Balaa Xayyaaraa ET302: Duraa duuba taateewwan balaa xiyyaaraa addunyaa kanaa

Xiyyaara Paakistaan kufee caccabe

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Xiyyaara Paakistaan kufee caccabe

Duraa duubaa taateewwan balaa xiyyaaraa addunyaa bara 1998 irraa eegalee hanga ammaatti jiru:

2018

Onkoloolessa 29 gosi xiyyaaraa Boeing 737 Max, kan kubbaaniyyaa Lion Air jedhamuun hoogganamu Indooneezhiyaa, Jakaartaa irraa balaliinsa eegalee yeroo muraasa booda galaana Jaavaatti kufee caccabe. Namoonni xiyyaaricha keessa turan 189 dhuman. Isa booda qorattoonni xiyyaara kanatti akka hin fayyadamne ajajan.

Caamsaa 18 xiyyaarri Boeing 737 Buufata xiyyaaraa Idil addunyaa Marti, Havaanaarraa ka'ee balali'uu erga eegalee booda kufee caccabuun namoonni 112 du'an, namni tokko garuu baraaraneera.

Eebla 11 xiyyaarri waraanaa Aljeeriyaa, magaalaa Aljeersi keessatti kufee caccabuun namoonni 257 du'an.

Bitootessa12 xiyyaarri utuu namoota 71 qabatee buufata xiyyaaraa Kaatmaanduu qubachuuf jedhuu kufee caccabuun namoonni 50 du'an.

Guraandala 18 xiyyaarri imaltoota 66 fe'ee deemaa ture Iraan keessatti gaara Zaagroos jedhamutti bu'uun namoonni hunduu du'an.

Guraandhala 11 xiyyaarri Raashiyaa namoota 71 qabatee buufata xiyyaaraa Moskoo, Domodedovo irraa ka'ee xiqquma balali'ee kufee caccabuun namoonni dhuman.

2017

Balaan xiyyaaraa mudate hin jiru. Kanaafuu seenaa daandii xiyyaaraa keessatti isa nagaa qabeesa jedhamee beekama.

2016

Muddee 25 xiyyaarri waraanaa Raashiyaa Tu-154 jedhamtu galaana gurraacha keessatti kuftee caccabuun namoonni 92 du'an.

Xiyyaara galaana gurraacha keessatti kufe

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Xiyyaara galaana gurraacha keessatti kufe

Muddee 7 xiyyaarri paakistaan namoota 48 baatee ture naannoo kaaba biyyattiitti kufee caccabuun namoonni kunneen hunduu dhuman.

Xiyyaara Paakistaan kufee caccabe

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Xiyyaara Paakistaan kufee caccabe

Sadaasa 28 xiyyaarri garee taphattoota kubbaa miilaa kilabii Biraaziil 'Chapecoense' jedhamu baatee ture boba'aa fixuun kufee taphattootaa fi bulchiinsa kilabichaa walumatti namoota 71 ajjeese.

Caamsaa 19 xiyyaarri EgyptAir jedhamu Paaris fi Kaayiroo gidduutti baduun bodarra kufee caccabee namoonni 66 xiyyaaricha keessa turan dhumuusaanii Pirezidaantiin Firaanzi Francois Hollande mirkaneessanii turan.

Bitootessa 19 March xiyyaarri FlyDubai Boeing 737-800 jedhamu Raashiyaa iddoo Rostov-on-Don jedhamutti kufuun namoonni xiyyaaricha keessa turan 62 dhuman.

2015

Onkoloolessa 31xiyyaarri lakkoofsi balaliinsa isaa A321 ta'e ka daandii xiyyaaraa Raashiyaatiin hoogganamu balaliinsa eegalee daqiiqaa 22 booda giddu gala sinaayi irratti kufee caccabuun namoonni 224 du'an.

Waxabajjii 30 xiyyaarri warraanaa Indooneezhiyaa 'Hercules C-130' jedhamtu kuftee caccabuun namoonni 122 du'an.

Bitootessa 24 xiyyaarri Jarmanii 'Airbus A320' jedhamu gaara Firaansi ollaa Digne jedhamuun beekamutti namoonni 148 dhuman. Xiyyaarri kun Baarseloonaa irraa gara Dusseldorf imalaa ture.

