Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Meeksikoo, bulchituun kutaa biyyaa Puebla Maartaa Erikaa Aloonsoo xiyyaan duute
Maartaa Erikaa Aloonsoo kan guyyaa Muddee 14, 2018 kutaa biyyaa Meeksikoo, Puebla jedhamu bulchuuf muudamte, xiyyaarri kufee caccabuudhaan lubbuunshee darbeera.
Xiyyaarattii keessa kan turan Abbaan Manaashee Seenaatarri Raafaa'eel Moreenoo fi balaliistonni xiyyaaraa lama du'aniiru.
Imalaan kan biraan xiyyaarattii keessa turelleen akka du'etu himamaara.
Balaan xiyyaaraa Wiixata kaleessaa mudate kun dubartii reefuma aangootti dhufte karaadhaa deebisuun isaa gadda guddadha jedhan Pirezidaantiin Meeksikoo Andrés Manuel López Obrador.
Pirezidaaanti Lopez Obrador karaa tuwiitarii isaanii gadda isaanitti dhagahame ibsaniiru.
Waan balaa kana uume madda dhugaa adda baasuuf sakatta'iinsi ni geggeeffama jedhan.
Wayita filannoo dorgommii cimaa keessa kan waliin turan Manuel Barbosa ''du'a namni namaaf hawwu hin jiru, wayitan du'ashe dhagahu baayyeen rifadhe. Maatiifi firootasheef jajjabinan hawwa'' jedhan.
Paarlaamaan Puebla nama yeroodhaaf Maartaa Erikaa bakka bu'ee hojjetu filachuuf jira.
Meeksikoo keessatti balaan xiyyaaraa gosa akkanaa yeroo baayyee ni mudata, jalqaba bara kanaa xiyyaarri ministira tokkoo kuftee caccabuun namoonni 13 du'an, Ministirichi garuu lubbuun hafuun gabaafameera.