Balaa Xiyyaaraa Itoophiyaa: Bulchiinsi Aviyeeshinii US Xiyyaarri 'Boeing 737 Max 8' qilleensaaf mijataadha jedhe

Madda suuraa, Reuters
Bulchiinsi Aviyeeshinii Yuunaayitid Isteetis gosi xiyyaaraa 'Boeing's 737 Max 8' qilleensarra balali'uuf mijataa ta'uusaa daandiiwwan xiyyaaraa gosa xiyyaaraa kana fayyadamaniif mirkaneesseera.
Bulchiinsi Aviyeeshinii kun kana kan jechuu danda'e erga yeroo lammaffaaf gosi xiyyaaraa kun Dilbata dheengaddaa Itoophiyaa keessatti kufee caccabeeti.
Gosa xiyyaaraa kanaan ji'oota ja'an darban keessatti balaa hamaan lama mudateera.
Balaan xiyyaaraa gaafa Dilbataa Itoophiyaa keessatti xiyyaarri balali'uu eegalee daqiiqaa ja'a keessatti kufee caccabuun namooota 157 galaafateera.
Isa duras ji'a Onkoloolessaa keessa xiyyaarumti walfakkaatu kufuun namoonni 189 du'aniiru.

Kana hordofuun biyyoonni tokko tokko hanga haalli balaan itti uumamee fi haalli xiyyaarichaa qoratamee ifa ta'utti xiyyaara kan balaliisuu dhaabaniiru.
Boodarra gaafa Wiixataa ibsa kan kenne Bulchiinsi Aviyeeshinii Federaalaa ''xiyyaarichi naga qabeessa, qilleensa keessa balali'uuf mijataadha, rakkoo homaatuu hin qabu'' jedheera.
Erga balaan xiyyaaraa kun mudatee as biyyoonni akka Chaayinaa, Itoophiyaa fi Indooneezhiyaa xiyyaara kanatti fayyadamuu yeroof dhaabaniiru.
Daandiiwwan xiyyaaraa biyyoota biroo garuu erga xiyyaarri kun nageenyummaansaa mirkanaa'ee balaliisuu itti fufaniiru.