2014

Muddee xiyyaarri 'AirAsia QZ8501' jedhamu utuu Indooneezhiyaarraa gara Singaappor imalaa jiruu galaana Jaavaa irratti namoota 162 qabatee kufee caccabe.

Adoolessa 24 xiyyaarri 'Air Algerie AH5017' jedhamu Ouagadougou irraa gara Aljeersi utuu imalaa jiru Maalii irratti hurrruudhaan qabamuun raadaarii keessa ba'ee namoonni 116 xiyyaaricha keessa turan dhuman.

Adoolessa 23 xiyyaarri Taayiwaan 'ATR-72' jedhamu namoota 54 qabatee utuu imalaa jiruu kufee caccabuun namoonni 48 du'an.

Xiyyaara Maaleezhiyaa Yuukireenitti rukutamuun caccabe

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Xiyyaara Maaleezhiyaa Yuukireenitti rukutamuun caccabe

Adoolessa 17 xiyyaarri Maaleezhiyaa 'MH17' jedhamu Baha Yuukireen naannawa Grabove jedhamutti kufee caccabuun namoonni 298 du'an.

Bitootessa 8 xiyyaarri Maaleezhiyaa 'MH370' Kuwaalaa Lumpur irraa gara Beejiingi utuu imaluu dhabamuun, barbaachisi isaa addunyaarratti isa qaaliidha jedhameera.

Tattaaffii guddaan godhamullee hanga bara 2015tti homaayyuu hin argamne. Boodarraa naannawa Oddoola Reunion jedhamutti koochoonsaa tokko argame. Sanammoo qondaaltonni Firaansi qaama xiyyaaraMH370 ta'uu mirkaneessan.

Guraandhala 11 xiyyaarri waraanaa 'Hercules C-130' jedhamtu namoota 78 qabachuun utuu imalaa jirtuu naannoo Kaaba Baha Aljeeriyaatti kuftee caccabuun hundumtuu du'an.

Sadaasa 17 xiyyaarri'Tatarstan Airlines Boeing 737' Raashiyaa, Kazaan, iddoo jedhamutti kufee caccabuun namoonni 50ni du'an.

Onkoloolessa 16 xiyyaarri 'Lao Airlines ATR 72-600' jedhamu naannoo laga Mekong jedhamuutti kufuun namoonni 49 du'an.

2012

Waxabajjii 3 xiyyaarri imaltootaa 'Dana' jedhamu kan namoota 150 fe'ee ture magaalaa Leegoositti kufee caccabeera.

Eebla 11 xiyyaarri'A Bhoja Air Boeing 737' jedhamu buufata xiyyaaraa Paakistaan, Islaamaabaad utuma qubachuuf jedhuu kufee caccabuun namoonni 121 du'an.

2011

Adoolessa 26 xiyyaarri waraanaa Morookoo 'C-130 Hercules' naannawa Guelmim jedhamutti caccabuun namoonni 78 du'an.

Amajjii 9 xiyyaarri Iraan 'Boeing 727' magaalaa Orumiyeh keessatti caccabuun namoota xiyyaaricha keessa turan 100 keessaa 77 du'an.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Amajjii 9 xiyyaarri Iraan 'Boeing 727' magaalaa Orumiyeh keessatti caccabuun namoota xiyyaaricha keessa turan 100 keessaa 77 du'an.

Adoolessa 8 xiyyaarri daandii xiyyaaraa 'Hewa Bora' jedhamuu Democratic Republic of Congo keessatti kufuuun namoota xyyaaricha keessa turan 118 keessaa 74 du'an.

Amajjii 9 xiyyaarri Iraan 'Boeing 727' magaalaa Orumiyeh keessatti caccabuun namoota xiyyaaricha keessa turan 100 keessaa 77 du'an.

2010

Sadaasa 5 xiyyaarri 'Aerocaribbean' jedhamu giddu gala Kuubaatti gaaratti bu'uun namoonni 68 du'an.

