Daandii Xiyyaara Itoophiyaa: Maatiin namoota balaa xiyyaaraan dhumanii saanduuqa reeffa hin qabne awwaalatan

Bataskaana Sillaaseetti namoonni yeroo maatiifi firoottan isaanii balaa' xiyyaara ET 302, kan Bitootessa 17, 2019 kufee caccabeen dhuman boo'ichaan gaggeessan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Maatiin tokko tokko akka firoottan isaanii balaa kanaan dhuman yaadataniif jecha biyyoo bakka balaan xiyyaaraa itti uumamee sanaa kennameef

Saanduuqni/saaxiniin reeffa hin qabne namoota balaa xiyyaaraa Daandii Qilleensa Itoophiyaa kufee caccabeen uumame bakka bu'a jedhame magaalaa guddittii Itoophiyaa, Finfinnee keessatti awwaalameera.

Balaa xiyyaaraa Boeing 737 Max 8 gara magaalaa guddittii Keeniyaa, Naayiroobiitti balali'uuf akkuma ka'een kufee caccabe kanaan namoota 157 dhuman keessaa reeffa nama tokkollee adda baasuun hin danda'amne.

Firoonni tokko tokko gadda guddaa itti dhaga'ame ciniinnachuun obsuu yaalanillee, kanneen biroo ammoo Bataskaana Sillaasee Katederaal keessatti yeroo sirni awwaalchaa gaggeeffamutti saanduuqa diddiimaa alaabaa Itoophiyaatiin marame irratti kukufaa turan.

Maatiin tokko tokko akka firootaafi maatii isaanii dhaban akka ittiin yaadataniif biyyoo bakka xiyyaari sun itti caccabee fuudhamee tolfame kennameeraaf.

Reeffa namoota kanaa adda baasuudhaaf hanga ji'a ja'aa akka fudhatu maatiiwwan tokko tokkotti hmameera.

Kun osoo kanaan jiruu, Ministeerri Geejjibaa Itoophiyaa balaan xiyyaaraa Daandii Qilleensa Itoophiyaa torban darbe uumame kun xiyyaara Indoneeshiya Onkoloolessa darbe caccabee ture waliin "ifatti walfakkaata" jedhan.

Daandiiwwan xiyyaaraa guutummaa addunyaa irra jiran erga yeroo ji'a shan gidduutti balaan caccabuu xiyyaaraa lama uumemmeen booda xiyaarawwan Boeing 737 Max 8 qaban hunda hojii balali'uu irra dhaabsisaniiru.

Bataskaana Sillaasee Kateederaal keessatti namoonni hedduun sirna awwaalcha namoota balaa xiyyaaraan dhuman irratti argamaniiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Bataskaana Sillaasee Kateederaal keessatti namoonni hedduun sirna awwaalcha namoota balaa xiyyaaraan dhuman irratti argamaniiru
Maatiin tokko tokko akka jedhanitti yoo xiqqaate qaamni namoota dhumanii kanaa hangi tokko yoo argame obbaafanna/ijibbaanna jedhu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Maatiin tokko tokko akka jedhanitti yoo xiqqaate qaamni namoota dhumanii kanaa hangi tokko yoo argame obbaafanna/ijibbaanna jedhu
Suuraawwaniifi reeffi namoota dhumanii Bataskaana Sillaasee Kateederal keessatti tora galee yeroo mul'atu

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraawwaniifi reeffi namoota dhumanii Bataskaana Sillaasee Kateederal keessatti tora galee yeroo mul'atu
Bataskaana Sillaalseee Katederaal keessatti namoonni yeroo sirna awwaalchaa namoota balaa xiyyaraan dhuman gaggeessan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Bataskaana Sillaalseee Katederaal keessatti namoonni yeroo sirna awwaalchaa namoota balaa xiyyaraan dhuman gaggeessan

Akka gabaasaan BBC Finfinnee jiru jedhetti waraqaan ragaa du'aa kan yeroof jedhame sirna tajaajila awwaalchaa Dilbata gaggeeffame kana dursee kennameeraf.

