Balaa Xiyyaaraa ET302: gabaasa kallattii guyyoota lamaan jalqabaa

Balalinsi xayyaaraa ET-302 Finfinneerraa gara Naayiroobii imalaa ture, naannoo Bishooftuutti kufee caccabuun lubbuun imaltoota 157 darbeera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Gabaasa kallattii har'aa kanumaan xumurra

    Guyyaa borus odeeffannoowwan isin baru qabdu jennee yaadne bal'inaan isin biraan geenya

    Ammas irra deebiin BBC Afaan Oromoo maatii fi firoottan warra lubbuu dhabaniif jajjabina hawwa.

    Halkan gaarii!

    Ilillii yaadannoo
  2. Hojjettonni Waajira BBC gadda isaanii ibsatan, Hojjettonni Waajjiira BBC HOA (Gaanfa Afrikaa) gadda isaani ibsan

    Hojjeettonni BBC HOA (Gaanfa Afrikaa), waajjira Naayiroobiitti argamutti, dungoo ibsuufi callisaan midhaamtoota balaa ET-302 yaadataniiru.

    Ammas irra deebi'uun maatii fi firoottan warra lubbuu dhabaniif BBC'n jajjabina hawwa.

    flower and hand
    BBC HOA
    BBC HOA
    Flowers
    Hojjettoota BBC
  3. MM Abiy fi alaabaa biyyattii gadi siqee mirmirfamu

    Ogeessi suuraa Ministira Muummichaa Aroon Simee suuraa MM Abiy Ahimadiifi Hoogganaa WFP David Beasley qoodeera.

    Alaabaan biyyattiis halaalaan gadi siqee mirmirfamu mullata.

    MM Abiy fi David Beasley

    Madda suuraa, Aron Sime

  4. ''Manarraa xiqquma olka'ee, asitti lafa seene''

    Dargaggeessa jiraataa naannichaa balaa kana kan ijaan arge dubbisneerra.Kana nuun jedhe.

  5. 'Ayyaantuun barattuukoo qaxalee turte'

    Barsiisaa Yunivarsiitii Dabrataabor Alamaayyoo Girmaa jedhaman barattuu isaanii kan turte Ayyaantuu Girmaay lubbuu dhabuusheetti gadda itti dhagahame ibsaniiru.

    ''Ayyaantuun barattuu qaxalee turte. Amallishee, akkatti namaa wajjiin waliigaltu, kabaji barsiisootaaf qabdu adda.

    Guyyaa carra-dhabeessa kaleessaarratti, dargaggoonni hedduun lubbuu dhaban. Isaan keessaa barattuun koo jaalatamtuu Ayyaantuu Girmaay turte. Rabbii jannataan haa qananiisu,'' jechuun waan itti dhagahame ibsaniiru.

    RIP Ayantu Girmaye

    Madda suuraa, FB- Ayantu Girmaye

  6. Suuraalee iddoo balaa: Laaptooppii fi motoora

    Waahillan keenya iddichatti argaman suuraalee garagaraa nuuf ergaa jiru.

    Caccabaa
    Motoora xayyaarichaa
  7. Hojjettoonni Daandii Xayyaaraa Itoophiyaa waahillan lubbuu dhaban yaadachaa jiru

    Odeeffannoo kana gaazexeessaa Eliyaas Masarat irraa arganne.

    Suuraawwan hojjettoota lubbuu dhabanii

    Madda suuraa, Elias Meseret Taye

  8. UN namoota balaa xiyyaaraan miidhamaniif kadhannaa taasise

    Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Dameen Baha Afriikaa namoota guyyaa kaleessaa utuu Finfinneerraa gara Naayiroobii imalanii balaa xiyyaaraatiin lubbuun isaanii darbeef sirna kadhannaa taasiseera.

    Sirna kadhannaa kanarratti hordoftoota amantii garagaraatu qooda fudhatan.

    Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii dameen Baha Afriikaa gadda itti dhagahame ibse
  9. Ammas naasuu keessa jirra, Yaada jiraattoota Magaalaa Asallaa

    Magaalaa Asallaa
  10. Amma nu gahe, Saanduqni odeeffannoo 'black box' argame

  11. Gommaa fi qaamoleen xayyaaricha bahaa jiru

    Iddoo balaa kanatti odeeffannoo sassaabuuf maashina gurguddaan laficha qotaa jiru.

    Kanumasanis hanga yoonaa gommaa fi caccabaan xayyaarichaa bahaa jiru.

  12. "Baayyee baayyee ulfaata"

    Eba Eba Fayisa hiriyaasaa Sidraaq Geetachoo kan balaa ET 302tiin lubbuun isaa darbeef, Feesbuuki gubbaatti gadda isaa ibseera.