Adoolessa 28 xiyyaarri Paakistaan imala biyya keessaarra osoo jiruu Islaamaabaaditti kufuun namoonni 152 du'an.

Caamsaa 22 xiyyaarri Indiyaa 'Boeing 737' kibba Indiyaa naannawa Mangalore jedhamutti kufee caccabuun namoonni 158 du'an.

Caamsaa 12 xiyyaarri 'Afriqiyah Airways Airbus 330' jedhamu utuu buufata xiyyaaraa Tirippoolii qubachuuf jedhuu kufee caccabuun namoonni 100 du'an.

Eebla 10 xiyyaarri 'Tupolev 154' jedhamu kan Pirezidaantiin Poolaandi Lech Kaczynski keessatti argaman caccabuun namoonni 90 du'an.

Amajjii 25 xiyyaarri Itoophiyaa akkuma Beeruut irra ka'een galaanatti kufuun namoonni 89 du'an.

2009

Adoolessa 15 xiyyaarri Kaspiyaan Tupolev jedhamu utuu gara Armeeniyaa balali'aa jiruu Kaaba Iraanitti kufee caccabuun namoonni xiyyaaricha keessa turan 168 du'an.

Waxabajjii 30 xiyyaarri Yaman 'Airbus 310' Garba Iniyaarratti kufuun namoota xiyyaaricha keessa turan 153 keessaa nama tokko qofatu lubbuun hafe.

Waxabajjii 1 xiyyaarri Firaansi 'Airbus 330' jedhamu utuu Rio de Janeiro irraa gara Paaris imalaa jiruu Atilaantikitti kufuun namoonni 228 du'an.

Adoolessa 15 xiyyaarri Kaspiyaan Tupolev jedhamu utuu gara Armeeniyaa balali'aa jiruu Kaaba Iraanitti kufee caccabuun namoonni xiyyaaricha keessa turan 168 du'an.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Adoolessa 15 xiyyaarri Kaspiyaan Tupolev jedhamu utuu gara Armeeniyaa balali'aa jiruu Kaaba Iraanitti kufee caccabuun namoonni xiyyaaricha keessa turan 168 du'an.

Caamsaa 20 xiyyaarri waraanaa Indooneezhiyaa 'C-130 Hercules' jedhamu naannoo Baha Jaavaatti kufee caccabuun namoonni 97 du'an.

Guraandhala 12 magaalaa New York keessatti xiyyaarri kufuun namoonni 49 du'an.

2008

Fulbaana 14 xiyyaarri A Boeing-737 ta'e giddu gala Raashiyaa magaalaa Perm keessatti qubachuuf otoo jedhanii kufee caccabuun namoonni 88 du'an.

Hagayya 24 xiyyaarri imaltoota fe'ee magaalaa Kyrgyzstan, Bishkek, irraa ka'ee ture kufee caccabuun namoonni 68 du'an.

Hagayya 20 xiyyaarri Ispeen Maadiriid buufata xiyyaaraa Baraajaasitti kufuun namoonni 154 du'anii 154 ammoo madaa'aniiru.

2007

Sadasa 30 namoonni 56 xiyyaara waraanaa 'Atlasjet' jedhamu keessa turan hundisaanii wayita xiyyaarichi cinaa magaalaa Keciborlu jedhamuutti caccabu dhumaniiru.

Fulbaana16 xiyyaarri 'One-Two-Go' jedhamuun hunkutaa'uun namoonni 87 dhuman.

Adoolessa 17 July xiyyaarri TAM jedhamuun beekamu Biraaziil buufata xiyyaaraa Congonhas kan Sao Paulo keessatti argamutti kufee caccabuun namoonni xiyyaaricha keessa turan 186 fi kan lafa turan 13 dhuman.

Caamsa 5 xiyyaarri Keenyaa 'Boeing 737-800' Kaameeruun gara kibbaatti kufee caccabuun namoonni 114 dhuman.

Amajjii 1 xiyyaarri Indooneezhiyaa 'Adam Air Boeing 737-400' jedhamu imaltoota 102 qabatee kufuudhaan hunduu dhuman.