Hojjetoota Daandii Xiyyaara Itoophiyaa caccabe kanaan dhuman sadet yaadachuudhaafis Buufata Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Booleetti hojjetoonni sirna yaadannoo qopheessanii turan.

Magaalaa Naayiroobii keessattis maatiin lammileen Keeniyaa 36 ta'an balaa xiyyaara kanaan dhuman akkasumas dippiloomaatonni biyyoota namoota balaa kanaan dhumanii 30 ta'an Bataskaana Madaanaalam kan Ortodoksii Itoophiyaatti walitti qabamanii gadda isaanii ibsachaa oolaniiru.

Gabaasaan BBC Ferdinand Omondi, kan bakka sirna sanaa ture akka jedhutti yeroo namoonni shaamaa ibsuudhaan sirna raawwatanitti miirri gaddaa cimaan namoota hedduu irraa mul'aa. Namoonni waaqeffatan hedduun ammaa mataa hanga miilaatti huccuu adii uffataniiru.

'Gadda addunyaadha'

Ministeerri Geejjibaa Keeniyaa James Macharia namoota sirna kana irra turanitti akka dubbatanitti, maatiin namoota balaa xiyyaara kanaan dhumanii biyyoo bakka xiyyaarri kun itti caccabee qqabeetti fudhatan.

"Mootummaan Itoophiyaa bakka xiyyaarri sun itti caccabee maatiifi firoottan namoota dhumanii biyyee akka fudhata hayyameera," jedhan.

Maatiin tokko tokko garuu akka gabaasaa keenyatti himanitti kan sirriitti gadda kana dandamachuu danda'an yoo qaama maatiifi firoota dhabanii keessaa hanga tokko argatan qofadha.

Firoottan namoota balaa kanaa dhumanii qorannoo DNA tiif saamuda waajiroota Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Finfinnee jiruufi biyyoota alaa jranitti akka kennaan ni jajjabeeffamu jedha.

Namoonni Naayiroobiitti sirna awwalchaa irratti argaman uffata adii uffatanii

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni Naayiroobiitti sirna awwalchaa irratti argaman uffata adii uffatanii
Lammileen Itoophiyaa balaa xiyyaaraan dhuman keessaa sadetti hojjetoota Daandii Xiyyaara Itoophiyaadha

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Lammileen Itoophiyaa balaa xiyyaaraan dhuman keessaa sadetti hojjetoota Daandii Xiyyaara Itoophiyaadha
Namoonni firoota balaa xiyyaaraan dhumaniif boo'ichaa yeroo gadda isaanii ibsatan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Sababiin kufee caccabuu xiyyaara kanaa qoatamaa jira

Namoonni Buufta Xiyyaaraa Idil-addunyaa Booleetti argamuun gadda isaanii ibsatan abaaboo adii qabachuun aadaa gaddaa Itoophiyaan dabarsaniiru, jedha gabaasni Reuters.

"Guddi keenya guddatus isaaniin deebisee nuuf hin fidu," jechuun lubi Bataskaana Ortodoksii Itoophiyaa uffata amanaa gurraacha uffatee namoota buufata xiyyaaraati gaddaaf walitti qabamanitti yeroo dubbatu.

"Kun gadda addunyaadha," jedha lubichi yeroo hojjetoonni Daandii Xiyyaara Itoophiya walitti maramanii boo'aan gadda isaanii ibsatanitti.

Bakka xiyyaarri Bitootessa 14, 2019 itti kufee caccabetti shaamaan qabsiifamee booda abaaboon akkasitti faayamee ture

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Gurmuun abaaboo kun kan qophaa'e bakka balaan xiyyaaraa kun itti qaqqabettidha

Ministirri Geejjibaa Itoophiyaa Sanbata akka jedhetti, qorannoodhaan sababii balaa kanaa adda baasuudhaaf " yeroo hanga tokko fudhachuu mala" jedheera.

"Qorannoo balaa cimaa akkasii kanaaf xiinxala cimaafi gadi fagoo waan barbaaduuf hanga waanta qabatamaa arganitti yeroo hanga tokko ni barbaade," jechuun dubbatan Daagmaawit Moges.