Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waa'ee balaa xiyyaaraa ET302 hanga ammaa maal beekna?
Kalee ganama buufata xiyyaaraa Idil -addunya Booleerraa ka'ee gara Naayiiroobi imalaa kan ture xiyyaarri Itoophiyaa Boeing 737 Max 8, balaa mudateen hojjattoota dabalatee imaltoonni 157 lubbuun darbeera.
Balaa booda qabataamatti wantoonni beekaman:
- Imaltoota 149 fi hojjattoota 8 qabatee buufata xiyyaarraa Idil-addunyaa Booleerraa imala isaa kan jalqabe xiyyaarri ET-302 ganama sa'aatii 2:38 irratti.
- Xiyyaarichi erga imala isaa jalqabe daqiiqaa jaha booda naannoo magaalaa Bishooftuuu, Aanaa Gumbichuu, Ganda Tulluu Farraa jedhamtutti kufee caccabe.
- Paayileetichi yeroo rakkinni isa mudate gara Finfinnee deebi'uu akka danda'u itti himamee ture.
- Oduu kana dursa kan baase Waajjira Ministira Muummeeti: sa'aatii 4:48 irratti. Waajjirri isaaniis hiriyootaa fi maatii isaanii balaa kanaan dhabaniif gadda itti dhagahame ergaa dabarse.
- Hojjattoonni Daandii xiyyaara Itoophiyaa gara iddoo balaan itti mudatetti ganama sa'aatii 5 ergamuu isaanii Daandiin xiyyaara Itoophiyaa ibsa baase irratti beeksisee jira.
- Guyyaa sa'aatii 7:30 irratti hogganaan Daandii Xiyyaara Itoophiyaa Obbo Tawoldee Gabramaariyaam iddoo balaan itti mudatetti argamuun daawwataniiru.
- Guyyaa sa'aatii 10:20 irratti MM Abiy Ahimadis bakka balaan dhaqqabe deemani daawwataniiru.
- Guyyaa kaleessaa mannii maree bakka bu'oota ummataa har'a (Bitootessa 2-2011) guyyaa gaddaa akka ta'e labseera.
- Booying 737 Max 8 ji'oota afur dura kan bitame yoo ta'u, Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa gosa xiyyaarota kanaa jaha qaba.
- Xiyyaarichi yeroo Afrikaa Kibbaa Joohanisbaarg irraa Dilbata ganama deebi'u rakkinni tokkollee kan himame akka hin jirre fi sa'aatii sadiif akka lafarra ture himamera.
- Balaliisaan xiyyaarichaa Yareed Mulugeetaa imala sa'aatii 8,000 kan imaleefi gargaaraan isaa Ahimadnuur immoo imala sa'aatii 200 ol kan imaledha.
- Dhaabbanni xiyyaara oomishu Booying gadda itti dhagahamu ibsuun, garee teeknikaa gara Itoophiyaa akka ergu beeksisee jira.
- Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa dhaabbata Siivil Aveeshiini Itoophiyaa fi Abbaa Taayitaa Geejjiba Itoophiyaa waliin ta'uun balaa kanarratti qorannoo tasiisuuf koree dhaabee jira.
- Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa hamma sababni balaa kanaaa qoratame baramutti xiyyaarronni 'Boeing 737 Max 8' yeroodhaaf akka hin balaliine murteessuu isaa beeksiise jira.
- Sanduuqni odeeffannoo imalaa (Black Box) argameera.
Odeeffannoo namoota du'anii hamma ammaatti qabnu
- Namoota lubbuun isaanii darbee keessa 32 lammiilee Keeniya, 18 Kanaadaa, 18 Itoophiyaa yoo ta'an walii galaattii lammiilee biyyoota 35'ti.
- Paayilatiin xayyaara kanaa Yaareed Mulugeetaa fi gargaaraan isaa Ahimadnuur Mohaammadiin.
- Dargaggeessi Sidraaq Geetachoo, lammiin Itoophiyaa lubbuu dhabeera.
- Pirotokoolii MM Soomaliyaa kan ta'aan Shahiid Abduulshakuur namoota balaa kanan lubbuun isaanii darbee keessa isaan tokko.
- Miseensa paarlaamaa Isloovaakiyaa kan ta'an Antoonii Heerankoo fuula feesbukii isaani irratti akka barressanitti haadha warraa fi ijoollee isaanii lamaan balaa kanaan dhabaniiru.
- Namoota balaa kanaan lubbuun isaanii darbee keessaa hojjattoota Dhaabbata Biyyoota Gamtoomani kan ta'an koonfiransii Eegumsa Naannoo Keeniyaatti gaggeeffamuuf jedhurratti hirmachuuf kan turanidha.
- Tapha Chaampiiyoons Liigii CAF irratti tapha TP Maazeembe fi Ismaayiilin waliin taasisan irratti murteessa taphichaa kan turan murteessaa Idil-addunyaa Huuseen Siwaahiile illee lubbuu dhabaniiru.