2006

Fulbaana 29 xiyyaarri 'Boeing 737' namoota 154 fe'atee balali'aa ture Biraazil, Bosona Amazoon keessatti kufuun namoonni xiyyaaricha keessa turan hunduu dhuman.

Hagayya 22 xiyaarri Raashiyaa 'Tupolev-154' jedhamu namoota 170 qabatee naannawa Baha Yukireenitti caccabe.

Adoolessa 9 July xiyyaarri Raashiyaa 'S7 Airbus A-310' Sarbiyaa buufata xiyyaaraa Irkutsk jedhamutti kufee caccabuun namoonni 124 yoo du'an namoonni 50 ta'an garuu hafaniiru.

Caamsaa 3 xiyyaarri Armaaviyaa 'Airbus A-320' jedhamu Galaana Gurraachatti kufuun namoonni xiyyaaricha keessa turan 113 du'an.

2005

Muddee 10 December xiyyaarri Sosoliso 'DC-9' jedhamu Naayijeeriyaa magaala Port Harcourt jedhamu keessatti kufuun namoonni 103 du'an.

Muddee 6 xiyyaarri waraanaa 'A C-130' jedhamu cinaa magaalaa Iraan, Tahraanitti kufuun namoota 110 ajeeseera.

Namoota balaa xiyyaaraan Indooneezhiyaa magaalaa Medan keessatti du'an sirni awwaalcha isaanii iddoo tokkotti raawwate

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Namoota balaa xiyyaaraan Indooneezhiyaa magaalaa Medan keessatti du'an sirni awwaalcha isaanii iddoo tokkotti raawwate

Onkoloolessa 22 xiyyaarri 'Boeing 737' jedhamu namoota 117 qabatee akkuma Naayijeeriyaa magaalaa Leegoos irraa ka'een kufee caccabuun namoonni hunduu du'an.

Fulbaana 5 xiyyaarri kan daadnii xiyyaaraa Mandala ta'e imaltoota 112 fi garee hojjettootaa shan qabatee Indooneezhiyaa magaalaa Medan irraa akkuma ka'een caccabee namoota xiyyaara keessa turanii fi namoota lafa jiran hedduu ajjeeseera.

Hagayya 16 xiyyaarri Kolombiyaa Daandii Xiyyaaraa Kaariibiyaanii Lixaatiin hoogganamu Veenzuweelaa keessatti kufee caccabuun namoonni xiyyaaricha keessa turan 160 dhumaniiru.

Hagayya 14 Xiyyaarri qabeenyummaansaaa kan Daandii Xiyyaaraa Helios ta'e namoota 121 qabatee Cyprus irraa gara Ateensi osoo balali'aa jiruu Kaaba magaalaa Ateensitti kufeera.

Adoolessa 16 xiyyaarri Equatorial Guinea magaalaa Malabo irraa namoota 60 fe'atee ka'e kufee caccabuun namoonni hunduu dhuman.

Guraandhala 3 caccabaan xiyyaara 'Kam Air Boeing 737' jedhamuu guyyaa lama booda Kaaba magaalaa Avgaanistaan Kaabulitti argame. Namoonni 104 xiyyaaricha keessa turan dhumaniiru.

2004

Sadaasa 21 xiyyaarri namoota 53 qabatee Kaaba Chaayinaa naannawa Mongoliyaatti kufuun namoota keessa turan hundaa ajjeesee, lafattimmoo nama lama ajjeese.

Amajjii 3 xiyyaarri Ijipti galaana diimaatti kufee caccabuun namoonni xiyyaaricha keessa turan 141 dhuman.

2003

Muddee 25 December xiyyaarri 'A Boeing 727' jedhamu biyya Dhiha Afriikaa taate Benin keessaa erga balali'uu eegalee kufee caccabuun namoota keessa turan 135 ajjeese.

Adoolessa 8 xiyyaarri 'Boeing 737' Sudaan keessatti kufee caccabuun namoonni 115 du'an,namni tokkoo fi daa'imni tokko garuu lubbuun ba'aniiru.

Xiyyaara Beenin keessatti kufee namoota 135 galaafate

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Xiyyaara Beenin keessatti kufee namoota 135 galaafate

Caamsaa 26 xiyyaarri Yuukreen 'Yak-42' galaana gurraachatti caccabuun namoota 74 ajjeese.

