Barri 2018 duuti balaa xiyyaaraan uumamu yerootti dabaledha

Madda suuraa, PA
Barri 2018 xumurame bara 2017 caalaa yeroo balaan xiyyaara hedduun itti dhaqqabedha. Haa tahu malee ammas waggaa naga qabeessa salgaffaa tahuun galmaa'eera.
Dhaabbanni Ayiveeshin Seeftii Neetwoorki (ASN] jedhamu akka gabaasetti balaa xiyyaaraan bara 2018 keessa namootni 556 yommuu du'an bara 2017 keessa ammoo 44 qofa ture.
Balaa guddaan xiyyaaraa imaltootni hedduun itti du'an kan uumame ji'a Onkoloolessaa keessa yeroo xiyyaarri Kaampaanii [Lion air plane] Indooneshiyaa keessatti caccabuun lubbuun namoota 189darbedha.
Daandiiwwan xiyyaraa daldalaaf hojjetaniif barri 2017 yeroo kamiyyuu caalaa bara nagaa qabeessa jedhameera.
Kaampaaniin teessoon isaa Nezerlaandis tahe ASN bara 2018 keessa balaan xiyyaaraa hamaan 15 dhaqqabuu gabaaseera.
Indooneeshiyaatti xiyyaarri kaampaanii Lion Air, Boeing 737 tahe akkuma balalii jalqabeen galaana Jaavaa keessatti cacabuun namoota 189 galaafate.
Balaa xiyyaaraa Kuubaatti dhaqqabee namoota 112 galaafateef ammoo sababni dogogora ogeessonni uuman jedhame.
Gaara Iraan Zaargos keessatti caccabuun namoota 66 kan ajjeesee fi Xiyyaarri Neeppal buufata Kaatamanduutti osoo bu'uuf jettuu namoota 51 ajjeessun balaawwan gurguddoo bara kanaa keessatti galmaa'aniiru.
Haa tahu malee erga waggoota 20'n as balaan xiyyaaraa hir'achaa akka dhufe ragaan ni agarsiisa. Osoo balaan uumame bifuma duraan tureen itti fufeera tahee silaa bara darbe namoota 39 qofatu du'uu qaba ture.
To'annaatiin ala tahuun qaamota xiyyaarotaa balaawwan uumamaniif sababa guddaadha jedhee gabaasichi balaawwan gurguddoo uumaman 25 keessaas balaawwan ciccimoo 10 tahaniif sababadha jedhe.
To'annaatii Ogeessaan ala tahuun dogogora namaa, Mekaanikaa fi haala qilleensa naannoodhaan uumamuu danda'a. Balaawwan bifa kanaan uumaman yeroo baay'ee lubbuu namaa kan galaafanidha.












