Filannoo Ameerikaa: Joo Baayidan eenyuun itti aanaa isaanii godhu?

Filannoo xumuraa kadhimamaa Pirezidantii paartii Dimookraatotaarratti Joo Baayidan filannicha akka injifatan yoo barbaadame, Itti aantuu Dubartoota jaboo keessaa filachuu qabu yaadni jedhu dhiyaatee ture.
Maqaa dubartoota jajjaboo kanaa wajjiin ka'aa jiru keessa Misheel Obamaa dabalatee dubartootni 12 irra deddeebiin maqaan isaanii ka'eera.
Baayidan waan amma haasa'amaa jiru kana dhugoomsuun aangoo akka biyyaattii sadarkaa lammataa bakka ta'e kanatti dubartii yoo filatan, seenaa biyyattii keessatti paartii guddaan dubartootaa aangoo kanatti yoo kaadhimu si'a sadaffaaf ta'a.
Waggaa afur dura Hilaarii Kilintan pireezidantummaaf kaadhimamtee ture.
Pireezidantii Itti aantuu dubartii filachuun paartiin Dimookraatotaa sagalee deeggarsaa gara dubartootaan jiru argachuun carraa filannicha injifachuu ni qabaatu jedhu qorannooleen yaada uummataa.
Baayidan hariiroo hin mallee/miidhaa saalaa/ dubartootarraan gahu jechuun komii irratti ka'urraas isaan qulqulleessa ta'a jedhamaa jira.
Baayidan nama isatti aanu ji'a tokko booda akka beeksisu eegama. Garuu dubartootni 12 maqaan isaanii dhahamu isaan kana.

Suuzaan Raayis muuxannoo siyaasaa fi duula nafiladhaa tokkollee osoo hin qabaatin as keessa galuun isaanii xiqqoo nama dinqa.
Dubartiin kun Baayidan biratti beekkamtii qabu, bulchiinsa Obaamaa keessatti dhimma nageenyaa irratti gorsituu ta'anii waliin hojjetaniiru. Kun kan ta'e garuu erga bakka bu'ummaa UN keessatti rakkoon erga uumameen booda ture.
Raayis kan filataman yoo ta'e, dhimma alaarratti nama murteessituu ta'uu malu. Kunis ajandan Baayidan hariiroo idil-addunyaa ta'uu mul'isuu danda'a.
Du'aatii ambaasaddaraa lammiilee Ameerikaa biroo sadii Beengaaziitti mudateefis itti gaafatamtuun isheedha jedhu warri Riippabliikaanotaa.
Isaan angoo kanaaf kaadhimamuun isaanii Baayidan hagam dubartoota gurraacha of biraa qabaachuuf akka kutatan mul'isa jedhamaa jira.

Seerri jalqabaa pirezidantii itti aanaa filachuu miidhaa geessisuu hafuudha. Namni bakka kanatti filatamuuf kaadhimamu injifannoof baay'ee waan dabalu waan hin qabneef, nama pirezidanticha caalu filachuun salphachuurraa ooluuf of-eeggannoon taasifama.
Hedduun dubartoota as keessa jiranii gartuu warra rakkoo fiduu hin danda'an jedhaman keessa yoo jiraatan, Giifti-dureen duraanii Misheel Obaamaan garuu, ofumasaaniitti gartuu tokko dha.
Lammiilee Ameerikaa hedduun jaalatamuurra darbee dubartii idil-addunyaatti beekamtudha jechuun ni danda'ama.
Dhugumatti Baayidaniin xiqqoo rakkisuu danda'us yoo dhuguma injifachuuf barbaadan garuu bulchiinsa Obaamaa itti fufsiisuuf kan akka haadha warraa isaanii ta'uuf eessaa dhufa?
Tikkeettiin Baayidan-Obaamaa keessumaa warra gurraachaa biratti deeggarsa akka argatan isaan taasisa. Akkuma 2008 fi 2012'tti Obaamaa-Baayidaniif ba'anitti jechuudha.
Rakkoon tokkichi as keessa jiru, Misheel fedhii siyaasa keessa galuu tokkollee agarsiisuu dhabuudha. Kitaaba isaanii keessatti dhiibbaa siyaasni gaa'elaafi jireenya isaniirraan ga'e irra - deddeebiin ibsaniiru. Sunis seenaa ta'ee duubatti akka darbu fedhu.