Caamsaa 8 xiyyaarri namoota 170 baatee ture DR Koongoo keessatti kufuun namoota hunda ajjeese.

Caamsaa 6 xiyyaarri Aljeeriyaa Boeing 737 ta'e buufata xiyyaaraa'Tamanrasset' irraa erga ka'ee booda kufee caccabuun namoonni 102 ta'an du'an.

Guraandhala 19 xiyyaarri waraanaa Iraan namoota 276 baatee ture kibba biyyattiitti kufuun hunduu dhuman.

Amajjii 8 xiyyaarri Tarkii namoota 76 baatee utuu buufata xiyyaaraa Diyarbakir jedhamu qubachuuf jedhuu kufee caccabe.

2002

Muddee 23 xiyyaarri namoota 46 baatee ture giduu gala Iraanitti kufuun namoonni 46 xiyyaaricha keessa turan du'aniiru.

Adoolessa 27 xiyyaarri waraanaa magaalaa Dhiha Yuukreen ,Lviv, keessatti bakka namoonni hedduun jiranitti kufuun namoota 77 ajjeese.

Adoolessa 1 xiyyaarri Raashiyaa 'Tupolev 154' jedhamu namoota 71, hedduunsaanii daa'imman ta'an, qabatee gara Ispeen osoo balali'aa jiruu Jarmanii kara kibbaatti xiyyaara 'Boeing 757' jedhamu waliin walitti bu'uun hunduu dhuman.

Caamsaa 25: Xiyyaarri Boeing 747 qabeenyuummaan kan Taayiwaan- Daandii Qilleensaa Chaayinaa- imaltootafi hojjetoota 225 qabatee, oddola Tayiwaan, Pengu birratti galaana kessatti kufeera

Caamsaa 7: Daandii Qilleensa Kaaba Chaayinaa namoota 112 qabatee galaana kaaba-baha Chaayinaa irratti kufe.

Caamsaa 7: Guyyama wal fakkaataa irratti xiyyaarri Daandii Qilleensa Egypt Boeing 735, imaltoota 55fi hojjetoota 10 qabatee nannoo Tunisitti kufe, hedduun olaniiru.

Caamsaa 4: Xiyyaarri BAC1-11-500 Daandii Qilleensaa EAS magaalaa Kaano Naayjeriyaa keessatti kufee namoota 148- walakkaan lafarra kan turan- ajjeeseera.

Ebla 15: Daandii Qilleensaa balalii 129, Pusaan, Kooriyaa Kibbaa qubachuuf utuu adeemuu imaltoota fi hojjetoota 160 qabatee kufe.

Guraandhala 12: Daandii Qilleensaa Iraan Tupolev 154 gaarren lixa Iraan irratti kufuun namoota 117 hunda ajjeeseera.

Amajjii 29: Xiyyaarri Boeing 727 Dandii qilleensaa Ekuwadoriya TAME gaarreen Kolomiyaa irratti rukutamee namoota 92 du'aniiru.

2001

Sadaasa 12: Daandiin Qilleensa Ameerikaa A-300 gara Rippaablika Domikaani imaluuf akka ka'een nannoo manneen jireenyaa Quwiins, Niw Yoork irratti kufee namoota xiyyaaricharra turan hunda 260fi namoota lafarra turan yoo xiqqaate shan ajjeesera.

Onkoloollessa 8: Daandiin Qilleensaa Iskaandaneeviyaa SAS daandii bufata xiyyaraa Linate, Milaan hurriin uwwifame irratti xiyyaara xiqqaa waliin walitti bu'uun namootni 118 du'aniiru.

Daandii Qilleensaa Ameerikaa Sadaasa 2000 nannoo Rockaway, Niw Yoorkitti kufe

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Daandii Qilleensaa Ameerikaa Sadaasa 2000 nannoo Rockaway, Niw Yoorkitti kufe

Onkoloollessa 4: Daandiin Qilleensaa Raashiyaa, Sibir, Tupolev 154 Tel Aviiv irra gara Saayberia utuu imaluu qilleensa irratti dhohee Galaana Guraacha keessatti kufee hojjetoota xiyyaaraa fi imaltoota 78 du'aniiru.

