Xiyyaarri Itoophiyaa ET-302 naannoo Bishooftuutti kufee caccabe: Imaltoonni 150 ol keessa akka turan amanama

Xiyyaara Itoophiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Xiyyaarri Itoophiyaa Finfiinneerraa Naayiroobii imalaa ture kufee caccabuun, lubbuun namootaa dabre.

Daandiin xiyyaara Itoophiyaa akka beeksisetti balaan kuni naannoo Bishooftuutti dhaqqabe. Buufata xiyyaaraa Booleerraa erga kahe daqiiqaa jaha booda walqunnamtiin akka adda cite Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa beeksisullee gabaafameera.

Lakkofsi balalii ET 302/10 ganama 2:38 irratti kan imala eegale yoo ta'u yeroo xumuraaf 2:44'tti kanneen balalii to'atan isaan dubbisan.

Xiyyaara kana irratti imaltoonni 149 fi hojjettoonni xiyyaarichaa 8 turan akka jiran akka amanamu kan ibse Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa, lubbuu baraaruuf yaaliin taasifamaa akka jiruufi kanneen lubbuun hafan jiraachuu isaaniif ragaan akka hin jirrellee beeksiseera.

Balaa kanaan kan lubbuu dhabanif guddaa akka gadde Waajjirri MM Itoophiyaa beeksiseera.

Odeeffannoo dabalataa jala jalaan isin beeksifna.