Rakkoon tekinikaa xiyyaara Merkel mudate akka Jarmanitti deebitu taasise

Injinaroonni ibiddaa yeroo daandii xiyyaarri bilinjaatu gidduutti xiyyaara rakkoon mudate kanatti fiiganii simatan, buufata Xiyyaaraa Koleen Jarman keessatti argamu Konrad Adenauer jedhamu

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Injinaroonni ibiddaa yeroo daandii xiyyaarri bilinjaatu gidduutti xiyyaara rakkoon mudate kanatti fiiganii simatan, buufata Xiyyaaraa Koleen Jarman keessatti argamu Konrad Adenauer jedhamu

Chaansilarri Jarman Angeelaa Merkel sababii rakkoo tekinikaa xiyyaara ishee mudateen erga Barliiniin ka'ee karaa walakkaatti of duuba deebiyuu waan dirqameef kora G20 Arjentiinaatti gaggeeffamu sirna baniinsa isaa qaqqabuu dhiisuu malti.

Xiyyaarri Aadde Merkeliifi jila ishee qabatee balali'aa ture kun wayita Neezerlaandirra balali'aa jirutti ture sababii komunikeeshiniin addaan citeef kan akka of duuba deebiyuuf dirqame.

Xiyyaarri Airbus kun nagaan ofirra deebiyeera garuu magaalaa Kolen keessa osoo itti hin yaadamiin karooraan ala qubachuudhaaf dirqameera.

Aadee Merkel Jimaata darbe Maadiriiditti balaliitee turte osoo daandii Xiyyaaraa Iberia kan ittiin gara Buenos Airesitti ittiin balaliitu osoo hin saganteeffatiin dura.

Kaapiteeniin xiyaarichaa Kamisa galgala sababii "rakkoo siistema elektirooniksii hedduu irraan kan ka'een" akka of duuba deebiyuuf jiru imaltootatti hime.

Siistemni komunikeeshinii xiyyaarichaa hojjechuu waan dhaabee hojjetoonni/tekinishaanonni bilibila satelaayitii fayyadamuun warra tiraafika to'atan qunnamuudhaaf dirqamaniiru jechuudhaan marsariitiin Germany Spiegel gabaasaniiru.

Rakkoon uumame jedhames saanduuqa rabsaa elektirooniksii kan raadiyoofi kan boba'aa rabsu irratti ture jedhameera.

Humni qilleensaa Jarman elektirooniksiin xiyyaarichaa butamuu mala yaada jedhu dhiyaate haaleera. "Gonkumaa waanti yakka waliin walqabatu hin jiru," jedhan dubbi himaan.

Aadde Merkel hoteel Boon keessatti argamu keessa alkan tokko karoora malee turuuf dirqamteetti

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Aadde Merkel hoteel Boon keessatti argamu keessa alkan tokko karoora malee turuuf dirqamteetti

Akka yaa'icha qaqqabattuuf jecha xiyyaarri biraan kan bakka bu'ee balali'u jiraatus, gareen tajaajila kan qophaa'an hin jiran jechuun miidiyaaleen Jarman gabaasaniiru.

Chaansilarittiin "suura maatii" kan biyyoota garee G20 qaqqabuu hin dandeessu jedhameera. Mariin gam-lamee biyyoota gara garaa waliin qabame garuu isheef jecha akka guyyaan achi butamee qabamu taasifameera.

Osoo Jimaata har'a nagaan balali'amee achi geesseetti ta'eetii, Pirezedaant Doonaald Tiraampiifi kan Chaayinaa Shii Jiinpiingi waliin marii gam-lamee taasifti ture.

Chaansiler Angellaa Merkel yeroo xiyyaara irraa bu'aa jirtutti

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Chaansiler Angellaa Merkel yeroo xiyyaara irraa bu'aa jirtutti