Kamaalaa Hariis namoota maqaan isaanii irra deddeebiin dhahamaa jiru keessaa adda duree dha. Senaatara Kaalifoorniyaa turte. Abbaa Alangaa waliigalaa Kaalifoorniyaas ta'uun tajaajilteetti.
Abbaan ishee Jamaayikaa haatii ammoo Indiyaarraa dhufan. Pireezidantummaan akka kaadhimamtullee bara darbe miidiyaaleen dubbatamaa ture.
Gama intarneetaan duula filannoo gaggeeffamaa jiruun tibba kana Kaalifoorniyaa keessatti sababa Hariisiin Baayidan maallaqa deeggarsaa duulaa doolaara miiliyoona lama argachuu danda'aniiru.
Duula Baayidan namoota kaabinee isaanii keessatti muudan keessa gurrraachota akka galchan godhamuuf deebi kennuuf Hariis filannoo gaariidha jedhamaa jira.
Ajjeechaa Joori Filooyiidiin duuba dhiibbaa Poolisiin biyyattii akka haaromfamu gaafatu keessatti adda durummaan ifatti baatee duuluun maqaa gaarii horatteetti.

Ji'oota dhiyoon as Gereechen Wiitmer namootaa itti aantummaaf maqaan isaanii hedduu dhahaamaa jiruudha.
Bulchituu kutaa biyyaa Michigaan kan taate Wiitmer duula ittisa Covid -19 wajjiin walqabateen hojii hojjechaa jirtuun gurra horatteetti. Ejjennoo Tiraamp irraa mormiiwwan qabdu ammoo maqaa ishee ittuu beeksiseera.
Erga bulchituu Michigaan taatee waggaa lama ta'eera.
Bara 2016 Hilaarii Kilintan Michigaanitti Doonaald Tiraampiin kan kan injifatamate hanga xiqqoof ture. Baayidan kun akka irra deebi'ee ta'u waan hin feeneef Wiitmeriin itti aantuu godhachuu danda'u tilmaamni jedhu guddaadha.

Taamii Duukwoorizi Seenaatara Ilinoos yoo taatu, Iraaq keessatti loltuu wayita turte Hilikooptariin isaanii rukutamee kufuu isaatiin miilla ishee lamaan dhabde.
Hanga ta'e waraana keessa erga turtee sadarkaa Letanaant Koloneelummaan sooroma baate.
Boodas bara pirezidantummaa Baraak Obaamaa hooggantuu itti aantuu muummee dhimmoota soorama bahanii turte.
Seeneetii keessatti teessuma kan argattee bara 2016 ture. Kongireesii keessatti dubartii dhalootaan Taayilaand, lammummaan Ameerikaa taatee filatamte ishee duraati.
Dubartii miilli lamaanuu irraa citee teessoo Seeneetii qabdu ta'uunis kan jalqabaati. Seeneetii keessaa teessoo osoo qabduu kan deessee ta'uuniis nama jalqabaati.
Dimookraatotaaf Iliiniyoos yaaddessaa ta'uu baatus Baayiden Duukwooriziin filachu maluu jedhamaa jira.

Elzabeez Waareen nama bakka kanaaf filatamuuf karoora qabaachaa turan keessatii jedhamti.
Senaatara Masaachuseets yoo taatu, Barnii Saandersiin deeggaruu irraa booddetti jechuun ishee amma filannoo Baayidan akka taatu carraa kennaaaf jedhamaa jira.

Taamiiy Baalwiin Senaatara Wiskoonsiin yoo taatu, Hilaarii Kilintaan bara 2016'tti Wiskoonsinitti duula gaggeessuu dhabuu isheen sagalee silaa injifachuuf ishee gargaaru dhabdeetti.
Dimookraatotoni ammas seenaan sun akka irra deebi'u waan fedhan hin fakkaatu.
Baaldiwiin Seenaatara ta'uun marrooo lammataaf tajaajilaa kan jirtu yoo ta'u isaan dura bakka bu'oota uummataa ta'uun waggoota 14 tajaajilteetti.

