Gurraachonni Tiraampiin filachuu yaadaan, gurraacha miti jechuun koo dogoggora jedhan Baayidan

Madda suuraa, Getty Images
Kaadhimamaan paartii Demookraatis Joo Baayidin gurraachonni tasuma Tiraampiin filachuufuu yaada qabu taanaan gurraacha miti jechuun erga yaada kennanii booda dhiifamagaafatan.
Af-gaaffii Jimaata kaleessaa waa'ee hawaasa gurraachaa bira ga'uu irratti qopheessaa sagantaa raadiyoo beekamaa Shaarlamaany Taa Gaad waliin taasisaa turan irratti ture yaada kana kan kennan.
Boodarra yaada badaa kanaaf gaabbii itti dhaga'ame himaniiru.
Sagaleen gurraachotaa manguddoo kanaaf deeggarsa cimaa ture.
Baayidin maal jedhan?
Manguddoon ganna 77 kun gaaffifi deebii sagantaa kanarratti taasisaa turan irratti yeroo baay'ee kan fixan hariiroo cimaa hawaasa gurraachaa waliin qaban himuun ture. Injifannoo tibba darbe Kibba Kaaroolaayinaatti argataniif sababni hawaasa gurraacha (Afriikaa Ameerikaa) %60 achi jiraatan ta'uu eeruun.
" Godinaalee hunda keessatti sagalee hawaasa gurraachaa hundan injifadhe, kan Baaraak Obaamaa dabalatee.''
Kaadhimamaan kun dubartoonni gurraachi hedduun bulchiinsa isaa keessatti angoo argachuuf akka jiranillee himaniiru.
Dhuma af-gaaffii sanaarratti ture qopheessaa sagantichaatiin, ati anaafi Tiraampi gidduudhaa eenyuun akka filattu adda hin baafanne taanaan, sirumayyuu gurraacha miti,'' kan jedhan.
Sagantaan Shaarlamay kun ji'atti dhaggeeffattoota miiliyoona saddeetii ol bira ga'a.
Kaampii duula nafiladhaa Joo Baayidin keessatti miira gaabbiitiin dhimmicha qabbaneessuuf tattaaffatamaa dhiifamnis gaafatamaa jira.
Jaarsi ganna 77 kunis ''tasuma akkas jechuu hin qabu ture, eenyuyyuu sanyii, amantaafi seen-ddubee isaatiin paartii kamiyyuu filachuu hin qabu.'' Jedhaniiru.
Gama biraatiin duula nafiladhaa Tiraampi geggeessaa warri jiran carraa kanatti fayyadamuun kaadhimamaa kana harkaa deeggartoota miliqsuuf tattaaffachaa jiru.
Anga'oonni isaaniin deegaranillee kuni yaada dassaa mitiiyyu jedhaniinii jiru.













