Balaa Xayyaaraa ET-302: Miidhamtoonni eenyu fa'i?

Madda suuraa, SOCIAL MEDIA
Daandii Qilleensaa Itoophiyaa balalii ET 302 Dilbata kufee namootni 157 yeroo du'aniti imaltoonni xiyyaricharra turan lammilee biyyoota 30 ol ta'ani dha.
Akka qondaaltoota Daandii Qilleensaa Itoophiyaatti miidhaamtoota keessa lammileen Keeniyaa 32, lammilee Kaanaadaa 18, lammilee Itoophiyaa sagaliifi lammileen Biriteen torba turaniiru.
Imaltoonni tokko tokko Dhabbata Biyyoota Gamtoomanii UN waliin hidhata kan qabanidha.
Waa'ee miidhamtoota tokko tokkoo kan beeknu kunoo.
Itoophiyaa
Qabiyyeen kun hin argamne
irratti dabalatan ilaali FacebookQabiyyeewwan maddawwan alaa irraa ta'aniif BBCn itti gaafatamaa miti.Xumura maxxansa Facebook

Saaraa G/Mikaa'eel keessumeesituu balalii ET302 turte.
Abbaa manaafi ijoollee sadii dhiistee duute.


Sidraaq Geetaachoo dargaggeessa ganna 27 ture.


Madda suuraa, FACEBOOK
Ayyaantuu Girmaay keessummeessituu balallii ET302 turte. Ayyaantuun Daandii Xiyyaaraa Itoophiyaa keessatti hojii keessummeessuu kan eegaltee ji'oota 18'n dura ture.
Yunivarsiitii Dabrataabor irraa Diigrii jalqabaan eebbifamte.

Keeniyaa

Madda suuraa, Hassan Katende/Facebook

Kaapteen Yaareed Mulugeetaa Geetaacho, balaliisa ykn paayleetii dursaa Daandii Qilleensaa Itoophiyaa balalii ET 302 ture.
Daandii Qilleensaa Itoophiyaa keessa bara 2007 jalqabee hojjechaa ture.
Daandii Qilleensaa Itoophiyaa saatii 8000 ol qilleensarra hojjechuun " sochii hojii garii" jedheera.


Madda suuraa, Carleton University
Midhamaan biraa barataa seeraa waggaa sadaffaa Yuniversitii Georgetown kan ta'e Cedric Asiavugwa dha.
Naayrobii imalaa kan ture awwaalcha fira isaaf ta'uu gabaasameera.

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 1

Hogganaan kubbaa millaa Keeniyaa duraa Hussein Swaleh balaa kanaa du'uu isaa Konfidereeshinii Kubbaa millaa Afrikaa (CAF) mirkaneesseera.
Obbo Swaleh tapha shaampiyooni CAF Aleksaandiyaa, Gibxiitti gaggefamme erga murteesse gara manatti deebi'aa ture.

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 2

Gaazexxessaan Keeniyaa duraa Anthony Ngare, 49, midhamtoota keessa tokko.
Mr Ngare konfiraansii UN Paarisitti Keeniyaa bakka bu'uun hirmaate gara Naayrobitti deebi'aa ture.
Du'a isaa dura eejensii aadaa Un, Unesco keessa akka dareektara itti anaa kominikeeshinii ta'ee hojjecha ture.
Kanaadaa

Madda suuraa, Carleton University
Miidhamtoota keessa daarektara dhaabbata qoranno Afrikaa Yuniveersitii Carleton kan ta'e dhalataan Naayjeriyaa Piroofeessar Pius Adesanmi tokko ta'uu isaa Kaanadaan mirkaneessiteetti.
Piroofeessar Pius Adesanmi gara Naayrobii imalaa kan turan koonfirensii Gamtaan Afrikaa qopheesse irratti hirmaachufi.

Lammiin Kaanaadaafi Somaliyaa Amina Ibrahum Odowa fi da'imni ishee waggaa shanii Sofia Abdulkadir midhamtoota.
Ms Odowa fi intallishee mana isaanii Edmantan irra gara Keeniyaa imalaa kan turan cidhasheef ta'uu isaa oboleessishee BBCtti himeera.
Ijolleen dubaraa isheen dhiistee duute lamaan akkoo isaanii bira jiru.


Madda suuraa, Facebook

Ogeessi eegumsa naannoo Peter DeMarsh yeroo balaan kun dhaqqabetti koonfiraansiif gara Naayrobii imalaa ture.
Mr DeMarsh harmee isaa dulloomtee kunuunsuuf magaalaa New Brunswick gale akka ture obboleettin isaa dubbateetti. Hadha warraafi ilma qaba.


Madda suuraa, Facebook
Namni umurii waggaa 54 Derick ogeessa maallaqaa fi luba Kalgariitti beekamaadha. Gabaasa CBC tures.
Haadha warraa fi ijoollee umurii waggaa 17,19 fi 20 dhiisee lubbuunsaa dabarte.


