Siyaasa Itoophiyaa: Hooggansa paartilee morkattootaa dubartoota qollifate

Dubartii harka qaxxaamursitee jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Jaarmiyaan siyaasaa EZEMA jedhamu ji'oota muraasa dura walitti baquun ijaaramee yoo hooggantoota isaa olaanoo filatu dubartootni keessatti argamuu dhabuun miidiyaa hawaasummaarratti komii guddaa kaasee ture.

Siyaasa Oromoo keesssatti rakkoo jiran furanii tokkummaa cimsuuf qaama hunda'e Gaaddisa Hooggansa Oromoo keessatti jaarmiyaalee walitti qabaman jaha keessaattis dubartootaa hooggansa olaanaa keessatti hammataman arguun hin danda'mne.

Hirmaannaan dubartootni hooggansa jaarmiyaa siyaasaa morkattootaa keessatti qaban maaliif gad aanaa ta'e? Ogeeyyiin rakkoon ijaarama hawaasummaa uummataa bira jiraa jedhu.

Seenaa siyaasa Itoophiyaa haaraa keessatti dubartootni maqaan isaanii dhahamu hedduu miti.

Seenaa siyaasa Oromoo harki caalaan isaa qabsoon guutame keessattis aarsaa qabsoon gaafatu gama hedduun kaffaluun alatti dhaaba siyaasaa keessatti ijaaramanii dhaabota siyaasaa hoogganuun dubartoota mallattoo fakkeenyaa ta'an eeruun ni rakkisa.

line

Odeessaalee walitti dhiyaatan kanneenillee dubbisuu maltan:

line

Namootni siyaasaa tokko tokko haalli siyaasaa biyyattii danqaalee hedduun kan guutame waan ta'eef dhiirootaafu qormaataatu itti baayyataa jechuun hooggansa jaarmiyaa siyaasaaf dhiroonni qofaan heddummachuu akka sababaatti eeru.

Haata'u malee ijaarma siyaasaan alatti qormaataafi aarsaa qabsoon gaafatu baasuutti gaheen dubartootaa kan dhiiran gad akka hin taane fakkeenyonni eeraman danuudha.

Ogeettiin saayinsii siyaasaa Aadde Amaanee Badhaasoo qabsoo Oromoo isa waggaa as dhiyootti gaggeefamaa turettillee dubartoonni,''harka qullaa milishaa TPLF dura dhaabbataniitu du'anii, gudeedamaniifi hdihaman jetti.''

Jaarmiyaalee siyaasaa keessatti hooggansa dubartootaa dhabuun maalirraa madde jechuun BBC'n ogeeyyi waliin marii kallattii taasiseen sababni guddaan hawaasni biyya kanaa olaantummaa warra dhiiraa jalatti kan kufe ta'uutu himame.

Miseensota dhaabbilee siyaasaa Morkattootaa

Madda suuraa, SM

Ibsa waa'ee suuraa, 'Rakkoo guddaan ijaarama hawaasa uummata Itoophiyaati'

Falmattuu mirga namaa kan taateefi hojiilee dubartoota jajjabeessan kan hojjettu aadde Seenaa Jimjimoo hirmaannaa dubartootaa gama siyaasaan jirurratti wanni akka waanjootti fe'amera jettu ni dubbatti.

''Biyya akka Itoophiyaatti bakka dubartootni eegamanatti argamuu dhabuu isaaniif sababni olaantummaan dhiiraatii'' jetti.

Akka addunyaattiis qabsoo mirgaa keessatti gaheefi aarsaan dubartootni kaffalan guddaa ta'uus bu'aa qabsoon fide jaarmiyaan utuubanii irraa fayyadamuutti wanna daanqaa itti ta'u baayedha jetti.

Rakkoon kun harka caalaan mijaahuu dhabuu haalotaa osoo hin taane, qoccollaa saalaa, xiinsammuufi qaamaatiis jetti.

Kanneen irraa kan kahe bu'aa qabsoo isaaniin argatan hirmaannaa siyaasaa isaanii ol giddisuun irraa fayyadamaa hin taanee jetti.

''Oromoon yeroo dheeraaf sirna gabroomfata jala buluun aadaa isa dubartoota ol qabu akka gatuufi dhiiroti miidhaman ofitti amantee waan dhabaniif deebisanii dubartootni ol akka hin dhufne cunqursan'' jetti Aadde Amaaneen.

Dhimma koorniyaarratti yeroo dheeraaf kan qo'ate akkasumas ogeessaa qo'annoo hawaasaa kan ta'e Dr. Birhaanuu Magarsaas akka waliigalaatti siyaasaa Itoophiyaa addatti ammoo siyaasaa Oromoo keessatti hirmaannaan dubartootaa gad aanaa kan ta'eef hanqina dubartootaarraa kan ka'e mitii jedha.

line

Marii kallattii:

Maxxansa Facebook irra dabri

Qabiyyeen kun hin argamne

irratti dabalatan ilaali FacebookQabiyyeewwan maddawwan alaa irraa ta'aniif BBCn itti gaafatamaa miti.

