Mormii siyaasaa Itoophiyaa: Gama paartilee mormituun dargaggoota caalaa jaarsoliitu waltajjiirra jira

(Bitaa gara mirgaatti) Hilliinaa Birhaanuu, Aregash Adaanee, Yonaataan Tasfaayee, Dr. Mararaa Guddinaa

Kibxata darbe gaafa Sadaasa 27, 2018 Ministeerri Muummee Dr. Abiy Ahimad gaggeessitoota paartilee morkattootaa waliin dhimmoota dimokiraasiifi sirna filannoo foyyeessuu irratti waltajjii tokko irratti mariyataniiru.

Waltajjiin kun ammoo paartileen siyaasaa jiru jedhaman hedduu kan walitti fide waan tureef qalbii namootaa hawwatee ture. Kan akka qalbii namootaa hawwatu taasise keessaa tokko waltajjichi jaarsolii dhiiraatiin kan guutame ture.

Dargaggootaafi dubartoota morkii siyaasaa Itoophiyaa keessatti

Haata'u malee, mormii waggoota dhiyootii asi biyyattii keessatti uumamanii jijjiirama amma dhufaa jiru kana keessatti ga'een dargaggootaa kan hunda caalu ture.

Kanaaf, bakki dargaggootaafi dubartootaa hirmaannaa siyaasaa gama mormuutiin eessadha? Kun gaaffii bu'uuraadha.

Gorsituu Seeraa Sirna Koornayaa kan taate Hillinaa Birhaanuu, "Morkattoota siyaasaa dubartoota hin hirmaachifne ni mormina," jechuudhaan warra sagalee isaanii dhageessifatan keessaa ishee tokkodha.

Morkattoonni siyaasaa qaawwa jiru guutna jedhanii ka'an kan dubartootaafi dargaggoota hin hirmaachifne ta'uun isaa faallaadha kaayyoo nan dhaabadha jedhuufiidha jetti Hilliinaan.

"Sirna tokko nan foyyeessa dhaabni siyaasaa jedhu tokko kan hunda hirmaachisuu dhabuufi haqa qabeessa ta'uu dhabuun filannoo ta'ee dhiyaachuu hin danda'u," jetti.

Ijoolleen durbaa hirmaannaa siyaasaan ala kan ittiin taasifaman lamatu jiru jetti Hillinaan. Kanaafis, hirmaannaa dargaggootaa yeroo jedhamu dhiirota qofaatu yaadama, dubartii yeroo jedhamu ammoo kan yaadamu dubartoota gurguddoo qofa akka ta'anittidha jechuun sababii kenniti Hillinaan.

Kana waan ta'eefis ijoollee durbaa osoo hin hirmaachisiin sirna dimokirraasii ijaaruun waanta danda'amu miti.

"Kan hirmaachisaa hin taane, lakkoofsaanis kan hunda hin hammanne osoo sabummaadhaan ta'ee kan baayyee balaaleffatamu ture".

'Dargaggeessi kan biyya dhaaludha' akkasumas ' hirmaannaa dubartootaafi gara aangootti fiduu suuta suutaan sirraa'a' kan jedhu hin fudhattu.

"Dargaggessi gaggeessaa booriiti yaada jedhuun malee har'a hin eegamu. Dargageessa kanan ta'e, nama kana ta'eefi dhimmas kanan qabu har'adha. kanaaf, kan har'aati malee kan gara fuula duraa miti. Hirmaannaan dubartootaas hanga ta'uu qabu osoo hin taane akka waan suuta jedhee dhufuutti ilaalama."

Akka Hilliinan jettutti paartileen siyaasaa filannoo boordii irratti hirmaachuuf barbaadan hirmaannaa dubartootaafi dargaggootaa hanga kanaa kan jedhu lakkoofsaan akka kaa'an osoo gaafatamanii gaariidha. Ulaagaa dirqisiisuu akkasii kanaan dhaabbileen dirqamaan hirmaachisoo ta'uu danda'u.

Seerri gama kanaan jabaate yoo jiraate ammoo paartileenis akkasuma imaammata dhimma koornayaafi dargaggootaa akka tolfatan akka taasisu abdii qabdi Hillinaan.

"Qabsoon keenya itti fufa"

Hundeessituun paartii Areenaa kan taateefi qabsooftuu ABUT Aadde Araggaash Adaanee, morkiin siyaasaa Itoophiyaa hanga har'aa kan daangeffameefi waltajjiin siyaasaa dargaggoota mormii bara jaatamman keessa dadammaqoo turaniin durfamaa jirudha.

Kun ammoo har'a akka jaarsoliin gaggeessan taasise sababa guddaadha.

