Waa'ee balaa xiyyaaraa ET302 hanga ammaa maal beekna?

Caccaba

Madda suuraa, Reuters

Kalee ganama buufata xiyyaaraa Idil -addunya Booleerraa ka'ee gara Naayiiroobi imalaa kan ture xiyyaarri Itoophiyaa Boeing 737 Max 8, balaa mudateen hojjattoota dabalatee imaltoonni 157 lubbuun darbeera.

Balaa booda qabataamatti wantoonni beekaman:

  • Imaltoota 149 fi hojjattoota 8 qabatee buufata xiyyaarraa Idil-addunyaa Booleerraa imala isaa kan jalqabe xiyyaarri ET-302 ganama sa'aatii 2:38 irratti.
  • Xiyyaarichi erga imala isaa jalqabe daqiiqaa jaha booda naannoo magaalaa Bishooftuuu, Aanaa Gumbichuu, Ganda Tulluu Farraa jedhamtutti kufee caccabe.
  • Paayileetichi yeroo rakkinni isa mudate gara Finfinnee deebi'uu akka danda'u itti himamee ture.
  • Oduu kana dursa kan baase Waajjira Ministira Muummeeti: sa'aatii 4:48 irratti. Waajjirri isaaniis hiriyootaa fi maatii isaanii balaa kanaan dhabaniif gadda itti dhagahame ergaa dabarse.
  • Hojjattoonni Daandii xiyyaara Itoophiyaa gara iddoo balaan itti mudatetti ganama sa'aatii 5 ergamuu isaanii Daandiin xiyyaara Itoophiyaa ibsa baase irratti beeksisee jira.
  • Guyyaa sa'aatii 7:30 irratti hogganaan Daandii Xiyyaara Itoophiyaa Obbo Tawoldee Gabramaariyaam iddoo balaan itti mudatetti argamuun daawwataniiru.
  • Guyyaa sa'aatii 10:20 irratti MM Abiy Ahimadis bakka balaan dhaqqabe deemani daawwataniiru.
  • Guyyaa kaleessaa mannii maree bakka bu'oota ummataa har'a (Bitootessa 2-2011) guyyaa gaddaa akka ta'e labseera.
  • Booying 737 Max 8 ji'oota afur dura kan bitame yoo ta'u, Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa gosa xiyyaarota kanaa jaha qaba.
  • Xiyyaarichi yeroo Afrikaa Kibbaa Joohanisbaarg irraa Dilbata ganama deebi'u rakkinni tokkollee kan himame akka hin jirre fi sa'aatii sadiif akka lafarra ture himamera.
  • Balaliisaan xiyyaarichaa Yareed Mulugeetaa imala sa'aatii 8,000 kan imaleefi gargaaraan isaa Ahimadnuur immoo imala sa'aatii 200 ol kan imaledha.
  • Dhaabbanni xiyyaara oomishu Booying gadda itti dhagahamu ibsuun, garee teeknikaa gara Itoophiyaa akka ergu beeksisee jira.
  • Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa dhaabbata Siivil Aveeshiini Itoophiyaa fi Abbaa Taayitaa Geejjiba Itoophiyaa waliin ta'uun balaa kanarratti qorannoo tasiisuuf koree dhaabee jira.
  • Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa hamma sababni balaa kanaaa qoratame baramutti xiyyaarronni 'Boeing 737 Max 8' yeroodhaaf akka hin balaliine murteessuu isaa beeksiise jira.
  • Sanduuqni odeeffannoo imalaa (Black Box) argameera.

Odeeffannoo namoota du'anii hamma ammaatti qabnu

  • Namoota lubbuun isaanii darbee keessa 32 lammiilee Keeniya, 18 Kanaadaa, 18 Itoophiyaa yoo ta'an walii galaattii lammiilee biyyoota 35'ti.
  • Paayilatiin xayyaara kanaa Yaareed Mulugeetaa fi gargaaraan isaa Ahimadnuur Mohaammadiin.
  • Dargaggeessi Sidraaq Geetachoo, lammiin Itoophiyaa lubbuu dhabeera.
  • Pirotokoolii MM Soomaliyaa kan ta'aan Shahiid Abduulshakuur namoota balaa kanan lubbuun isaanii darbee keessa isaan tokko.
  • Miseensa paarlaamaa Isloovaakiyaa kan ta'an Antoonii Heerankoo fuula feesbukii isaani irratti akka barressanitti haadha warraa fi ijoollee isaanii lamaan balaa kanaan dhabaniiru.
  • Namoota balaa kanaan lubbuun isaanii darbee keessaa hojjattoota Dhaabbata Biyyoota Gamtoomani kan ta'an koonfiransii Eegumsa Naannoo Keeniyaatti gaggeeffamuuf jedhurratti hirmachuuf kan turanidha.
  • Tapha Chaampiiyoons Liigii CAF irratti tapha TP Maazeembe fi Ismaayiilin waliin taasisan irratti murteessa taphichaa kan turan murteessaa Idil-addunyaa Huuseen Siwaahiile illee lubbuu dhabaniiru.