  13. Hojiin ammas itti fufee jira

    Hojiin reeffa namootaa fi meeshaalee walitti qabuu iddoo balaa kanatti taasifamu ammas itti fufeera.

  14. 'Deemuukee amanaa hin jiru,'

    Balaa ET 302'tiin du'a hiriyaa isaa Ahimadnuur Mohammadiin kan gadde Yohaannis Tesfaayee, fuula Feesbook isaaratti "Abjuu hamaa utuu ta'ee jedheen hawwe" jechuun gadda itti dhaga'ame ibseera.

    "Ati hiriyyaa gaariidha"

    "Biyyoon sitti haa salphatu. Sin yaada! Yeroo hunda lapheekoo keessa jirta"

    picture

    Madda suuraa, FB Yohannes Tesfaye

  15. Israa'el gargaarsa taasisaa jirti

    Dhaabbata baraaraa tola ooltummaa Israa'el -ZAKA jedhamurraa gareen lama Itoophiyaa galaniiru.

    Gareen kunis qaama imaltootaa lammiilee Israa'el lubbuu dhaban adda baasuuf gargaaru jedhameera.

    Alaabaa israa'el

    Madda suuraa, Getty Images

  16. 'Hiriyaakoo, obboleessakoo dhabuukootti nan gadda'

    Balaa Xiyyaaraa kanaan hiriyaasaa dhabuutti hedduu akka gadde fuula feesbuukiisaarratti kan barreesse hiriyaan Yaareed Mulugeetaa Daagim Birhaan, gaarummaa, namummaa fi jaalala hiriyaasaa yoomuu yaadachaa akka jiraatu ibseera.

    Firoota, jaal'attootaa fi dinqisiifattoota isaafis jajjabina hawweera.

  17. UN miidhamtoota balaa xiyyaaraa Dilbataaf gadda isaa ibse, Maatii UN hundatti gaddi guddaan itti dhaga'ameera jedhu.

    Qoondalli UN ECA balaa kanaan maatii UN hundatti gaddi guddaan itti dhaga'amu ibsaniiru.

    "Hojjeetonni eejansoota Biyyoota Gamtoomanii (UN) balaa kanaan du'an jiru."

    "Akkasumas hojjettoonni dhabbilee idil addunyaa biroo du'uu isaanii dhageenyeerra."

    Qondalli kun dabalataniis "Maatii, hiriyyoootafi wayiiltoota namoota balaa kanaan midhamanii yaadaafi kadhannaan isanii waliin jirra," jedhaniiru.

    Maatilee hojjeettota lubbuu isaanii dhabaniif qunnamuun gargaarsa akka dhiyeessaniis ibsaniiru.

    Maqaa gartuu hoggantoota UN'n hundumtuu maatiiwwan kanaaf yaaduun suuraleefi maqaa maatii isaani du'anii midiyaa hawasumma irratti akka hin gadhiisne nan gaafadha"

    Mooraa UN
  18. Balaa xiyyaaraa booda gaaffiin hedduu 'Boeing' irratti dhiyaachaa jira, Dhaabbata 'Boeing' irratti balaa xiyyaraa ET 302 booda gaaffiin ka'aa jira.

    Dhabbanni xiyyaara oomishu 'Boeing' eega xiyyaarri Itoophiyaa 737 kan ta'e gaafa Dilbataa kufee namoonni xiyyaarricha keessa turan 157 du'anii booda, dhaabbattichatti gaaffiin hedduu irratti ka'aa jira.

    Balaan kun ji'oota shan keessatti xiyyaarri Boeing 737 max 8, kan ta'e yoo kufu inni kun isa lammaffaadha.

    Balaan kun Onkololeessa keessa balaa xiyyaarra Indooneezhiiya 'Lion Air' jedhamu irratti qaqqabe waliin wal bira qabamaa jira.

    Yeroo ammaatti Itoophiyaa fi Chaayinaan xiyyaarroota gosa kana hunduma isaanii balali'uu irra dhorkaani jiru.

    Haa ta'u malee ogeeyyiin xiyyaaronni kunniin hojiirraa dhorkamuun isaanii waan saffisee fakkaata jedhu.

    Asxaa Booying

    Madda suuraa, Getty Images

  19. Baaraak Obaamaa ergaa gaddaa dabarsan

    ''Anaa fi Misheel namoota balaa xayyaaraa Itoopphiyaan lubbuu dhaban hunda beekaniif, gadda nutti dhagahame ibsina.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  20. Suuraalee iddoo balaa

    Suuraaleen iddoo balaarraa kaafaman meeshaalee imaltootaa fi caccabaa kanneen biroo agarsiisu.

    Caccabaa xiyyaaraa

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Kophee imaltootaa xayyaara caccabaa keessaa
    Caccabaa xiyyaaraa

    Madda suuraa, Reuters

    Caccabaa xiyyaaraa

    Madda suuraa, Reuters