"Dirreen isaa kan baayyee daangeffamaa ta'eefi walabummaa kan hin qabnedha. Hanga har'aa gama mormiitiiin kan jiran warra bara jaataman keessa warra ija jabinaan ba'anii dubbachuu danda'anidha.

Dargaggoon garuu waldaa dubartootaa, dargaggootaafi liigii dargaggootaafi dubartotaadhaan ukkaamfamanii qabamaniiru, jedhan.

Namoonni karaa fedha isaaniin karaan itti gurmaa'uu danda'an yoo hin jiraanne ammallee namoonni siyaasaa waggaa dheeraaf mormii gaggeessan itti fufuun isaanii akka hin hafne yaada dhiheessu.

Siyaasa biyya kanaa dubartoota hin hirmaachifne irratti qabsaa'uuf dubartoonni gurmaa'uun akka kana jijjiiran Aadde Araggaash ni amanu.

Kanaaf immoo heerri biyyatti waan gumaatu akka qabu amanu.

''Heerri kuni waan hojiirra hin oolleef ammallee waa'ee sarbama mirga namoomaa fi rakkoo dimookiraasii haasa'aa jirra. Jijjiiramni akka dhufuuf immoo qabsoo keenya itti fufna,'' jedhu Aadde Araggaash.

''Siyaasa jijjiirama dhabe''

Dubbii himaan duraanii Paartii Samaayaawii Yonaataan Tasfaaye namoota ministira ta'an, paartii keessa muudamaniifi kaan yeroo ilaallu ADWUI'n ejjennoo fooyya'aa akka horataa dhufe ni amana.

Faallaan immoo ''paartii mormituu namoota bara 1960fi 70'n dhuunfatame jijjiirama dhabeera,'' jedha.

Paartileen mormituu maaliif namoota buleeyyiin dhuunfatame? Isa jedhuf Yonaataan, hoggantoonni kunneen yaada biraa fudhachuu dhabuu isaaniifi dargaggoon immoo 'siyaasa barame'' keessa yeroo dabarsuu waan hin feeneefi jedhu.

Dabalataan garuu wantoonni kaan qorannoo fedhan akka jiran amana.

''Inni hojjetu yaaluu shiraaniifi adeemsa baramaan xaxamee karaa socho'u dhabee baha. Turtiin koos kanuma ture. Isin immoo kaleessa dhuftanii siyaasa nu barsiisuufi jedhama.''

Dhaabbileen mormituu hedduu miseensota dargaggoo hedduu akka qabaniifi caasaa dargaggoo akka qaban himu. Garuu, maaliif fuulduratti as bahani mul'achuu dhaban?

Yonaataan akka jedhutti caasaan jiraatus sirna siyaasaa 'ukkaamame' keessa dargaggoo muuxannoo hinqabnef keessa bahuun humna cimaa waan barbaaduufi hoggantoonni Paartilee mormituu immoo isaan alatti namni kaan akka guddate mul'atu hin fedhan.

''Dargaggoonis Jaarroleenis ni barbaachisu''

Dura taa'aan paartii Kongirasii Federaalistii Oromoo (KFO) Dr Mararaa Guddinaa dhaabi isaanii caasaa dargaggoo liigiidhaan ijaarame akka qabu dubbatu.

Inumaa caasaan dargaggoo kuni qabsoo kana olaantummaan ka dursaa jirudha jedhu. Tilmaamaan miseensi isaanii dhibbantaa 80 ta'u dargaggoo akka ta'e ibsu.

Dargaggoo kana akkamin gara hoggantummaa fidna? Kan jedhu yoo ta'e malee jijjiirama har'a dhufe dargaggootu fide jedhu.

''Hidhaadhaa kan baane, kan alaa gales masaraa Minilikii inni gales qabsoo dargaggoon malee kanbiraan miti.''

Isa paartilee mormituu keessatti dargaggoon maaliif mul'achuu dhabani isa jedhuf paartilee kanarraa mootummaatu gaafatamu qaba jedhu Dr Mararaan.

Gaaffii kana ka deebisu siyaasa biyyattiitis jedhu.

''Siyaasi Itoophiyaa waggoota 40 fi 50 darban hokkararraa hokka birattii taraa ture. Kana keessa mootummaan dargaggoo ari'aa ajjeesaa ture. Kanaafu, dargaggoon yookiin hidhaa keessa ykn baqatee ture.''

''Dargaggoonis jaarroleenis ni barbaachisu'' kan jedhan Dr. Mararaan paartii isaanii keessatti isaan lamman gidduu rakkoon akka hin jirreefi dargaggoof karaan akka hin cufamne himu.

Isa itti aanuuf dargaggoonis jaarroleenis hojii manee isaanii hojjechuun Itoophiyaa keessatti sirna dimookiraasii ijaaruuf kanneen qabsaa'an qabsoo kana osoo deeggaran akka gaarii ta'e amanu,