Adoolessa 3: Xiyyaarri Raashiyaa Tupolev 154 Yekaterinburg irra ka'uun gara Vladivostok imalaa kan ture Magaalaa Sarbiyaa Irkutsikitti kufee imaltoota 133fi hojjetoota xiyyaaraa 10 ajjeeseera.

2000

Onkoloollessa 30: Daandii Qilleensaa Singaapoor Boeing 747 gara Los Aanjeles imaluuf Tayiwaan Buufata Xiyyaaraa Tayipe irra akka ka'een kufe namoota 179 keessa 78 du'aniiru.

Hagayya 23: Xiyyaarri Airbus, Daandii Qilleensa Gulf Bahriyaan qubachuuf utuu adeemu galaana keessatti kufee namootni 143 hundi du'aniiru.

Adoolessa 25: Daandiin qilleensa Konkoord gara Niw Yoork imaluuf ka'e magaalaa Paaris ala hoteela irratti kufee namoota lafa tura afur dabalatee namootni 113 du'aniiru.

Daandii Qilleensaa Singaapoor Boeing 747 gara Los Aanjeles imaluuf Tayiwaan Buufata Xiyyaaraa Tayipe irra akka ka'een kufe

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Daandii Qilleensaa Singaapoor Boeing 747 gara Los Aanjeles imaluuf Tayiwaan Buufata Xiyyaaraa Tayipe irra akka ka'een kufe.

Adoolessa 17: Daandii qilleensaa Alliance Boeing 737-200 Indiyaa, Paatna qubachuuf utuu yaaluu imaltooti 51fi namootni laffarra turan afur du'aniiru.

Ebla 19: Xiyyaarri Filiippiins Boeing 737-200 Maniilaa irraa Davao utuu imalu quphachuuf yeroo jedhutti kufee namootni turan 131 hundi du'aniiru.

Amajjii 30: Daandiin qillensaa Alaaskaa MD-83 Meeksikoo gara Saan Firaansiskoo utuu imaluu garba guddaa kessatti kufuun namootni 88 hundi du'aniiru.

Amajjii 30: Daandiin qilleensaa Keeniyaa A-310 Abijaan Iyvoori Koost irraa Legoos Naayjeeriyaa utuu imalu Garba Atlaantik irratti kufuun namootni 179 keessaa 10 qofti lubbuun ooluun hundi du'aniiru.

1999

Onkoloolessa 31: Niwyoork Bufata xiyyaaraa John F. Kennedy irraa gara Kaayiroo imalaa kan ture EgyptAir Boeing 767 Garba Atlaantik keessatti kufuun namoota 217 hunda ajjeeseera.

Guraandhala 24: Daandii xiyyaaraa China Southwest, xiyyarrii Raashiyaatti hojjetame TU-154, magaalaa Chohgiqing irra ka'uun Wenzhowu utuu imali qilleensaratti dhuka'uun lubbuun namoota 61 hundi darbeera.

1998

Mudde 11: Daandiin qilleensaa Thailand A-30 Surat Thani qubachuuf yaalii taasisaa ture isa sadaffaa irratti kufee namootni 101 du'aniiru.

Fulbaana 2: Niwyoorkirra gara Jenevaa imalaa kan ture Swissair MD-11 Kanaadaa cinatti Garba Atilaantik kessaa dhidhimee namootni 229 hundi du'aniiru.

Guraandhala 16: Xiyyaarri Airbus A-300 Baalii Indooneezhiyaa irra ka'uun rooba fi hurri keessa buufata xiyyaaraa Chiang Kai-shek Tayipee quphachuuf utuu haluu kufeera. Namoota xiyyaricharra turan 196 hunda dabalatee namootni lafarra turan torba du'aniiru.

Guraandhala 2: Daandiin Xiyyaaraa Cebu Pacific DC-9 gaara kibba Filippiinsiitti rukutamee, namoota 104 imalicharra turan hunda ajjeeseera.