Xumura maxxansa Facebook

line

Siyaasa Itoophiyaa keessatti hirmaannaan dubartootni hooggansaa jaarmiyaa siyaasaa keessatti qaban ija guutee mul'achuu kan hin dandeenyeef, hanqina isaaniirraa kan ka'e mitii kan jedhu Dr Birhaanuun, rakkoo guddaan ijaarama hawaasa uummata Itoophiyaati jedha.

Ijaarama hawaasummaa biyyattii danqaadha jedhaniin kana cabsanii bahuuf yaalan jiru, ammallee ijaarama hawaasummaa dubartoota hojii golaatti qofa hidhee jirutu ammallee dubartoota jajjaboo siyaasa keessatti jijjiirama fiduu danda'an takaalee jedhu.

MM Abiy Ahimad gara aangootti erga dhufanii booda kaabinee isaanii keessaa walakkaa isaa dubartootni akka to'atan gochuun sadarkaa idila addunyaatti wanna dinqisiifinnaa argate akka ta'e kan kaasan ogeeyyiin kun lameen, hojiin kun sadarkaa hundatti gadi bu'ee akka hin mul'anne kaasan.

Gama biraan Amaaneen immoo,''dubartonni aangootti dhufan kunneen gaaffii isa sirrii yoo hin kaasan tahe akka saba sobuuttin ilaala,'' jetti.

Itoophiyaa keessatti dhaaba biyya bulchaa jiru keessatti yeroo ammaa dubartootni lama aadde Mufaariyaat Kamiiliifi Injinar Ayiishaa Mohammad dura taa'ota dhaaba naannilee Uummatoota Kibbaa fi naannoo Affaar bulchaniiti.

Dabalataaniis koree hojii raawwachiiftuu ADWUI kan angoo murteewwan dhabni biyya bulchu murteessuu qabuu keessattis dubartootni qubaan lakkaawaman ni argamu.

Haata'u malee hirmaannaa dubartootaa hanguma dhaaba biyya bulchuu keessatti arginu garuu dhaabbilee siyaasaa mormituu keessatti arguu dhabuun rakkoo guddaa akka ta'e aadde Seenaaniis Dr. Birhaanuunis waliigalu.

''Dhaabbileen siyaasaa morkattootaa dubartoota gara hooggansa olaanaattis miseensummaattis yeroo yaaman hedduu hin mul'atu'' kan jettu Seenaan, haala Kanaan baayyina uummataa biyyattii keessaa walakkaa kan ta'an dubartootni bakka bu'aa quuqama isaa beekuuf filannoorratti akkamiin akka hirmaachisu yaaduun nama rakkisaa jetti.

Dhaabbileen siyaasaa morkattootaa waan dhaabni biyya bulchaa jiru hojjechaa jiru caalatti fooyyessanii hojjechuu osoo qabaatanii gama Kanaan hedduu laafanii aragamuun isaanii ''nama gaddisiisaas,'' jedhu.

Aadde Amaaneenis dubartoota hoggantummaa paartilee mormitootaa keessatti araguu dhabuun qabsoofi hegeree uummata keenyaa waan baayyee miidhu jedheen amana jetti.

Caaseffamni Jaarmiyaalee siyaasaa morkattootaa gama kanaa rakkoo guddaa qabaachuu namatti agariisaas jedhu.

Dr. Birhaanuufi Aadde Seenaan hanqinni hooggansa dubartootaa uumurraa jiru hanqina hubannnoo siyaasas ta'e gahumsa dubartootaa osoo hin taane ijaarama hawaasummaa waan ta'eef Jaarmiyaalee siyaasaa jiran kana cabsuuf waan gahaa hin hojjennee jedhaniiru.

Dubartoonni Oromoo sirna gabroomfataa jalatti qofa osoo hin taane Oromoodhaanis akka cunqurfaman addabaabaayitti himamuu qaba.

Dabalataan immoo yeroo dubartooti gara aangootti dhufuu fedhan karaa irraa maqaa isaan jedhu warri dhiiroti sadarkaa olaanaa irra jiran, kunimmoo dhaabbachuu qaba.

Kanamalees seenaa ofii, mirga saba ofii, mari'achuufi waldaa dubartoota Oromoo addunyaa uumuun rakkoo ofiirratti abbaa tahuun dalaguu qabu jechuun kan himu immoo Aadde Amaanee Badhaasoo dha.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Piroofesar Kuwee Kumsaa

Fuula durattis Jaarmiyaaleen kun hanqina isaanii kan fooyyeessuu yoo baatan, jaarmiyaaleen hawaasummaa hedduun dhibbaa irratti uumuun karaa badaa ta'een isaan barsiisuuf dirqamuu jehaniiru.

Dhimma kanarratti hooggansa paartilee Oromoo akka ABO fi KFO irraa deebii argachuuf yaallee hin milkoofne.