Xiyyaarri Jarmanitti namarra ba'ee sadii galaafate

Xiyyaara xiqqoo Jarmanitti caccabde, 14.11.2018

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Sababni balaa kanaa hanga yoonaa hinbaramne

Xiyyarri xiqqoo jiddugala Jarmanitti nama walitti qabame gidduu baate dubartoota lamaafi dhiira tokko galaafatte.

Xiyyaarri motora tokko 'Cessna' jedhamtu ummata walitti dhufe gidduu tulluu 'Wasserkuppe' naannoo magaalaa Fuldaa buchiinsa Hessetti buute.

Xiyyaarri kuni erga lafa buute booda ol ka'uf yeroo carraaqxutti dallaa buufata xiyyaaraa qaxxaamuruun daandiitti baateetti.

Poolisiin akka jedhutti namoota xiyyaara keessa jiran 4 dabalate shan miidhamaniiru.

Balaliisaan xiyyaarichaaa umurii 56 kan ta'aniifi imaltoonni sadii hospitaalatti geeffamaniiru.

Sababni balaan kuni dhaqqabef hinbeekmane. Poolisiin qorataa jira. Qondaaltonni waan mudaten gadda isaanii ibsaniiru.