeessuu (simulator) akka dirqama ta'etti hin keenye.

Paayileetonni Ameerikaa xiyaara kana balaliisisan hedduun isaanii 737 irraa gara Max 8 balaliisisuutti kan ce'an leenjii saatii tokkoo Ayipaadiidhaan fudhachuudhaan. Kun kana ta'ee osoo jiruu maaliif dhimmi leenjii balaliisisuu fakkeessuu (simulator) akka ol ka'ee dhaga'amu kan barbaadameef namoota hedduu biratti kan bita galedha.

Xiyyaarota ammayaa hedduu kampaanii Boeing tiin hojjetame heddu kan qabu Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa gabaasicha "dogoggoraafi kan jallate" ta'uu isaa ibsa baaseen mul'iseera.

Itti dabaluudhaanis, Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa balaliisitoonni Boeing 737 Max 8 karaa omishaan xiyaarichaa baaseefi Abbaa Taayitaa Daandii Xiyyaaraa Ameerikaatiin fudhatama qabuun leenjii barbaachisu fudhachuu mirkaneesseera.

Dhimmoota Aveeshinii irratti gabaasaa kan ta'e Qaaleyesuus Baqqalaa, "daandiiwwan xiyyaaraa Ameerikaa xiyaara Boeing 737 Max 8 balaliisisan hedduun isaanii shaakala balalii fakkeessuu (simulator) hin qaban. Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa garuu abbaa qabeenyaa meeshaa ammayaa leenjii kanaaf barbaachisuti, " jedha.

Meeshaaleen balaliin fakkeessuu (simulator) kun gatii hedduu kan baasisu ta'us Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa moodeela leenjiiwwan kanaa aadaa dursee bitachuu akka qabu hedduun dhugaa ba'uuf.

Qaaleyesuus akka jedhutti Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa Max 8 balalii fakkeessuu (simulator) fayyadamee leenjii kennuu kan jalqabe ji'a Amajjii asitti yommuu ta'u paayiletoonnis ji'a jaha jahaan shaakala ni taasisu. Shaakala kanatti aansuudhaanis qormaata fudhatu. Kun Daandii Xiyyaara Itoophiyaatiif waan haaraa miti.

Dabalataanis yeroo 737 800 N G (New Generation) kan jedhamu irraa gara xiyyaara Max 8 titti yeroo deemamu garaa garummaan isaanii muraasa waan ta'eef paayiletoonni garaa garummaa sana akka fudhatan Boeing akka gorsa kennu kan himu Qaaleyesuus, "Leenjii kana ammoo paayileetiin balaan qaqqabe fudhateera," jechuun dubbata.

Haata'u malee garuu, Boeing 737 Max omisha isa dura hojjetame kanneen duraan balaliisaa turan balalii fakkeessuun (simulator) fayyadamuun ta'uu baatus leenjii salphaadhaan qaawwa duuchaachuu ni danda'u.

"Kan kana jedhu ammoo kampaanii xiyyaaricha omishu Boein ofuma isaati. Osoo Boeing kana hin jenne ta'e shaakala kan hin taasifne hunduu Max balaliisisuu hin danda'an ture," jedha Qaaleyesuus.

Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa ibsa baaseen akka agarsiisettis, erga balaan xiyyaaraa Indoneeshiyaa qaqqabees paayileetonni qajeelfamoota dabalataa akka beekuu qaban taasisuu isaa heeree qabiyyeen qajeelfama sanaas guutuufi guutummaaatti moojulii leenjii, ibsa qajeelfamaopereeshinii akkasumas qajeelfama hojii guyyaa guyyaa keessa akka galu taasifameera jedheera.

Balaan Daandii Xiyyaara Itoophiyaa irraerga ga'een booda nageenyi xiyyaara Boeing 737 Max 8 gaaffii keessa galera. Dhaabbatichis rakkoo isa qaqqabe kana darbuudhaaf tarkaanfiiwwan gara garaa fudhachaa akka jiru beeksisaa jiraatus yeroo torban lama ta'uuf mataadhuma isaa irraa bu'uu hin dandeenye.

Sababiii balaa kanaa gadi fageenyaan argachuudhaaf Firaansitti kan eegalame xumuramuun kan irra jiru yommuu ta'u kunis yeroo baatii ja'aa ol akka gaafatu ogeessonni beeksisaniiru. Osoo bu'aan qorannoo kanaa hin ba'iin garuu sababa balaa kanaa tilmaama kennuun seera Aveeshiniin hayyama hin qabu.

Sana ta'ees kmpaanonni eenyummaa isaaniitti rakkoo dhufe kana jala ba'uudhaaf karaa harka duubaatiin duuula miidiyaa banuun isaanii kan eegamudha.

Qaaleyesuus akka jedhutti maqaafi gurra ofii eeggachuuf jecha, "Kan dhugaa fakkaatan ykn hanga tokko dhugaa kan of keessaa qaban garuu ammoo odeeffannoowan burjaajessan yeroo itti aanan keessas ba'uun isaanii hin oolu.

Waanti guddaan garuu waanti cabe jiramoo hin jruudha? Kanaanis daandiiwwan xiyyaaraa qajeelfama Boeing yoo diigan Boeing ofuma isaayyu hin callisu," jedha.

Balaa Daandiin Xiyyaara Itoophiyaafi hojjetoonni isaa ilaalchisee odeeffannoowwan dogogoraa bahan akka isaan gaddisiise ibsee, "qorannoon isaa sirnaafi seera qorannoo balaa idil-addunyaa hordofuun waan irra jiraatuuf bu'aa qorannichaa obsaan eeggachaa" akka jiru heeruun dhiibbileen sabaa himaalee waa'ee ka'umsa balaa kanaa sababiiwwan tilmaama ka'umsa godhatan kennuun odeeffannoo dogogoraa akka hin dhiyeessineef gaafateera.