Meeksikoo, bulchituun kutaa biyyaa Puebla Maartaa Erikaa Aloonsoo xiyyaan duute

Maartaa Erikaa Aloonsoo kakuu seentee hojii eegaltee guyyaa 10 boodadha kan lubbuunshee darbe

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Maartaa Erikaa Aloonsoo kakuu seentee hojii eegaltee guyyaa 10 boodadha kan lubbuunshee darbe

Maartaa Erikaa Aloonsoo kan guyyaa Muddee 14, 2018 kutaa biyyaa Meeksikoo, Puebla jedhamu bulchuuf muudamte, xiyyaarri kufee caccabuudhaan lubbuunshee darbeera.

Xiyyaarattii keessa kan turan Abbaan Manaashee Seenaatarri Raafaa'eel Moreenoo fi balaliistonni xiyyaaraa lama du'aniiru.

Imalaan kan biraan xiyyaarattii keessa turelleen akka du'etu himamaara.

Balaan xiyyaaraa Wiixata kaleessaa mudate kun dubartii reefuma aangootti dhufte karaadhaa deebisuun isaa gadda guddadha jedhan Pirezidaantiin Meeksikoo Andrés Manuel López Obrador.

Maartaa Erikaa Aloonsoo kakuu seentee hojii eegaltee guyyaa 10 boodadha kan lubbuunshee darbe

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Maartaa Erikaa Aloonsoo kakuu seentee hojii eegaltee guyyaa 10 boodadha kan lubbuunshee darbe

Pirezidaaanti Lopez Obrador karaa tuwiitarii isaanii gadda isaanitti dhagahame ibsaniiru.

Waan balaa kana uume madda dhugaa adda baasuuf sakatta'iinsi ni geggeeffama jedhan.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Wayita filannoo dorgommii cimaa keessa kan waliin turan Manuel Barbosa ''du'a namni namaaf hawwu hin jiru, wayitan du'ashe dhagahu baayyeen rifadhe. Maatiifi firootasheef jajjabinan hawwa'' jedhan.

Paarlaamaan Puebla nama yeroodhaaf Maartaa Erikaa bakka bu'ee hojjetu filachuuf jira.

Meeksikoo keessatti balaan xiyyaaraa gosa akkanaa yeroo baayyee ni mudata, jalqaba bara kanaa xiyyaarri ministira tokkoo kuftee caccabuun namoonni 13 du'an, Ministirichi garuu lubbuun hafuun gabaafameera.

Danaa Meeksikoo