Chaayinaan gosa xiyyaaraa kaleessa Itoophiyaa keessatti kufe fayyadamuu yeroof dhaabde.

Dhaabbati To'annoo Balaliinsaa Chaayinaa gosa xiyyaaraa 'Boeing 737 Max 8' jedhamutti fayyadamuu yeroof akka dhaabe beeksise.

Dhaabbatichi kana kan murteesse erga kaleessa gosti xiyyaaraa kun Itoophiyaa keessatti kufee lubbuu namootaa galaafateeti.

Dilbata kaleessaa Itoophiyaa keessatti erga balali'uu eegalee daqiiqaa muraasa booda kan kufe xiyyaarri kun namoota 157 galaafateera.

Xiyyaarri 'Boeing 737 Max 8' ji'oota shan keessatti yeroo lammataaf mudachuu isaati.

Inni kanaan dura ji'a Onkoloolessaa keessa mudate lubbuu namoota 189 galaafateera.

Xiyyaarri 'Lion Air'n hoogganamu kun balali'uu erga eegalee booda kallattiin olk'aiinsa lafaa ittiin to'atu waan harkaa badeef kufuu danda'eera.

''Balaa mudate lamaanuu yoo ilaalle, gosa xiyyaaraa 'Boeing 737 Max 8' dhaan mudate. Lachanuu erga balali'uu eegalanii yeroo muraasa booda mudatan. Waanti wal isaan fakkeessu jira.'' jedhe Bulchiinsi Siivil Aviyeeshinii Chaayinaa ibsa baase keessatti.

Chaayinaan gosa xiyyaaraa kana fayyadamuu dhaabuusheetiin kanneen akka 'Air China, China Eastern Airlines, fi China Southern Airlines' jedhaman miidhamaniiru.

Chaayinaa keessa gosti xiyyaaraa moodela 'Boeing 787 Max 8' ta'e 90 oltu jira. Xiyyaarri kun samiidhaaf haaraadha, yeroo jalqabaaf bara 2017 keessa hojii eegale.

Dhaabbati Boeing balaa uumameen akka gadde ibsee, qorannoo taasifamu keessatti deggersa teekinikaa kennuuf garee tokko akka ergu beeksiseera.