Kiysteen Sineem dubartii kan birroo maqaan filannoo kanaaf maqaan ishee dhahamaa jiruudha. Senaatara Arizoonaati. Sineemaan bara 2018'tti Dimookraatota keessaa Seenatara ta'uun waggaa 30 keessatti nama jalqabaa taateetti.
Baayidan Wiskoonsinitti Tirmapirraa dorgommii isa mudatu Ariizoonaarratti hojjechuun ni fashalsa kanaaf ammoo dargaggeettii qaroon kun gahee guddaa qabdii jadhamaa jira.

Vaal Deemings bara darbe koongiresii Dimokraatotaa keessatti beekamtii xiqqoo nama qabdu turte. Naansii Peeloosiitu yeroo Doonaaldi Tiraampi angoorraa buusuuf seeneetii himatamaa turanitti koree keessatti bakka olaanaa argatani.
Osoo ajjeechaan Joorji Filooyid gaaffii haqaa ka'aa jiru dhimma ijoo hin taasisin duras ajajduun poolisii Orlaandoo, Filooriidaa duraanii pirezidantii itti aantummaaf ija Baayidan keessa galanii turan. Ammammoo tasumaa deeggarsa olaanaa argataa jiru.
Wanti danqaa itti ta'uu malu muuxannoo siyaasaa ga'aa qabaachuu dhabuudha, yoo Baayidan dhiibbaa angoo kana waliin dhufu nidandamatti jedhanii yaadan, yeroo ammaa kanatti dubartii barbaachiftu ta'uu malti. Baayidanis tarsiimoo miidhaa poolisiin geessisu geeddaruu irratti dhugumaan ejjennoo akka qaban kan mul'isu ta'a.

Filannoo tibba darbeerratti naannoleen Hispaaniik Baayidaniif rakkisoo turani. Naannoo akka Teeksaas, Teeksaas fi Nevaadaaitti Barnii Saabdarsiin moo'amanii turan. Filannoo Sadaasa dhufutti taasifamurrattis qoramuu bakka itti danda'anidha.
Baayidan yoo iddoowwan kunneenitti mo'achuuf deggarsa barbaadan, kan akka bulchituu Niiw Meeksiikoo Misheel Luujaan Giriishaam isaaniif ta'u hin jiru.
Niiw Meeksiikoon Dimokraatotaaf bakka mijooftuudha. Namni ganna 60 Luujaan rakkoo tokko malee bulchituu ta'uuf kan filataman. Muuxannoon koongiresii fi ministira fayyaa keessatti qaban hedduu isaan gargaaruu danda'a.

Isteesii Abraamsi pirezidantii itti aantuu tauuf siyaasa baramaa keessatti muuxannoo hin qaban. Mana Maree Bakka Bu'oota Joorjiyaa keessatti bakka buutuu ta'uun ganna 10 turaniiru. 2018'tti bulchituu ta'uuf dorgommiin taasisan hin milkoofneefi.
Kan isaan qaban dhagaamummaa naannoo filannoo sanarratti qabanidha. Waa'ee mirga filannoo irratti rogeessummaan wanti hojjetan paartiin isaanii fudhatama guddaa qabaatu taasiseera.
Faalaa dorggomtoota isaaniitiin Baayidaniif deeggarsa gochaa turani. Kunis qeeqamaa ture. Gariin ammoo amanamummaa ishee mul'isa jechuun ilaalu. Abraamsi paarticha keessatti warreen beekamaa jirani dha, kutaa hawaasaa paarticha keessatti bakka bu'ummaa hin argatin tureef mallattoo kan ta'an. Osoo angoo kanaaf filatamuu baataniillee dorgomtoota dubartoota gurraacha biro Baayidaniin kaadhimamaniif hamilee ta'u jedhama.

Du'aatiin Joorji Filooyid kantiibaawwan magaalota muraasaaf sochii isaan jibba sanyummaa, jeequmsaafi seera kabachiisuu irratti taasisaa turaniin beekamtii argamsiiseeraafi. Kantiibaan Atlaantaa Keeshaa Laansi Bootamsi addatti itti gaafatamummaa isaanii osoo hin jal'isin haadha ijoollee afurii ta'uun sirna akkas hammaatu keessatti guddisuun hagam ulfaataa akka ture muuxannoo isaaniirraa ka'uun ibsuun isaanii isaan jaalachiiseera.
Bootamsiin filachuun Baayidaniif kan waliigalchiisu ta'us, Joorjiyaan bakka barmaataan Riippabliikaanonni itti injifatan ta'uunsaa xiqqoo rakkisaa taasisuu danda'a.














