Balaa Xiyyaaraa ET302: 'Gaafa sana garuu xiqqoo itti barfatee na hin dhungatiin deemte' Haadha Ayyaantuu Girmaayee

Ayyaantuu Girmaayee

Madda suuraa, Miidiyaa Hawwaasummaa

Ibsa waa'ee suuraa, Ayyaantuu Girmaayee erga leenjii xumurtee ji'oota 18 tiif Daandii Xiyyaara Itoophiyaa keessa tajaajilteetti

'Reeffa firaa sagal gangalchatu' kan jedhamu hin hojjenne. Balaa xiyyaaraa ET302 torban darbee uumameen maatiifi firoonni reeffa namoota lubbuun darbee argachuun awwaalachuun waan hin danda'amneef sirna awwaalchaa waloo bakka tokkotti qopheessuun kaleessa (Dilbata) raawwatameera.

Maatiifi firoonni reeffa osoo hin argatiin saanduuqa reeffaa qullaa awwaalatan maal jedhu?

Balaa Daandii Xiyyaaraa Itoophiyaa Boeing 737 Max 8 mudateen lubbuu namoota 157 darbe keessaa saddeet hojjetoota Daandichaa turan.

Ayyaantuu Girmaayee ammoo keessummeessituu turte. BBC Afaan Oromoo haadha Ayyaantuu, Aadde Kibebiwaa Laggasaa dubbisee ture.

"Takkaa mucaan nu harkaa baateetti, akkuma kan koo maatiin namoota biraas du'aniiru. Bakka tokkottis du'an waan ta'eef bakka tokkoti akka gaggeeffamanan barbaada ani. Ani adda baasee fudhachuu hin barbaadu," jedhan Aadde Kibebiwaa.

Bakka xiyyaarri itti kufee sanas si'a lama deemanii akka daawwatan kan dubbatan Aadde Kibebiwaan, waan nan argadha jedhee abdadhu hin qabus jedhan.

Sirna awwaalchaa guddaa bakka tokkotti Bataskaana Sillaasee Kateederaalitti qophaa'e irratti kan argaman haati Ayyaantuu, akka biyya keenyaatti namni tokko yeroo du'e reeffa argee, reeffa bakka awwaalchaa geessee awwaalatee tasgabbaa'ee deebiya ture jedhan.

"Ta'us ta'uu baatus garuu nuti kanaan booda waanti deebi'u hin jiru jennee itti amannee, of amansiisnee tasgabboofnee galleerra."

"Waanti godhan hin jiru. Nuti akka saaxiniin qul'aa ta'e ni beekna. Sammuun keenya ni beeka.

Awwaalamus awwaalamuu baatus hoomaa faayidaa akka hin qabne, reeffi achi taa'es ni [basabasa] waan ta'eef, akkasumas balaan mudate ulfaataa waan ta'eef akka nama tokkootti of jabeessinee taa'uu qofadha," jedhan Aadde Kibebewaan.

Harmee Ayyaantuu -Kibebiwaa Laggasaa

Madda suuraa, EBC

Ibsa waa'ee suuraa, "Takkaa mucaan nu harkaa baateetti, akkuma kan koo maatiin namoota biraas du'aniiru.''

Duuti kan hin oolle akka ta'eefi nuti hunduullee akka achuma deemnu of amansiisuu qofaa irraa kan hafe waanti gochuun danda'amus hin jiru jedhu.

"Amma mucaan keenya akka hin deebine barree [nabsiin ishee] akka boo'uumsa keenyaan hin gubanne qofa tasgabboonee, of amansiisnee akka maatiitti walitti himneerra.

Kanaan booda namni hin dhaga'iin yoo dhufe akka boo'u, nuti garuu osoo boo'ichi keenya ni deebisa ta'ee guyyoota saddeet boonyetu deebisa ture, jennee of amansiifnee, of jajjabeessinee dhiisneerra."

Maaliif Ayyaantuu jedhan?

Aadde Kibebewaan mucaa isaanii balaa xiyyaaraa kanaan dhabaniif maqaa maal waliin qabsiisanii akka baasaniif ni yaadatu.

Kan Ayyaantuu jennee moggaafneef jedhan, "Yeroon ishee ulfaa'ee turetti abbaan warraakoo bara 1986 yeroo naannoleen hundeeffamanitti, hojiidhaan namoonni akka gara Naannoo Oromiyaatti jijjiiraman murtaa'ee turetti nu biratti Finfinneetti akka carraa ta'ee hafe.

Kana malees, yeroo Ayyaantuun dhalattu sadarkaa guddinaa kan argate abbaan warraakoo erga Ayyaantuun dhalattee sadarkaa hedduun guddateera.

Kan duraan akka mana dhabnee kaampii keessa jiraataa turres erga Ayyaantuun dhalattee mana ijaarranne, baayyees guddanne. Kanaaf Ayyaantuu jennee moggaafne."

Aadde Kibebiwaan mucaan isaanii ganna 24 keessa akka jirtu himanii, guyyaa dhaloota ishee of hafoo baatii Caamsaa keessa akka kabajuuf qophiitti jiranillee ni dubbatu.

Daandii Xiyyaara Itoophiyaa kana keessa ji'a 18 akka hojjetteefi isaan dura ammoo leenjiirra akka turtes kaasaniiru harmeen Ayyaantuu.

Ayyaantuun gara fuula duraatti maal yaaddi ture?

"Ayyaantuun gara fuula duraatti waan baayyee yaaddi. [Maatiikoo] bakka guddaattinan ga'a jettee yaadaa turte.

Ofiifi yaaduu dhiisteetu nuuf yaaddi. Garuu osoo isa yaaddu hin qaqqabiin karaatti na jalaa hafte."

Intalli isaanii akka ijoollummaa ishee osoo hin taane gita nama guddaatt akka yaaddu ibsuun maatii qofa osoo hin taane hollaas ta'e namni kamiyyu akka rakkatu hin barbaaddu jedhu. "Yaadni isheefi mul'anni ishee bal'aadha kan dubbatamee dhumu miti."

Akka haadha Ayyaantuun jedhanitti Ayyaantuun barumsattis hedduu cimtuu kan turteefi rakkoo dandeettii afaaniillee kan hin qabnedha.

Aadde Kibebewaan gaafa guyyaa balaa uumame sana hintala isaanii ganama barii ciree erga qopheessanii kennaniif booda shaanxaa ishee konkolaataa ittiin bakka hojii deemtutti geessuu dubbatu.

"Yeroo kaan gara hojii yeroo deemtu osoo na hin dhugatiin hin deemtu. Gaafa sana garuu xiqqoo itti barfatee na hin dhugatiin deemte. Kun yoomiyyu ana keessaa hin badu."