Dubartiin qoccollaa saalaan Joo Baayidan himatte dorgommii keessa akka ba'an gaafatte

Tara Reade

Dubartiin kaadhimamaan Dimokiraat Waayit Hawuus fi dorgomaa jiran Joo Baayidan waggaa 27 dura qoccoollaa saalaa narratti raawwataniiru jette akka dorgommii pirezidaantummaa irraa ofi qusatu jettee jirti.

Gaaffiifi deebii taasisteen Taaraa Riid Mr Baayiidan ‘‘miidhaa saalaa narraan gaheef ofiisaa itti gaaffatamaa taaisuu qaba’’ jettee jirti.

Itti dabaluunis ‘‘Pirezidaantii Ameerikaa ta’uudhaaf dorgomu hindandeessui,’’ jechuun gaaffattee jirti.

Haa ta’u malee Mr Baayidan kan baatii Sadaasa dhufaa keessa pirezidaanti Donaal Tiraamp mo’achuuf qophaa’aa jiru, himannaa Ms Riid kuffiseera.

Joo Baayidan

Madda suuraa, Reuters

Taaraan waa’ee qoccollaa kanaa maal jette?

Taaraan gadi fageenya qoccollaa saalaa Joo Baayidan narraan gahaniiru jettee yeroo jalqabaatiif ifatti himte.

Ms Taaraan amma umuriishee waggaa 56 yoo taatu, bara 1992-93tti gargaartuu Mr Baayidan ta’uun hojjattee wayita inni senaatara bulchiinsa Delaaweere turetti.

Bara 1993’tti ture Joo fedhii kiyya malee keenyaanitti na hirkisuun qoccollaa saalaa narratti raawwataniiru jechuun himannaashee tarreessite.

Akkasumas Aadde Taaraan morma kiyya jala na dhugachuun ana waliin quunnamtii saalaa raawwachuu akka barbaadu nattimeera jechuun midiyaa biyya keessaa tokkotti himte.

Itti dabaluunis attamiin akka fedhii foonii inni isheerratti qabaate akka didee yoo himtu; ‘‘Na ilaaluun akkas jedhan, ‘Maal kun haa namaa?, Akka nama jaallattuun dhagahe’’ jedheen jetti.

Kana malees: ‘‘Achinis qubasaa natti qabuun, ‘Ati anaaf omaa miti. Ati omaayyuu miti’’ naan jedhe jechuu haala ture himte.

Kana malees karaa Keeliin Mr Baayidan akka dorgommii keessaa of baasaniif gaaffadheen ture jetti.

"Osoo ofi baasee ture gaarii ture. Garuu ni dide. Kanaaf akkasiitti natti dhagahame’’ jetti.

Ms Taaraan himmannaa ishee kanaafis yoo Baayidan qorannoo soba adda baasu fudhate isheenis akka fudhattu himte.

‘’Yoo Joo Baayidan qoratame anis nan qoratama’’ jette.

Kana malees deeggartoota Baayidan basaastuu Raashiyyaatii jechuun dorsiisa ajjeechaa irra gahulleen himtee jirti.

"Deeggartoonni isaa waan dhugaatti baayyee nama sodaachisu karaa midiyaa hawaasatiin naan jedhan,’’ jetti.

Kana malees ‘’midiyaan hawaasaa kiyya hundi uggurameera. Odeeffannoon dhuunfaa kiyyaa na jalaa harkifamaa jira,’’ jechuun himte.