Madda suuraa, Facebook/Kosha Vaidya
Maatiin miseensa ja'a qabu lammiilee Kanaadaa du'an keessaati.
Namni umurii waggaa 37, Kosha Vaida fi Abbaan Warraa ishee namni umurii waggaa 45 ijoolleesaanii lamaan Ashka, shamarree umurii waggaa 14fi Anushka,shamarree umurii waggaa 13 qabatanii gara iddoo dhaloota Kosha Naayiroobii deemaa turan. Nairobi - where Kosha was born.
Dhaloota Indiyaa kan ta'an namoonni kunneen imala kan eegalan guyyaa 10 dura.
Erga Keenyaa jiraachuu eegalanii waggaa 37 waan ta'eef maatiin Kosha isaan daawwachuuf karoorfatanii turan.


Madda suuraa, Danielle Moore/Facebook
Shamarreen umurii waggaa 24 Danielle Moore Kora dhimma eegumsa naannoo Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii irratti hirmaachuuf gara Naayiroobii imalaa turte.
Kora kanarratti hirmaachuuf carraa argachuusheetti hedduu akka gammadde gaafa Bitootessa 9 feesbuukiisheerratti barreessitee turte.
Barnoota 'marine biology' jedhamu Yuunbiversitii Dalhousie jedhamutti baratte. Boodammoo bara 2015 Dhaabbata barnootaa Bermuda Institute of Ocean Sciences jedhamutti baratte.
Naayjeeriyaa
Lammiin Naayjeeriyaa balaa kanaan du'a diploomata soorama ba'e Ambaasaaddar Abiodun Bashua dha.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 3

UK
Miidhamtuun balaa ET302 biroo Joanna Toole, 36 ,magaala Exmouth UKtti kan guddatte yoo ta'u magaala Room jiraatti ture.
Dhaabata kunuunsa bineensoota idil adduunya keessa waggaa 15f hojechaa turte abbaan ishee BBC'tti himeera.

Lammiin Briteenifi Keeniyaa Joseph Waithaka, 55, midhaama biraadha.
Abbaan ijoollee sadii Mr Waithaka bara 2004 eegale UK keessa jiraachaa turee bara 2015'tti garuu Keeniyaa jiraachuu eegale.


Madda suuraa, PA
Namni biraan balaa xiyyaaraa kanaan miidhamte Sarah Auffret, University of Plymouth irraa eebbifamtee ogeettii tuurizimii taatee hojjechaa turte.
Kora Eegumsa Naannoo Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii qopheessurratti waa'ee qulqullina galaanaarratti waraqaa dhiyeessuuf gara Naayiroobii imalaa turte.
Jarmanii

Madda suuraa, IOM
Anne-Katrin Feigl lammii Jarmanii yoo taatu Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii keessatti Ejensii Dhimma Godaantotaa (IOM)keessa hojjechaa turte.
Aadde Feigl leenjiidhaaf gara Naayiroobii imalaa turte jedha IOM ibsa baaseen.
Siwiidiin

Madda suuraa, Jonathan Seex/Facebook
Dhaabbati 'Hospitality company Tamarind Group' jedhamu akka ibsetti Hoji Geggeessaa Olaanaa isaa kan ta'an Jonathan Seex namoota balaa xiyyaaraan Itoophiyaatti du'an keessaati.
Toogoo
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 4

Pirofeesarri Yuuniversitii Loomee Dr Kodjo Glato lammii Toogoo balaa xiyyaaraan du'edha.
Dr Glaton dhaabbata qonnaan bultoota deggeruu irratti hojjetu 'Farmers Without Borders' jedhamu qaba ture.
Silovaakiyaa
Warra seera tuman keessaa kan ta'e lammiin Silovaakiyaa Anton Hrnko haati warraa isaa Blanka, ilmi isaa Martin and intalli isaa Michala balaa xiyyaaraa Itoophiyaatiin akka duraa du'an ibseera. Namni afraffaan xiyyaaricha keessa ture Lammiin Siloovaakiyaa ammallee odeeffannoon isaa hin baane.
Itaalii
Hojjettoonni Dhaabbata Sagantaa nyaataa Addunyaa 'World Food Programme' Maria Pilar Buzzetti ,Virginia Chimenti fi Paolo Dieci, lammiilee Itaalii saddeet balaa xiyyaaraan du'an keessaati.
Raashiyaa
Aleksandr Polyakov fi haati warraa isaa katerina namoota lubbuun isaani balaa xiyyaaraa Itoophiyaatiin dabarteedha.
Lammiin Raashiyaa kan biraan lubbuun isaa dabarte Sergei Vyalikov.
Noorway
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 5

Dargaggeessi umurii waggaa 28 Karoline Aadland qindeessaa damee faayinaansii Dhaabbata Fannoo Diimaa 'Norwegian Red Cross' jedhamuuti.
Ireland

Madda suuraa, World Food Programme/PA
Michael Ryan hojjetaa Dhaabbata Nyaataa Addunyaati.

Hanga ammaatti miidhamtoonni odeeffannoon isaanii hin qulqulloofne:
Chaayinaa(8), Itaalii(5), Yuunaayitid Isteetis(8), Firaansi(7), Ijipti(6), Jarmanii(4), Indiyaa(4), Awustiraaliyaa(3), Siwiidiin(2), akkasumallee Spain, Israel, Morocco fi Poland irraa namoota lama,lama, fi from Belgium, Djibouti, Indonesia, Mozambique, Rwanda, Saudi Arabia, Sudan, Somalia, Serbia, Uganda, Yemen, fi Nepal irraa nama tokko, tokko dha..














