Gabaasa kallattii har'aa kanumaan xumurra
Guyyaa borus odeeffannoowwan isin baru qabdu jennee yaadne bal'inaan isin biraan geenya
Ammas irra deebiin BBC Afaan Oromoo maatii fi firoottan warra lubbuu dhabaniif jajjabina hawwa.
Halkan gaarii!
Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Balalinsi xayyaaraa ET-302 Finfinneerraa gara Naayiroobii imalaa ture, naannoo Bishooftuutti kufee caccabuun lubbuun imaltoota 157 darbeera.
Guyyaa borus odeeffannoowwan isin baru qabdu jennee yaadne bal'inaan isin biraan geenya
Ammas irra deebiin BBC Afaan Oromoo maatii fi firoottan warra lubbuu dhabaniif jajjabina hawwa.
Halkan gaarii!
Hojjeettonni BBC HOA (Gaanfa Afrikaa), waajjira Naayiroobiitti argamutti, dungoo ibsuufi callisaan midhaamtoota balaa ET-302 yaadataniiru.
Ammas irra deebi'uun maatii fi firoottan warra lubbuu dhabaniif BBC'n jajjabina hawwa.
Ogeessi suuraa Ministira Muummichaa Aroon Simee suuraa MM Abiy Ahimadiifi Hoogganaa WFP David Beasley qoodeera.
Alaabaan biyyattiis halaalaan gadi siqee mirmirfamu mullata.
Dargaggeessa jiraataa naannichaa balaa kana kan ijaan arge dubbisneerra.Kana nuun jedhe.
Barsiisaa Yunivarsiitii Dabrataabor Alamaayyoo Girmaa jedhaman barattuu isaanii kan turte Ayyaantuu Girmaay lubbuu dhabuusheetti gadda itti dhagahame ibsaniiru.
''Ayyaantuun barattuu qaxalee turte. Amallishee, akkatti namaa wajjiin waliigaltu, kabaji barsiisootaaf qabdu adda.
Guyyaa carra-dhabeessa kaleessaarratti, dargaggoonni hedduun lubbuu dhaban. Isaan keessaa barattuun koo jaalatamtuu Ayyaantuu Girmaay turte. Rabbii jannataan haa qananiisu,'' jechuun waan itti dhagahame ibsaniiru.
Waahillan keenya iddichatti argaman suuraalee garagaraa nuuf ergaa jiru.
Odeeffannoo kana gaazexeessaa Eliyaas Masarat irraa arganne.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Dameen Baha Afriikaa namoota guyyaa kaleessaa utuu Finfinneerraa gara Naayiroobii imalanii balaa xiyyaaraatiin lubbuun isaanii darbeef sirna kadhannaa taasiseera.
Sirna kadhannaa kanarratti hordoftoota amantii garagaraatu qooda fudhatan.
Iddoo balaa kanatti odeeffannoo sassaabuuf maashina gurguddaan laficha qotaa jiru.
Kanumasanis hanga yoonaa gommaa fi caccabaan xayyaarichaa bahaa jiru.
Eba Eba Fayisa hiriyaasaa Sidraaq Geetachoo kan balaa ET 302tiin lubbuun isaa darbeef, Feesbuuki gubbaatti gadda isaa ibseera.
Hojiin reeffa namootaa fi meeshaalee walitti qabuu iddoo balaa kanatti taasifamu ammas itti fufeera.
Balaa ET 302'tiin du'a hiriyaa isaa Ahimadnuur Mohammadiin kan gadde Yohaannis Tesfaayee, fuula Feesbook isaaratti "Abjuu hamaa utuu ta'ee jedheen hawwe" jechuun gadda itti dhaga'ame ibseera.
"Ati hiriyyaa gaariidha"
"Biyyoon sitti haa salphatu. Sin yaada! Yeroo hunda lapheekoo keessa jirta"
Dhaabbata baraaraa tola ooltummaa Israa'el -ZAKA jedhamurraa gareen lama Itoophiyaa galaniiru.
Gareen kunis qaama imaltootaa lammiilee Israa'el lubbuu dhaban adda baasuuf gargaaru jedhameera.
Balaa Xiyyaaraa kanaan hiriyaasaa dhabuutti hedduu akka gadde fuula feesbuukiisaarratti kan barreesse hiriyaan Yaareed Mulugeetaa Daagim Birhaan, gaarummaa, namummaa fi jaalala hiriyaasaa yoomuu yaadachaa akka jiraatu ibseera.
Firoota, jaal'attootaa fi dinqisiifattoota isaafis jajjabina hawweera.
Qoondalli UN ECA balaa kanaan maatii UN hundatti gaddi guddaan itti dhaga'amu ibsaniiru.
"Hojjeetonni eejansoota Biyyoota Gamtoomanii (UN) balaa kanaan du'an jiru."
"Akkasumas hojjettoonni dhabbilee idil addunyaa biroo du'uu isaanii dhageenyeerra."
Qondalli kun dabalataniis "Maatii, hiriyyoootafi wayiiltoota namoota balaa kanaan midhamanii yaadaafi kadhannaan isanii waliin jirra," jedhaniiru.
Maatilee hojjeettota lubbuu isaanii dhabaniif qunnamuun gargaarsa akka dhiyeessaniis ibsaniiru.
Maqaa gartuu hoggantoota UN'n hundumtuu maatiiwwan kanaaf yaaduun suuraleefi maqaa maatii isaani du'anii midiyaa hawasumma irratti akka hin gadhiisne nan gaafadha"
Dhabbanni xiyyaara oomishu 'Boeing' eega xiyyaarri Itoophiyaa 737 kan ta'e gaafa Dilbataa kufee namoonni xiyyaarricha keessa turan 157 du'anii booda, dhaabbattichatti gaaffiin hedduu irratti ka'aa jira.
Balaan kun ji'oota shan keessatti xiyyaarri Boeing 737 max 8, kan ta'e yoo kufu inni kun isa lammaffaadha.
Balaan kun Onkololeessa keessa balaa xiyyaarra Indooneezhiiya 'Lion Air' jedhamu irratti qaqqabe waliin wal bira qabamaa jira.
Yeroo ammaatti Itoophiyaa fi Chaayinaan xiyyaarroota gosa kana hunduma isaanii balali'uu irra dhorkaani jiru.
Haa ta'u malee ogeeyyiin xiyyaaronni kunniin hojiirraa dhorkamuun isaanii waan saffisee fakkaata jedhu.
''Anaa fi Misheel namoota balaa xayyaaraa Itoopphiyaan lubbuu dhaban hunda beekaniif, gadda nutti dhagahame ibsina.
Suuraaleen iddoo balaarraa kaafaman meeshaalee imaltootaa fi caccabaa kanneen biroo agarsiisu.