Balaa Xayyaaraa ET302: Gargaaraan payileetii Ahmadnuur eenyu ture?

Madda suuraa, FEKRUDIN
Balaa xayyaaraa ET302 Dilbata darbeen namoota 157 lubbuu dhaban keessaa, gargaaraan paayileetii Ahimadnuur isa tokko.
Ahimadnuur paayileetii osoo hin ta'iin dura yeroo barattoota turanitti waggoota sadiif Kolleejjii Ijaarsaa Liidataa keessatti waliin barachuusaanii, hiriyyaansaa Fakruddiin Jamaal BBCtti himeera.
Waliin barachuu qofa osoo hin taane, doormii tokko keessa akka turanillee dubbata Fakruddiin.
Hiriyyaa isaa Ahmadnuuriin ibsuuf kan rakkate Fakruddiin " Ahmaadnuuriin ibsuuf natti ulfaata. Nama baayyee tasgabbaa'aadha. Wantoota hunda obsaan kan inni hojjattu. Obsa qaba,'' jedha.
Dameen barnootaa Arkiiteekicharaa kan obsa gaafatu ta'uus, inni garuu obsaa fi gad fageenyaan barnoota isaa xumure jedha.
"Akka hiriyyaatti ibsi yoo naan jette, nama waan barbaaddu gaafachuuf bira deemtudha. Barnootarratis ta'ee maatiirrati nama sii gargaaruuf duubatti hin deebiinedha."
"Waan baayyee waan ta'eef jechoonni isa ibsu jedhee hin yaadu,''
Kubbaa miilaa akka taphataa tureefi muuziiqaa duriifiis jalala addaa akka qabu dubbata.
"Umurii wal fakkaataa keessa jiraannus yeroo sirboonni durii banamanii dhageenyu fi waliin sirbinu, mucaan kun yoom dhalate jedhu namonni."
"Yeroo Lidataa turreeti xiyyaara balaliisuuf fedhii guddaa akka qabu ture kan dubbattu Fakuruudiin, barnoota isaa kanas gad fageenyaan barate."
"Ta'uus garuu jireenya isaa keessatti wantoonni dursa kennuuf keessaa kun isa tokko ture."

Madda suuraa, FEKRUDIN
"Xiyyaara balaliisuun addatti barnoota osoo hin taane, gara sadarkaa guddaatti geessuuf kaayyoo guddaa qaba ture.
Jireenya isaa keessatti yeroo qaxxaamuraan fayyadamu argee hin beeku."
"Yeroo hunda waan tokko irratti beekumsa gad fagoo waan barbaaduuf xiyyeeffannoo guddaadhaan hordofa ture."
"Yeroo imalli hin jirre mana keenya baayyisee dhufa ture. Yeroos barnoota isaa xumuree gara hojiitti waan galee kophaa waan ta'uuf, yeroo hedduu mana keenya dhufa ture," jedha Fakruddiin.
"Yeroo barnootarra jiru maatii isaa Dirree Dhawaa jiran ilaaluuf yeroo deemutti hamma isaa danda'ameen isaani waliin dabarsuuf yaala ture."
Fakruddiin yeroo dhumaa itti hiriyaa isa arge yeroo dubbatu "Kanan isaa arge imala isaa guyyaa tokko durseeti. Gaafa Sambata xiqqaa jechuudha.
Kunis yeroo inni hiriyyaa isaa kan ijaarsa gamoo xumursiisuu (finishing) fi Halluu fi Ku'aartiizii irratti hojjatu arguuf deeme ture."

Madda suuraa, FEKRUDIN
"Turiiti boruu deemta jennuniis; lakki boru imala gara Naayiroobii qaba jedhee galgala nannoo sa'aatii 12tti gargar baane."
"Odicha kan dhageenye obboleessa isaa angafaa kan Daandii xiyyaaraa Itoophiyaa keessa hojjatu waliin osoo teenyee TV ilaalludha. "
Intarneetii yeroo ilaalan nahuu jalqabuu isaanii dubbata.
Akka Fakruddiin jedhuutti jalqaba kan argan Kapteen Yareediini. Kapteen Yareediin nan beeka ijoolleedha. Waliin imalee beeka. Nama gaariidha jedhee obboleessi isaa akka itti hime dubbata.
Fakruddiin itti aansee "eessa imalu turan jedheni. Achiis obboleessi gara Naayiiroobii nan jedhe."
"Hedduu nahuus isaa miti jedheen of amansiise. Guyyaatti imalli garagaraa waan jiruuf imala biraa ta'a jedheen yaade," jedha Fakuruudiin .
Achii boodas waan uumame adda baasuuf waan hedduu godhani. Booda hiriyyoonni bilbilanii sa'aatiin balaliinsaa isaa ganama ta'uu isaa hubatan.
"Ganna keessa waggaa 26 guuta ture."
Dhalatee kan guddate magaalaa Dirree Dhawaa yoo ta'uu, barnoota isaa Injiinariingii barachuuf gara Finfinnee dhufuu isaa Fakuruudiin dubbata.
"Ahmadnuuriin waan tokkon yaadachuun ni danda'ama jedhee hin yaadu.
Inni hiriyyoota isaaf waan hedduudha. Inni akka abbaati, hiriyyaati, obboleessaattis"














